"Minilik.... Bofa Guurraacha": Hawwii Caalaa irraa

               

Seenaan daawitii dha dhalotaan ilaalama
Hojiin gaarii darbe ittiin yaadatama
Jiruun hawaasa tokko ittin madaalama
Yaadannoo dha seenaan yoom irraanfatamaa
Seenaan utubaa dha;utubaa jireenyaa
Bu`uura sabaati;hin qabu fakkeenyaa
Seenaan galaana;bal`aa dha keessi isaa
Gargar kan hin baafne soreessa fi hiyyeessa
Kan gaarii hojjate seenaan isa kaasa
Hin dagatamu yoomu ni himama waa`en isaa
Dhalonni ittin boona ol qabe maqaa isaa
Hojjatee waan darbeef hojii gammachisaa
Seenaa maali qaba kan gaarii hin hojjanne
Saba midhuu malee kan bu`aa hin buufne
Abbaa irree ta`e ummata gadi cabsee
Murna tokko olkaasee kaan gad-deebisee
Ofiin sanyii rabbii jedhee of moggaasee
Kaanin gadi cabsuun bineessaan qixxessee
Jara kanneen keessaa Miniliik isa tokko
Oromoo kan saaxilee gadadoo fi rakkoo
Gara-jabeessa inni hin qabu namummaa
Hameenya yoo ta`e malee hin beeku gaarummaa
Ummata koo nagaa waamee manaa baasee
Dhiraa fi dubartii hiriira qabsiisee
Gara-jabeessa ta`u isaa ifatti kan mul`isee
Harmaa fi harka saba koo dabareen cirsiise
Dhala namaa miti inni waraabessa
Bifaa fi amalaan kan ta`e fokkisaa
Oromoo kan nyaate sababa tokko malee
Godaannisa qabna kan Calanqoof Annolee
Ta`ee otoo jiru Miniliik bofa hamaa
Dhiiga Oromoo kan xuuxe sanyii abaaramaa
Har`a maaltu dhufnaan maaliif yaadatamaa
Madaan inni nutti fide yoom fayye haga ammaa
Lamuu hin deebi`u Miniliik darbeera
Lukkeewwan akka isaa kumaatamaan horeera
Hojii isaa kaleessaa akka gaaritti kaasu
Motii gurraacha jechuun maqaa itti moggaasu
Oromoon damaqeera lamuu hin gowwamu
Bofa dhiiga xuxuun motii jedhee hin waamu
Seenaa irraa barannee waan baayyee hubachaa
Nuti immoo jenneerra Miniilik bofa gurraachaa!

No comments:

Post a Comment