FINCILA DIDDAA GABRUMMAA

FINCILA DIDDAA GABRUMMAA 

Fincila roorroon dhalchu, fincila aadaa gootaa,
Ittisaa roorroo alagaa, tiksaa mirga dhalootaa.
Ni fincilla gurmoofnee, ni didanna gabrummaa,
Cunqursaa dhabamsiisnee, gonfachuuf bilisummaa.

Itti hin lakkifnu diina, saamichaan nu quncisuu,
Lafa keenya gurguree, abbaa biyyaa buqqisuu.
Addunyaattis ni himna, deebisnee deddeebisnee,
Daba diinaa saaxiluuf, dhugaa keenya beeksisnee.
Ijaaramnee falmannee, jilbeenfachiisna diina,
Diddaa keenya cimsinee, sirna gabrummaa diigna.
Daandii dhugaa irra jirraa, bilisummaa gaafannee,
Alagaa jala hin bullu, haqa keenya haalamnee.
Addunyaa dharti mootee, dhugaan yeroof qallattus,
Gaaffiin haqaa dhiibamtee, abbaa humnaaf bal’attus,
Abdii kutnee mohamnee, gabrummaaf hin hoggollu,
Bakka jirruu murannee, mirga keenyaaf haa lollu.
Rakkoo qabsoo obsinee, roorroo alagaa faccisnaa,
Ulfinaa fi bilisummaa ilmaan keenya dhaalchisna.
Mirga keenyaaf finciluun sirrii tahuu hin shakkinuu,
Mootummaa gabroomfataa hanga of irraa darbinuu.
Akka roorroon dhabamee sirni haqaa gad dhaabbatuu,
Amma illee ni fincilla diddaan keenya hin laaffatu ! (2)
Malkaa Caffee
Sadaasa 06, 2013
malkaacaffee@gamil.com

No comments:

Post a Comment