Biyya Ormaa keessa jiraannuus Aadaan Ofii Dagatamuu Hin Qabu !

Fulbaana 10, 2013 | VOA

WASHINGTON, DC — Kan dhiyeenya kana kitaabaa fi siidii faaruu aadaa Oromoo irratti fulleeffate qopheessan Doktoor Kuwee Kumsaa keessumaa dubartootaa fi shamarran kan ilalaleen aadaan ture dagatamaa jira jedhu.

Kitaaba isaanii kan Songs of Exile jedhamu keessatti ijoolee Oromoo biyya Ormaa keessatti dhalatanii afaan warra ofii hin beekne waa’ee aadaa ofii hubannaa akka qabaatan gochuuf Afaan Ingliziin qopheesse jedhu Dr. Kuween.

Keessumaa Faaruun afaan oromoo kun Afaan oromoon barreefamanii hiiki isaas afaan ingliziin wal bira waan ka’ameef caalaatti hubannaa argachuuf gargaara jedhu.

Sidiin faaruu aadaa oromoo adda addaa of keessaa qabu Moggaafama Safuu jedhamu qabatee gabaa irra ooluu isaas Dooktoor kuween ibsanii jiru.

No comments:

Post a Comment