NAMA FOON BEEKU SOMBAAN HIN GOWOMSAN!

Onkoloolessa 29, 2013 |Gabaasa Qeerroo Finfinnee irraa

Mootummaan Wayyaanee barattoota saayinsii fayyaa (medical science) baratan muummee barnoota gargaraatin Yuunivarsiitiwwan garagaraa irraa bara 2005 A.L.Htti  eebbifamaniif yeroo gargaraatti muummen addaan qoodee leenjii hojii duraa kennaafii jira.Mootummaan Wayyaanee barattoota hojii qabattachuu dura imaammataa fi tarsiimoo keenya beekuu fi beektanii fudhachuun dirqama keessan jedhee torbee darbe Onkoloolessaa 22, 2013  irraa kaasee magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Garbii(sangaa taraa) hoteela Waabee Shabaleetti barattoota muummeewwan barnootaa afur irraa Yunivarsiitii gargaraatii eebbifaman walitti qabee guyyoota afuriif leenjisaa turee jira. Muummewwan barnootaa kunniinis; Midwife, Optometry, Anaesthesia fi Saaykaatirii yoo ta’an ajandaan inni irratti leenjisuuf waame akkaataa hojiin itti hojjetamuu fi waa’ee seektara fayyaa ture. Haata’u malee haalli kun jijjiramee mootummaan Wayyaanee guyyaa walakkaaf waa’ee fayyaa irratti mariisisaa eerga turee booda fedhii barattootaa malee dirqamaan waa’ee siyaasa isaa itti lallabaa ture.


Mata dureewwan inni irratti leenjisaa ture;
  1. Ijaarsa sirna dimokraasii
  2. Misooma fi bulchiinsa gaarii
  3. Hidhaa haaromsa laga abbayyaa
  4. Midiyaa bilisaa(free press)
  5. Haala ijaarsa impaayeera itoophiyaa
  6. Dipiloomaasii biyyoota ollaa kanneen akka Eertiraa, Keeniyaa, Somaale ,Jibuutii fi Suudan wajjin qabu cimsuu akka qabu
  7. Dhaabbilee siyaasa kanneen shororkeessitoota jedhee paarlamaan isaanii moggaase waliin namni tokko hidhata qaba yoo ta’e dhiifamni akka hin godhamneef kan jedhu irratti leenjii jedhee kennaa tureera.
Barattoonni leenjii irratti argaman dhimma kana irratti leenji’uun nu hin barbaachisu jedhanii gaafannaan hirmaachuun fedhiidhani garuu namni leenjicha hin fudhanne akka hin qacaramne jalamuranii dubbatan. Barattoonni immoo hojii qabachuu waan fedhaniif kan garaa garaatu beeka jechuun waltajjicha isaanii hangadhumaatti irratti hirmatanii jiru. Mootummaan wayyaanee gama tokkoon siyaasa barbaadan deeggaruun mirga jedha gama kaanin immoo hojjetaan mootummaa kamiiyyuu imaammata keenyatti amanee fudhachuun dirqama jedha. Leenjii kana irratti mootummaan Wayyaanee qabxiiwwan itti aananii kaa’aman kana akka ibsa ejjannootti lafa kaa’ee jira. Leenjifamtoonnis dhimmoota isaan leenjisan irratti leenjisan kana akka hin fudhanne argisiisuf gaaffillee armaan gadii gaaffatan;
  1. Nuti hidhaa laga abbayyaafis ta’ee dhimma misoomaa kamiifuu mindaa keenya irraa saantimni tokko akka muramu hin eyyemnu.
  2. Mootummaan kun yoo democracy hordofa ta’e free press babal’isuu qaba.
  3. Miidiyaan itoophiyaa kaabineen hoogganamuun isaa hafee nama biraan hoogganamuu qaba.
  4. Miidiyaan itoophiyaa oduu hawaasaf dabarsu kamiiyyu ragaan deeggaree erga dhugoomsee booda ummata qaqqabsiisuu qaba.
  5. Diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 11.6 guddate jechuu eerga jalqabdanii waggaa shan lakkoofsistanii jirtu kun dhugaa osoo ta’e maalif hin dabalu ykn gadi hin bu’u, dhibbeentaa kana yommuu baastan ikonomistoonni addunyaa irratti hirmaatanii jiruu?
Walumaa galatti kaayyoon leenjichaa siyaasa Wayyaanee gara ummataatti fiduu fi ummata gara siyaasichaatti fiduudha. Leenjiin kun torbee kanas haaluma walfakkaatun torbeewwan lamaan kanas muummewwan barnoota gargaraa waliin itti fufa.Wanta baay’ee nama gaddisiisu mootummaan wayyaanee kaabinoota isaa yommuu leenjisu durgoo guyyaa tokkotti dhibba shan herreegaf garuu warra amataa irraa hin qabneef guyyaan dhibba tokko herreegaf. Maluma hantuunni beektu adurreenis beekti jedhuu mitiiree, leenjii kana irratti namni tokko siyaasa Wayyaanee kana amanee fudhachuuf fuula isaa waan gara isaanii naannesse hin fakkaatu. Yoomiyyuu kaayyoo qabnu galmaan gahuuf boodatti hin jennu jedhu barattootni wal gayicha irratti argaman.

INJIFANNOON  UMMATA OROMOOF!!!
GADAAN GADAA BILISUMMAA!!!!

No comments:

Post a Comment