Murtiin Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa fi Duulli Uummata Oromoo Irratti Baname Qabsoo Oromoo Galii Hin Hanqisu: IBSA QEERROO BILISUMMAA

Hagayya gaafa 7 bara 2013 Manni Murtii Wayyaanee dhaddacha ooleen galmee barataa Dachaasaa Wiiruu jalatti barattoota Oromo 24 irratti murtii fudhate murtii haqa irraa jallatee fi duula ta’e jedhamee ummata Oromoo irratti baname waan ta’eef jallina haqa Oromoo kanaaf mootummaan Wayyaanees ta’e gartuun sirnicha tajaajiluun miidha hanga hin qabne baratootaa fi addattis ummata Oromoo irraan gahaniif gaafatama jalaa hin bahan.

Baratoota Oromoo Yuuniversitiilee adda addaa irraa walitti qabuun himata “mootummaa EPRDF mootummaa haqaa fi ummata Oromoo sirnaan tajaajilaa hin jiru jechuun ummata mootummaa irratti kakaasuuf qindooftanii waan jirtaniif maqaa shororkeessummaan yakkamtan” jechuun mootummaan Wayyaanee baratoota Oromoo dhaddacha isaa dhaabee murtii hidhaa wagga dheeraa fi gabaabaa irratti murteessee jira. Oromoon mirga akka gaafatuuf jettanii gara fuula duraatti hiriira bahuuf mariyataa jirtu jechuun barattoota yeroo hidhanii fi barnoota irraa ar’inan baroota dheeraaf muldhatee jira. “Ummati Oromoo gara fuula duraatti hiriira bahuuf jettu” jechuun barattoota maqaa qindeessummaan qabamanii yakka gara malee fi murtiin dabaa Wayyaanee irratti jigaa waan jiruuf sochiin dargaggoota Oromoo biyyoolessaa gochaa kana gadi jabeessee balaaleffata. Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu fi ummata Oromoo qe’ee irraa buqisuun rakkoo siyaasaa furuuf tattafachuun qabsoo diddaa ummata Oromoo tasa dhaamsuu akka hin dandeenye kanuma waliin beeksifna.

Baratooti Oromoo gama tokkoon FDG qindeessuuf yaadaniittu sababa jedhuun yakkamanii hidhamaa gama biraan ammo waan wal hin fakkaanne jecha shororkeessummaa itti maxxansuun himata hiikkaa hin qabneen itti banamee kanneen murtiin irratti kenname keessaa:


1. Barataa Dachaasaa Wiirtuu barataa Yuunivarsiiti Haroo Ammaayyaa hidhaa Waggaa saddetiin (8)
2. Barataa Ebbisaa Raatessaa barataa Yuunivarsitii Amboo hidhaa waggaa saddetiin (8)
3. Barataa Addamuu Shifarraa barataa Yuunivarsiitii Finffinnee hidha waggaa saddetin (8)
4. Obboo Barsiisaa Lammii jiraataa Finfinnee irraa hidhaa waggaa afur (4)
5. Barsisa Biraanuu Imiruu barsiisaa Koollii Kotobee hidhaa waggaa afur (4)
6. Barataa Geetuu Saqqataa barataa Yuunivarsitii Finfinnee hidhaa waggaa 3 fi batii 3
7. Barataa Seenaa Mararaa barataa Yunivarsiitii Arbaa Mincii hidhaa waggaa sadii (3)
8. Gazixeessaa Alemuu Tashoomee jiraataa Finfinnee irraa hidhaa waggaa sadii (3)
9. Barataa Dirriibsaa Damxee Yuunivarsiitii Finfinnee irraa hidhaa waggaa sadii(3)
10. Barataa Silaashii Soorii barataa Yuunivarsiitii Haroo Ammayyaa hidhaa waggaa (3)
11. Barataa Abdiisaa Guddataa barataa Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuu hidhaa waggaa sadii 3. fi batii 3
12. Barataa Mirreessaa H/Yesuus Finfinnee kolleejjii dhunfaa irraa hidhaa waggaa (3)
13. Barataa Damee Zarihuun barata Finfinnee Koolleejjii dhunfaa hidhaa waggaa (3)
14. Barataa Abdii Darajjee barataa Yuunivarsiitii Wallaaggaa hidhaa waggaa (4)
15. Barataa Alamayyoo Raggaasaa barataa Yuunivarsiitii Hawaasaa hidhaa waggaa (3)
16. Barataa Darajjee Geetuu hidhaa waggaa sadii (3)
17. Barataa Daagiim Baqqalee barataa Yuunivarsiitii Adaamaa hidha waggaa sadii (3)
18. Barataa Geetachoo Abarraa Shaambuu irraa hidhaa waggaa sadii (3)
19. Barataa Shaafii Said barataa Yuunivarsitii Jimmaa hidhaa waggaa sadii (3)
20. Jireenyaa Dassaaleny Waggaa (3)
21. Alamaayyoo Raggaasaa Waggaa (3)
22. Shaashee Sayid Waggaa (3)
23. Barsiisaa Lammii Waggaa (4)
24. Alamuu Tashoomaa Waggaa (3)
Kanneen jedhaman barattooti Oromoo balleessaa tokkoon malee dhaabbilee barnootaa garaagaraa irraa qabamuun keenneen hidhaman yeroo ta’u, mootummaan kun murtii diinummaa lammii Oromoo irratti fudhataa jiru madaa uumata cinqurfamaa daran jabeessaa deema malee akka hin dhinsinee fi qabsoo irraa hin dhaamne beekamaa dha. Sochiin daraggoota Oromoo biyyooleessaa (Qeerroo Bilisummaan) gochaan hammeen Oromoo irratti EPRDF raawwatu kun akka dhaabbatu gadi fageessee beeksisa.

Qabsoon Itti Fufa!Gabroomsaan ni kufa!
Injifatnoon Ummata Oromoof!

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa (Q.Bilisummaa)

Hagayya 13,2013 Finfinnee

No comments:

Post a Comment