Godina Lixaa Shawaattii Gaaffiin Mirgaa Amantoota Waqeffaannaa Jabaatee itti fufe.

Fulbaana 15, 2013 | Qeerroo Amboo

Hordoftoonni amantaa waaqeffannaa godina Lixa Shawaa Aanaa Ada’aa Bargaa mirga amantaa argachuu qabna jechuudhaan gaaffii lafaa iddoo itti waaqeffatan yeroo gara yerootti gaafachaa jiru. Deebiin jala deemtota mootummaa wayyaanee garuu, isin dhimmaa amantaa osoo hin taane kaayyoo siyaasa ABO ummata barsiisaa jirtu jechuun hidhuu fi doorsiisuu akka furmataatti fudhachuun, doorsisaa jiru. Gidduu kana walgahii magaala aanichaa Incinnii irratti taa’ameen isin gonkuma lafas ta’e eeyyama argachuu hin dandeessan jechuun murtee dabarsaniiru. Garuu, dargaggoonni naannichaa gaaffiin keenya duuba hin deebihu itti fufna jedhanii jala dhaabbatan. Deemaatii eeyyama Oromiyaa irraa fidadhaa jechuun deebii jallataa fi walxaxaa laataniiru.

Kanaan, alatti namni gaaffii qabna jettan maqaa keessan galmeessaa fidaa jechuun doorsiisaa jiru, Jiraattotni naannoo kanaas duraan gaafa iyyata galfannu maqaa keenya galmeessinee galchineerra inni har’a gaafatamnummoo kan maaliti jechuun jala deemtota mootummaa Wayyaanee fuuldura gaaffiin sardaa jiru.

Hooggantootni mootummaa wayyaanees nama lamaa ol taatanii magaalaa Mogorii fi Inchinnii keessatti argamnaan kan isin eeggatu hidhaa, dararaa fi kkf jechuun dargaggoota gaaffii mirgaa biyya abbaa isaaniirratti gaafatan doorsisaa jiru. Dhaamsi ummata naannichaas ilmaan Oromoo mirga keenyaa karaa nagaa waan gaafanneef doorsifamaa jirra, Oromoon hundii dorsisaa fi gadii qabaa mirgaa nurraatti dalagamaa jiruu nuf hubachuun bakka jirtan hundaa mirgaa keenya kabachiisuuf tumsa barbachisuu haa goonu jechuun dhaamsa dabarsataniru.

No comments:

Post a Comment