Gatii fi gumaa Oromoota ajjeefamanii kan baastu Wayyaanee dha

Sadaasa 19, 2013 | Oromedia

Miidhaa fi roorroon ilmaan Oromoo irra gayaa jiru kan fala argachuu dnada’u yoo ummati oromoo hundee miidhaa fi roorro sanaa ofirraa kaase ta’uun heddumminaan haasayamaa jira.

Haata’uutii, mala dhibdeen Oromoo kun ittiin furmaata argatuu danda’u irratti karaa fi tooftaa waloo akeekuun heddumminaan ibsamaa hin jru.


Oromedian akka waltajjii Oromoo addaddaa irratti argamee hubatetti, oromonni biyyoota garaa garaa keessa qubatanii jiran haala Oromoo fi Oromiyaan keessatti argaman irratti yaaddoo olaanaa ibsachaa jiran.

Yaadota torbaa kana keessa karaa addaddaa walitti qabame irraa akka hubachuun dnada’ametti, yeroo ammaa kana biyya keessattis, biyya baqannaa keessattis miidhaa fi roorroon jajjabduun ilmaan Oromoo irra gahaa jira.

“Hundeen roorroo kanaa srina garboonfannaa leellisuudha,” kan jedhan yaada kennitooti kunneen roorroo san ofiraa buqqisuun furmaata isa duraa ti jechuun fala isaa ilee walumaan akeekanii jiru.

Yeroo ammaa kana biyyoota akka Sa’ud-Arabiyaa, Yaman, Masirii, Jubuitii fi kkf keessatti miidhaa fi roorroo ilmaan Oromoo irra gahaa jiru kan maddisiisan keessaa kan duraa, sirn Habashaa biyya oromiyaa humnaan qabatee ta’uu akan ibsan maanguddoon Oromoo tokko immoo, Gatii fi gumaa namoota keenyaa kan baasu, Wayyaanee dha,” jedhaniiru.

Ammas falli keenya, tokkichi “ABO jabeessuun mirga abbaa biyyummaa keenya mirkaneeffachuu dha, “ kan jette baqattuun Oromoo biyya Yaman keessa karaa email nuuf barreessite akka ibsitetti, ajjeechaan biyyoota ollaa fi Araabaa keessatti Oromoota irra gahaa jiru itti fufiinsa miidhaa fi roorroo biyya keessaa ta’uu illee dabaltee ibsitee jirti.

“Kan biyyaa nu baasa jiru, roorroo dha,” kan jedhe barataan Oromoo, biyya Keeniyaa keessa qubatee jiru immoo akraa skype akka nuuf ibsetti, “biyya keessattis roorroon nutti jira; biyya alaattis yoo bane nurra dhaabbacha ahin jiru,kanaaf falli jiru “Ba’aa kana xiqqeessuuf gara biyya ollaatti baqachuun cinattis, Mootummaan Oromoo jabaa akka dubbatuuf marxifannee hojjachuu qabna” jedhee jira.

“Amma falli jiru, kan nuuf dubbatu argachuu dha; kan roorroo nurraa ittisu magarfachuu yookana guddifachuu dha.” Kan jedhe gaazexeessaan Oromoo tokko immoo, “Falli qabnu, ABO jabeessuu dha; WBO jabeessuu dha; hidhannoo keeya jabeeffachuu dha; Biyya keenya humnaan nurraa fudhatame, humnaan deebifachuutti bobba’uudha; imimmaan keenya kan qoorus gaafas callaa dha,” jechuun dhaamsa jabaa ilmaan Oromoof dabarsee jira.


No comments:

Post a Comment