Jajjabeen ABO ykn Humni Addaa WBO Jechuun Kan Beekamu Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Injifannoo Galmeessan.

Adoolessa 22, 2013 | Madda Oddu ABO

Humni addaa WBO Dhiha Oromiyaa keessa sosso'u polisoota lama kanneen yeroo hedduuf ummata dararaa turanii fi dirqama diinaa fudhatuun WBO sakatta'uuf bobba'an haleeluun gaaga'e. Kanneen tarkaanfii Adoolessa 11, 2013 Godinaa Bahaa Wallaggaa Ona Limmuu Galiilaa bakka Harqumbee jedhamutti fudhatameen kanneen gaaga'amanis, Daanyee Balaachoo fi Laggasaa Getaachoo kan jedhaman tahuu ajaji WBO godinichaa hubachiise. Humni addaa tarkaanfii kana fudhate ibsa baaseen kanneen dhalootaan Oromoo fi ilmaan saboota biro diinaaf waardiyyaa tahuun ummata Oromoo irratti hammeenya hojjataa jiran gochaa isaanii akka dhaaban akeekkachiisee kanneen gorsa kana fudhatuu didan adabuu kan itti fufu tahuu fi kana raawwatuufis yomiyyuu caalaa qophii tahuu beeksise.

Gama biraan humni addaa WBO tarkaanfii Adoolessa 10, 2013 Harargee Dhihaa Ona Mi'eessoo bakka Ardaa Kurruufaa jedhamutii diina makiinaan sosso'aa ture haleelaa loltoota 17 fi konkolaataa ittiin sosso'aa turan barbadeesse. Loltoota diinaa ajjeefaman keessatti ajajaa 50 Malkaamuu Asaffaa fi ajajaa 10ni Gannoo jedhamu kan keessatti argaman tahuun mirkaneeffamee jira.

Kana malees humni addaa WBO Godina Wallagga Bahaa keessa sosso'u lukkeelee diinaa maqaa investmentiin ummata Oromoo qe'ee isaa irraa buqqaasanii fi golgaa kanaan ummata Oromoo basaasuun hammeenya gara garaa irratti raawwachiisaa jiran adabuu itti fufuun, Adoolessa 7, 2013 basaasa Wayyaanee tokko du'aan adabee jira. Tarkaanfii Wallagga Bahaa Ona Haroo Limmuu bakka Ayyaanii jedhamutti fudhatame kanaanis kan ajjeefame Anteneh getachew jedhama. Ergamaan diinaa kun qonnaa saliixaatti kan bobba'e fakkaatuun ummata basaasee diinaaf gabaasuu hojii duraa godhatee kan sosso'aa turedha. WBOn tarkaanfii kana fudhate ibsa baaseen tarkaanfii Wayyaaneen Godina Wallaggaa Bahaa onoota Limmuu Galiilaa, Guutoo Giddaa fi Saasiggaa keessatti fudhataa jiruun lammiiwwan Oromoo lafa isaanii dhabaa akka jiran hubachiisee akka daddaffiin dhaabamu, yo hin dhaabamu tahe kan dura dhaabbatu fi tarkaanfii barbaachisu kan fudhatu tahuu beeksisee jira.

I.U.Of!!

1 comment: