Waggaa 8 ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 07, 2013

Farreen dimokraasii, bilisummaa fi walabummaa, sirna abbaa irrummaa fi cunqursaa diriirfatan tikfatuuf, akkasumas kanneen kabajamuu mirga sabootaa dura dhaabbatan gaaffii ummatootaa ukkaamsuuf shira adda addaa raawwatu. Danda’an dhaamsuuf dadhaban ammoo ukkaamsuuf tooftaa gara garaatti fayyadaman. Humna waraanaatti gargaaramuun dhaabamsiisuu, duula qoor-qalbiin ummata hamilee cabsuun qabsoo irraa fageessuu, gaaffiin ummataa kan deebii argate fakkeessanii dhiheessuu fi ololuu, dabrees gaaffiin ummatootaa akka hin jirretti haaluun sirna isaaniin utubame jireessuuf carraaqan.

Dokumenti Guutuu

No comments:

Post a Comment