Ba’aa Wal Irraa Qooddachuun, Humna Ta’a Jiraachuu Keenya Mirkaneessa: KUTAA 2ffaa

Onkoloolessa 29, 2013 | Y.G(2005) 

Har’a diinni keenya Biyyaa keessaa fi alatti adda qoodamee kan nu irratti roorrisaa jiru ta’u hubachuun nama hin rakkisu.diinni keenya bifa lamaan nu dura dhaabbatuuf hojjachaa jiru kun, caba keenya ijaan arguuf hanga dadna’an hojjachaa jiraachuu dhala Oromoo eessallee jiruufu dhokataa miti. rakkoon jiru waan jarri kun barbaadanii fi hojjatanis wallaalu irraa miti. Diina bifa lamaa kana dura dhaabbachuu, qaamuma tokkotti dhiifnee teenye haa ilaallu moo, diina irratti walii haa gallu ykn ba’a mataa baayyifachaa jiru kana wal irraa qooddannee dura haa dhaabbannu? isa jedhu qindeeffachuu ykn qooda ofii ba’achuuf murteeffachuu dhabuudha.



Rakkoon kun haa jiraatu malee, kaka’umsi har’a argaa jirru kan kaleessa keessa keenya hin turreedha. Kana jabeefatanii waan nuuf hin hafnetti tarkaafachuun ala furmaati biro akka hin jirre irra jireessi walii galuu qofaatu hafa. Har’a Oromoo ykn nama Afaan Oromoo dubbatu kan qabsoo Oromoo keessa Oromoo fakkaate kan socha’u yoo hin ta’iin, dhalli Oromoo wal gawwamsuu yaalu jira natti hin fakkaatu. Hojii fakkeessaa uumee Ummata kana qalbii hatuu kan barbaaduus hagas maraa natti hin fakkaatu. Yoo ka’een deebi’ee taa’a jedhee yaade Yk kan kaleessaa irraa baratus, xiiqii eessaanu nama hin geenyen hiraaraa jiru yoo ta’e malee.

Wayyaanoonni waan wareegamaniif odoo hin taane, har’a jumulaan saba keenyaa kan fixaa jiran, qabeenyaa saaman jiraachisuuf jedhaniiti. Dhugaa jiru odoo beekanii Oromoon Angotti dhufnaan nu dhumate jedhanii yakka dhala namaa irrattii hin raawwatamne nu irratti raawwataa jiru. Warri alaa sochiin Oromoo isaan sodaachisu ammo, wayyaanee caalaa qabsoo keenya diiguuf, yoo milkaa’ef ammo dhabamsiisanii isaanis warra bitamu baree of dura qabanii nu gabroonfachuu barbaadu. Lameenu dantaa isaaniif arreedan. Nuutis dantaa keenyaaf arreeduun waan umamaati. Dantaaf fiigu kana keessa garuu, garaagarummaa qabnuutu jira. Isaan waan yaadan kana milkeessuuf humna qaban gututti itti fayyadamaa jiru. Qabeenyaa qabanis waan deemaniif kana milkeessuuf olfachuuf carraaqu. Nuutiwoo? kanaafn mata duree kiyya irratti, “BA’AA WAL IRRAA QOODDACHUUN, HUMNATTI GEEDDARAMAA JIRAACHUU KEENYA MUL’ISA ” kanan jedheef. Isaan koree keessaa fi  alaa jedhanii hojiilee hundaa abbaa itti godhanii afuura nu kutuu yaalu. Inni Biyya keessaas alaas. Waan deemaniif kana milkeessuuf miseensa kan ta’ee, kan hin taane hin jedhan. Waan taakkuu tokko isaan tarkaafachiiftu hunda irratti hojjatu. dhimma itti ba’u.nuutiwoo ??????

Kutaa 1ffaa keessatti :-
  1. OROMIYAAN MAQAA INVESTIMANTIIN GURGURAMAA JIRAACHU:-
  2. AMANTII WAL QABATEE WAAN GAGGEEFFAMAA JIRU:-
  3. QABSOO OROMOO DIIGUUF GANDUMMAA BABAL’ISUU:-
Qabxiileen tarrifaman kun ba’aa nutti heddummeessuu fi hegaree keenya dukkaneessuuf shiroota nuu irratti raawwatamaa jiran ta’uu kaaseera. Diina dura dhaabbachuuf adeemsa diinaa qoratanii of harkaa qabaachuun barbaachisaadha. diina dura dhaabbatuun ammo qawwee qofaan miti. Diinnis kan nu dura dhaabbatu qawwee qofaan miti. Waggaa lakkaa’ee dhalootaan nu irratti hojjachaa jira. Dhaloota lama gidduu seenanii qaawwaa ofii keessa sirban ummachuuf arreedaa jiru. Sochii kana Oromoonni Biyya keessaas ta’ee alaa, toftaalee diinaa kana dura dhaabbachuuf shira shiraan fashalsan hojjachuu qaban. Shirri kun kan halkan tokkotti argan odoo hin taane, kan yeroo fudhatan ta’uu ni malan.
4. OROMIYAA NAANNOOLEE BIROON WALITTI HIDHUU :-
Wayyaaneen kana gochuun irra jireessa, dhuka’aa bor nu dhabmsiisu hidhaa jirti jechuu dandeenya. Daangaan Oromiyaa hundi isaa shira kanaan xaxamaadha. Waan boruu bu’ura jireenya keenyaa ta’an hundumaa gama dingdeen jechuudhaa, saboota biroon akka qabamu taasisaniiru. Oromoota waa tattaafate ammo Naannoo biro keessatti akka horatan taasisaa jiran. Walii galatti saboonni Biyyatti keessaas ta’ee humnoonni alaa gama hundaan Oromiyaa keessaa dhimma guddaa akka qabaatan taasisaa jiran. Kun eenyullee jalaa dhokataa miti. Tarii kana furuuf bara Biyya qabannuu jechuu dandeenya. Isumaaf iyyuu har’a seera qabeessummaa fi seeraan ala ta’uu isaa qorachuun barbaachisaadha. dhalli Oromoo dhimmoota nu irratti raawwatamaa jiranitti dhiheenya qabu haala kana fashalsuuf ykn waan godhamu qabu irratti hojjatee kaa’uutu barbaachisa. Wayyaaneen waan hojjattu hundumaaf ragaa hin barbaachifne hundumaa dhabamsiisuu fi ana miti jechuuf akka hojjattu beeku barbaachisa.

