Uummanni godhina addaa naannoo Finfinnee jiraatu bishaan summaawaan miidhamaa jiru.

Fulbaana 10, 2013 | Qeerroo

BU’AA OROMIYAAN FINFINNEE IRRAA ARGATTE, Uummatni godina addaa Finfinnee jiraatan sababa xurii Finfinnee irraa gadi yaa’u hanqinna bishaan qulqulluutiin rakkachaa jiraachuun beekama.

Itti gaafatamaan waajjira Bishaan Albuuda fi inarjii godina addaa Finfinnee Obbo Maatiwoos Alamu akka jedhanitti aanota Finfinnee marsanii jiraatan keessaa aanaa Muloo qofaatu bishaan qulqulluu argachaa jira. Warri kaan garuu xurini
Finfinnee irraa gadi yaa’u waan bishaan faaleef bishaan qulqulluu dhabaniii rakkachaa jiru jedhaniiru. Bishaan boollaa yoo qotames bishaa summaa’aa waan taeef rakkoon guddaa mudachaa jira jedhaniiru. Fakkeenyaaf aanaa Aqaaqiitti gandoota 14 keessatti bishaan boolla gadi fagoo yoo tae malee bishaan qulqulluu hinjiru. Kun bu’aa Oromiyaan Finfinnee irraa argattedha.

No comments:

Post a Comment