Gufuulee qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO): Kutaa- 1ffaa

Mudde 22, 2013 | Leellisaa Bilisummaa Irraa

Qabsoon sabaa / national movement/ lammii hunda ilaalti. Hundi waa'ee saba isaa itti dhagahamu, biyya isaa jaalatu fi cunqursaa saba isaa irra gahu falmuu murteeffate qooda keessaa fudhatuu danda'a. Ati wallaalaa, ati goota, ati sodaataa ati kaleessa as turtee fi achi turteen qabsoo saba keessatti bakka hin qabu.

Namuu waanuma dandahu godha. Namuu kan madaalamuu fi madaalamuuu qabuun waanuma qabsootti erga dabalamee hojjate tahuu qaba. Hunda caalaa kan bakka qabaatu waan ar'a hojjatanii fi gaaffii lammii yeroo dhagahanitti dirqama fudhachuuf qophii tahuu qofatu gaafatama.

Namootni qabsoo sabaa kana keessatti dhaamsa biyyaa fi ummata irraa dabru yeroo tokkotti hin dhagahan. Jechuun haalli keessa jiraatanii fi dammaqiinsa isaanii akkasumas kanneen dhaamsa kana dabarsan dandeettii nama amansiisuu isaan qaban irratti hundaa'aa yeroon isaan dirqamaaf of qopheessan. Ummata jaarmaya cimaa qabu biratti lammii hundaan dhaamsa kana gahuu fi deebii argachuunis ulfaataa miti.

Jaarmaya dadhabaa ummtaan deemuu dandeettiin hin mul'ifne keessatti ammoo dhaamsi biyyaa fi ummataa dhagahamuu fi deebii argachuun hafee hubachuunuu rakkisaa taha. Maaliif yoo jenne jaarmyaan dadhabaan yeroo hunda wanni dubbatuu fi hojjatu wal- faallessa. Waa'ee ummataaf of wareeguu fi kabajaa isaa tiksuu osoo dubbatu kan ummata wareeguu fi ummata salphisu tahee argama. Lammii dhaamsa sabaa ittiin gahe, dhaamsa kanas fudhatee sabaaf duuluuf itti makamu hojii isaaniin malu irratti bobbaasuu waan hin dandeenneef hamilee lammii cabsee onneen qabsoo akka keessatti laamshoftu godha.

Kanneen hafanis akka dhaamsa ummataa karaa jaarmaya dadhabaa kanaan dhufuuf gurra hin kennine taasisa. QBO keessatti wanni argaa turre kanuma. Ummata qabsoof itti makamaa ture hojii qabsoo irratti bobbaasuu ykn diina irratti duulchisuu osoo hin taane, deebi'anii irratti duuluu dha. Qabsoof akka lammiin haala qabsoof bu'aa argamsiisu keessatti of wareegu aanjessuu osoo hin taane Oromoo gar-malee lubbuu fi maqaanis wareeguu /character assasination/, salphisuu fi bakka jaalalaa duula wal jibbaa qabsaawotaa fi saba gidduutti babal'isuu dha.

KUTAA 2ffaa DUUBISUUF ADDANA TUQAA

No comments:

Post a Comment