Bulchootii Addunuyaa ‘Maadibaa’Hariyaa Taaddesee Birruu Ka durii,Mandellaa Faarsumatti Jiran

Muddee 06, 2013 | VOA Afaan Oromoo

WASHINGTON, DC — Perzdanatiin Afrikaa Kibbaa ka durii, Afrikaa Kibbaa bittaa Appaartaayidii, jabana bifaan nama jibban kaanbilisoomsuuf qabsaahaa bahee ganna 27 hidhameefii karaa nagaatiin qabsaahee  addunyaa fkn tahe kaan, kalee galgala, Muddee 05, 2013tti manuma ufiitti lubbuu dhabe.

Bulchootii addunyaa ammoo nama jabaa kana faarsumatti jiran. Muummeen Ministera Itophiyaa Hayilee Maariyaam Dessaalenyi, Maandellaan nama jabaa ilmee namaatii  naasuu qabu jedheen.

Maandellaan nama miilotii akka Taaddasaa Birru, Kumaalaa Guutaa Dinqaatii fi Fiqaaduu Waakkannee faan Itoophiyaatti leenjii leenjsiaa bahan.

Perzdaantiin Amerikaa Baraak Obaamaa, Maandellaan nama jabaa  hujiin isaa nama miliyoona heddu jijjiirteen faarse.


Yoo Afrikaa Kibbaa dhaqellee tanuma arge. Ani nama miliyoona hedduu Mandellaa irraa waan hedduu barate keessa tokko. Hujiin tiyya ta Siyaasaa ta duraallen akka bulchiinsii Appaartaayidii baduu qabsaahuu. …Abdiin jiraachuun maan akka qabdu irraa baranne.”

Alaabaan Amerikaa du’a Maandellaa tanaaf guyyaa sadii gadi buusani fannisan.

Perzdaantii Amerikaa ka durii Billl Kilinton, George W.H Bush fi Jimmy Carter faan Maandellaan nama qabsoo mirga namaa walqixummaa fi wan hedduun qabsaaheen faarsan.

Iti gaafatamaa guddaa Tokkummaa Mootummotoaa Baankii Mooniitiif, Maandellaan “nama akka addunyaan ardii dansaa taatu hojjate.”

Muummeen Misnitera Afrikaa Kibbaa F.W.de Klerk, Maandelaa waliin badhaasa Noobel argatee “wannii Maandellaan nuu dhiise guddoon arraara fi wal dandahuu.”

Bulchooti akka Koofii Anaanii fi Dez Moon Tuuttuu,Dali Lama, Davdi Kameronii, Mohamda Abbaas, Benjaim Netanyahu fi namii hedudun akknauma Mandellaan abbaa araaraatii fi Tokkummaatiin faarsan.

Akka Perzdanatiin Amerikaa ka durii, Biil Kiliintonii fi iGeorge W. Bush “Maandeellaan qabsaahaa mirga ilmaan namaa ka walabummaa, ka ulfinnaatii fi walqixxummaati qabsaahee seenaa biyya isaa jijjiire.”

Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa ka durii Baann Ki-moon akka namii akkuma Maandellaa addunyaa wayyaa qabdu tolchuuf hojajtu gaafate.

Bulchaan Tokkummaa Mootummootaa ka durii Koofii Anaanii fi Paaster Deezmoon Tuuttuu Afrikaan bulchaa akka biyyitii hin bobeenne tolchu qabaachuufuu milki qabdi jedha.

Qabsooftuun mirga ilmaan namaa ta badhaasa Noobelii argatte Aung San Suu Kyilleen Maandellaan nama jabaa ka jireenna ilmee namaa karaa qabsiise jetti.

Itti gaafatamaan umamta Tibeeti Dalai Lama ka badhaasa addunyaallee argate ammoo “Hariyaa guddaa dhabdullee qalbiin isaa numa bira jira.”

Muummeen Minsitera Biriitish Deevid Kaameroon ibsee guddootti addunyaa irraa dhaame jedhe.Akka muummee minsitera Israahel Benjamin Netanyahutti ammoo “nama jabaa bara keennaa guddaa.”

Perzdaantiin Chaayinaa Xi Jinping dootii Maandellaa “guddoo nu rifachiifte,gaafa Chaayinaatti marroo lama imaltuu dhufee hariyummaa Afrikaa Kibbaatii fi Chaayinaati  jabeessee guddinna ilmee namaatii qabsaaheen qaabanna.”

Perzdanaantii Haiti Michel Martelly Maandellaan fkn demokiraastii ka wal qixxummaa ilmee namaatii qabsaahee egerillee qabsaahu.

No comments:

Post a Comment