Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa uummata Sidaamaan kabajamu diddaa qindaawe haammatee dhufuun mootummaa wayyaanee dhiphise

Hagayya 07, 2013 | Qeerroo Fiichee

Ayyaanni Chambalaalaa Fiichee uummata Sidaamaan kabajamu diddaa uummataa harkisee mootummaa Wayyaanee dhiphise.Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sablammii impaayera Itoophiyaa keessaa irratti dhiibbaa garaa garaa gaggeessaa kan ture sabni cunqurfamaa Ayyaana kana irratti dura dhaabbachuun gaaffiilee mirgaa garaa garaa dhiyeessanii jiran. Gaaffiiwwan mirgaa mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef aangoo irraa haa buu, Kibbi kallattiidha malee uummata hin ibsu kanaaf Sidaamaan naannoo of dandeesse dha,Hidhamtootni siyaasaa haa hiikamanii fi kkf dhaadachuun mootummaa wayyaanee dhiphisanii jiran. Dargaggootni sidaamaa waraqaa dhaadannoo fi waamichaa galgala irraa kaasuun magaala hawaasaa fi bakkeewwan garaa garaatti kan bittinsan yoommuu tahu, uummatni haamileen mirga isaa akka gaafatu taasifamee jira. Mootummaa wayyaanees gocha kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun dargaggoota mana hidhaatti guuree ukkaamsee jira.

Dargaggootni sidaamaa
  1. Dargaggoo Sintaayyoo Lankaamoo
  2. Dargaggoo Amaaree Kamisoo
  3. Dargaggoo Biraanuu Kifle
  4. Dargaggoo Gaarradoo Hoomaa
  5. Dargaggoo Dastaa Chucha
  6. Dargaggoo Lammisoo Shuuraa
  7. Dargaggoo Dassaaleny Alamuu
Kanneen jedhaman dargaggoota 40 ol waliin mana hidhaa keessatti ukkaamsamanii jiran. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa karaa hidhaa fi ajjeechaa kan dura dhaabbatu tahuu duruu hubanne waan taheef itti fufinsaan diddaa gaggeessina jechuun dargaggootni sidaamaa ibsanii jiran.


No comments:

Post a Comment