Fakkeenya gabaabaa dhiheenya miidiyaa wayyaanee irraa dhageenye haa kaafnu.gidduu dabre waajjira, Ummatoota Biyyattii bakka dhalootaa, bakka itti du’an, itti dhalatan galmeessuuf seera haaraa baafatanii jiran. Waan biro keessa odoo hin seenne gaaffiilee muraasa haa kaafnu. Fakkeenyaaf qotate bultoonni maqaa Investimantiin buqqa’an eessatti galmaa’u? warri har’a Finfinnee weeraree jiruwoo eessatti galmaa’u? warri Oromiyaa keessaa ba’anii godinaa biraatti dhiibaman eessatti galmaa’u? yoo jennee gaaffii hedduu kaasuu dandeenya. Qubannaa kana keessa Abbooti Biyyaa buqqisanii weerartoota bakka qabsiisanii hireen magaalaa tokko akka murtaa’uuf sagaleen kenname gara barbaadanitti oofuuf hin mijatuu ? waan gaggeeffamaa jiru kana irratti ammumaa dura dhaabbachuun gaariidha. Wayyaaneen magaaloota Oromiyaa muraasa akka Dirre Dawaa, magaalaa sabootaa jedhanii moggaasuuf irratti hojjachaa jiraachuu haa hubannu. kana ummata keenya haa hubachifnu.
5. FINFINNEE TEESSOO GABROONFATTOOTAA TAASISUU:-
Finfinnee gama hedduun hidhaa keessa galchaa jiran. Finfinneen teessoo Gamtaa Afriikaa ta’uu ishee irraa Abbootiin Biyyaa waan argatan hin jiru.Finfinneen Niwoorkin fakkeessanii yoo ijaaranis bu’aan dhalli Oromoo irraa argatu tokkollee hin jiru. Osoo OPDOn kan Oromoof dhaabbate ta’e, akka heerri Biyyaa ajajuutti, Naannichaaf kan kennamuutu ture. Garuu maal godhu. Hanqaaquu maal irraa maal hin eegani malee.kana malees maqaa Finfinnee haaromsiinaan shirri gaggeeffamaa jiru galiin isaa, teessoo humna Dingadee Gabroonfataa, eenyullee fincila keessatti kaasu hin dandeenye taasisuuf hojjataa jiran. Manneen kondimineeyemii ijaaraman carraan haa jedhan malee ta’ee jedhamee sabummaan kan qoodameedha. Fakeenyaaf, Manni 4 kiloo kaasee hanga Magganaanyaatti ijaarame, Ajajoota waraanaa Hiwaatitu qabate. Bifa kanaan haala magaalaa kana illee itti tu’achuu danda’an qoratanii irratti bobba’an. Naannoo ministeera barnootaa Itoophiyaa boroo kaasee hanga sharaatanitti, ijaarsa kubbaaniyaa Allaamuddiniin hojjatame hundi isaa Abootii qabeenyaa wayyaaneef kenname. Sharaatanii kaasee hanga kaazaanchiis kan jiru wayyaanootatu qabate. Walii gala ilmaan Tigiraayi kuma 500 ol ta’an Finfinnee qubatanii jiran. Nama kana taa’ee qorateef, dhalli Oromoo kan yeroo kamirrayyuu caalaa jette jettee dhiisee waliif birmachuun yeroon kan laatamuuf akka hin taane hubata.

Bakka dhalootaa fi du’aa galmeessina jedhanii kan eegalan, kan qubate kana hundaa seera qabeessa taasisuufidha. Kan buqqa’es achi ofirra moggeessufidha. Kan alaa dhufee achittin dhaladhe jedhefis waraqaa raga laachuufi. Walii gala mirga gaaffii hin qabne, Abbaa Biyyaa kan hin galchine waliif kennufidha. Kan nama raaju galmeen kun Filannoo dura akka xumuramu taasisuuf hojjatamaa jira.Finfinnee keessatti Filannoo itti aanutti kan sagalee kennan, Tigirootaa fi deeggartoota of gurguran qofaadha jechuu dandeenya.

Walumaa gala Ba’aan wal irraa qooddannu lakkoofsa hin qabu. qabxiilee kanaan olii akka fakkeenyaatti hubannoof kan kaaseedha. Kana irraa ka’uun waan dandeenyu maraan diina waan sagal nu qaraa jiru irraa of haa ittisnu. Yeroon keessa jiru carraa keenyaaf tarii isa dhumaa ta’uu danda’a. yoo wal utubne kan itti injifannu, shira diinaa kanaan yoo laafanne, kan diina of irratti goobsinu ta’a. shiroota hedduu gorsa yk yaada Namootaan hanbiseen, qaama ilaallatuuf laachufan murteesse. Yeroon isaa garuu, dhibee lubbuuf nu qabdu keessa keenyatti yoo qabaanne illee, waliif OBSINEE shira keessaa fi alaa of irraa ittisuuf wal haa tumsinu.

GALATOOMAA !!!!!!!!!!!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment