Oromiyaa Bakkoota Adda Addaatti WBOn Injifannoo Galmeessaa Jiraachuu Ajaji Waraana Bilisummaa Oromoo Beesise

Hagayya 16, 2013 | Madda Oduu ABO

Humni addaa WBO Godina Wallagga Bahaa keessa sosso’u tarkaanfii Hagayya 12, 2013 fudhateen qabeenya miliyoonaan shallagamu barbadeessuu ajaji WBO Godinaa Wallagga Bahaa beeksise. Humni addaa WBO tarkaanfii kana kan fudhate Ona Haroo Limmuu bakka Yaasoo jedhamutti oggaa tahu qabeenyi barbadeeffames kan inveestera Wayyaanee Ibraahiim Asaffaa jedhamuu ti.

Tarkaanfii kanaanis:
  1. Saliixa kuntaala 600
  2. Boqqolloo kuntaala 800 fi
  3. Nuugii kuntaala 400 barbadeeffamuu ibsi bahe ni hubachiisa.
Inveestarri Wayyaanee kun qonnaan bultoota Oromoo fi Gumuz naannoo sana jiraatan lafa isaanii irraa ari’uun kan qotataa turee fi ummata dararuun beekamu dha. Ummatootni naannoo addatti ammo ummatni Oromoo tarkaanfii fudhatame kanaan gammachuu itti dhaga’ame ifatti ibsatanii, WBOn gaachanaa fi abdii ummata Oromoo ti jechuun cinaa kan dhaabbatuu itti fufan tahuu beeksisanii jiran.

Gama kaaniin humni addaa WBO waraana mootummaa Wayyaaneef qajeelfama kennuun kan ilmaan Oromoo Kofaleetti fccisiise Komander Tasfayee irratti tarkaanfii fudhate. Tarkaanfii hammeenyaa fi gara jabinaa ilmaan Oromoo irratti fudhatamaa ture keessatti hogganaa Faxinoo magaalaa Bishooftuu qooda ol aanaa kan qabaachaa ture Komander Tasfaayyee irratti tarkaanfiin kun kan fudhatame Hagayya 10, 2013 tahuu ibsi WBO hubachiise. Hogganaan waraana Wayyaanee kun kanaan duras Kaaba Shawaa Ona Dagam keessatti ilmaan Oromoo mana hidhaatti kan guursisaa fi ajjeesisaa ture tahuu kan hubachiise ibsi WBO tarkaanfii irratti fudhatame kanaan haalaan madaa’ee hospitaala Koriyaa keessatti waldhaanamaa kan jiru tahuu addeessee jira.

Tarkaanfii gara jabinaa Ona Kofaleetti fudhatame kanaan ilmaan Oromoo fayyaaleyyii fi meeshaa maleeyyii 20 ol ajjeefamuu namootni naannoo hubachiisaniiru.

Kana malees humni Addaa WBO humna farra ummataa irratti tarkaanfii fudhate. WBO Godinaa Wallagga Bahaa keessa sosso’u humna diinaa sababa WBO sakattaana jedhuun ummata irra qubsiifamee ummata saamaa, doorsisaa fi yakka gudeeddii raawwataa jiru, Ona Limmuu Galiilaa bakka Baddeessaa Gammadaa jedhamutti haleeluun midhaa guddaa irraan gahuu ajajni WBO godinaa kanaa beeksise. Tarkaanfii humna addaa WBO Hagayya 3, 2013 kanaan loltoota Wayyaanee ajjeefaman keessatti ajajaa 10 Taddasaa Danieel akkasumas Fiqaaduu Dessalee kan jedhaman kan argaman oggaa tahu miseensotni humna saglii bobbaatee hedduu haalaan madaa’uu ibsi bahe dabalee hubachiisa. Humni addaa WBO tarkaanfii kana fudhate gochaa diinummaa ummata Oromoo irratti humni diinaa raawwataa jiruuf mootummaan naannoo Oromiyaa fi bulchiinsi godinaa Wallaggaa itti gaafatamoo tahuu beeksisee, kanneen gochaa diinummaa waraana Wayyaaneef tumsaa fi golgaa tahan hunda irratti tarkaanfii kan fudhatu tahuu hubachiise.

Akkasumas gootichi WBO Godinaalee Ormiyaa gara garaa keessatti tarkaanfii diina irratti fudhataa jiruun diina irraan miidhaa adda addaa dhaqqabsiisaa jira. Akka kanaan humni addaa WBO Oromiyaa Bahaa keessa sosso’u Adoolessa 22, 2013 Harargee Dhihaa Ona Mi’eessoo bakkoota Doddotaa fi Bareedaa-Calloo jedhamutti lola dheeraa adeemsiseen waraana diinaa 21 hojii ala taasise. Ibsi Ajaja WBO Godinaa Harargee Bahaa akka hubachiisetti waraana diinaa gaaga’ame keessaa 7 battalumatti kan ajjeefaman, 14 ammoo madoo tahuu beeksise. Tarkaanfii WBO diina irratti fudhate kanaanis ummatni naannoo gammachuu fi deggersa WBOf gabu mul’isee jira.

I.U.Of!!

No comments:

Post a Comment