“OF ILAALLEE” GAAFFII OF GAAFACHUUN, ULAAGAA NAMUMMAATI! [Kutaa 2ffaa]

Muddee 25, 2013 | Y.G (2005)

Kutaa 1ffaa duubisuuf Addana Tuqaa
Kutaa 2ffaa
Barri 2013 goolabamaa jira. Waggaa keessa dabarree tana, akka dhuunfaattu maal fakkaata? jedhanii of gaafachuun, isa dabree fi isa haaraa giddutti garaagarummaa Namummaa uumuuf tola. Waan dhuunfaatti yaadan walitti ida’amee kan waloo ta’u kan eegalu, yoo akka walotti yaadu eegalleedha. Dhalli Oromoo addunyaa kana irra jiru, karoora baafatu keessatti, waan sabummaa isaa hin yaadatu taanaan, Ani Oromoo ofiin jechuu irraa dhaabbachuu qaba. Namni eenyummaan isaa fi sabni isaa gaaffii jala jiru, ykn gabrummaa keessa jiraatu, garaan quuftee bulteef ykn sirbee buleef ykn ija of jaamsee waan ta’aa jiru callisee ilaalee addunyaa mataa isaa keessa gangalataa jiraatu tokko, ani jiraadhe jedhee kan jireenya fakkeessii keessa dabre dinqisiifata taanaan kun namummaa hin ta’u. of sobuudha.Umuriin gabrummaa keessaa umurii miti. Akka Amantiittis, akkuma namummaattis umuriin gabrummaa keessaa umurii hin ta’u. gabrummaa keessa jiraate, GALATA ISAA! jedhee kan of gawwamsu dondha qofaadha. Sababaan namni umamaan waan kennameef itti ihiri’atee jiraate, namummaan isaa mataa isaa hir’uudha jechuudha. Lafa kana irra deemanii dabruuf yoo ta’e ammo, Ilbisoonnu ni jiraatu mitiree??????????

Bara 2013 keessa addunyaa irraa namoonni hedduun godaananii jiru. kanneen keessaa, kanneen akkaMAANDEELLAA FI MIRGA UMMATA ISAANIIF KANNEEN WAREEGAMAN BAKKA OL AANAA QABU. maaliif jennaan, Seenaa dubbatamuuf waan qabaniif jennee deebii laachuu dandeenya. Haala kanaan namni Ummati isaa gabrummaa jala jiraachuu odoo beeku, jiraachuuma filatee lubbuun dabarte, dhaabbittu du’ee turewoo maal gadduuf? gama kanaan namoonni bakka jiranitti saba isaaniif gootummaa meeqa raawwachuu danda’an, odoo bara lakkaa’anii fi qaama biro irraa bilisummaa eeganii kan dabran meeqatu jira? ofittummaa isaanii irraa ka’anii, beekumsaa fi dandeetti isaaniin  ummata isaanii osoo hin fayyadiin, yeroo lubbuun jiranitti addunyaa irrattu bakkoota murteessoo kanneen turan, Sirnuma gabrummaan Qsimattee lakkoofsa qabu laata? Namni akkamiin waan waggaa 100 oli irraa hin baratu? Dhalli Oromoo bakka maraa jiru wayita of-gamaagamu, kana illee ilaallachuu qaba. inni lubbuun jiru ammoo, isa bakka akkasii jirutti fayyadamuuf tattaafachuun barbaachisaa fi waan ilaalalmu qabuudha. Waan har’a fagoo nutti fakkaatu dhihaachuun hin hafu. Maal gumaachiteen? of gaafachuu fi wal gaafachuun waan hin hafne.
BARA 2013 FI QABSOO OROMOO ,
Qabsoo Oromoo gamaagamuuf yeroo isaa natti hin fakkaatu. Akka walii galaatti ilaalufis, qaama ana irra odeeffannoo fi humna isaa qabu waan jiruuf gamaagamu kanuma ilaallatufan dhiisa. Garuu waan mooraa qabsoo Oromoo jajjabeessuuf taasifamu, kan bara 2013 keessatti kaasuun rakkoo kan qabu natti hin fakkaatu. Bara 2013 Mooraa qabsoo Oromoo keessatti wanni mul’atu inni guddaan, tasgabbaa’uudha. Mooraa kana keessatti kan hirmaatu hundi isaa, Qabsoo Oromoofis ta’e, Ummata Oromoof, Oromoon ala eenyullee akka hin jirre kan huabtame fakkaata. Waan keessa dabran irraa waa hedduus kan baratame fakkaata. Wal abaaruun eenyufillee akka hin tolle nu akeekeera. Mooraan qabsoo haala kana keessa jiru, ilaalcha siyaasaa gama lamaa ifatti nu baasee, hundumtu irratti dubbateera. Ilaalchi gama lamaanu Ummata Oromoo biratti maal akka fakkaatu hundumtu quba qabaateera. Kan ilaalcha tokko qabus gama tokkotti ba’ee of ijaaraa jiraachuun dansaadha. Yeroo fudhachuun isaa komee kaasaa jiraatus. Tarii wanni amma asi ba’u qabsoo kanaa fi hamilee Ummata bakka maraa finiinaa jiru kanaaf murteessaa ta’a. murteessummaan isaa ammo hammaataa ta’uu hubachuun dansaadha. Garuu wanni Ummata biraa hin hafne, waan maraaf qophaa’ee isaan eegaa jiraachuudha. Gama biraan ammo seenaa siyaasaa Biyya kamiyyuu keessatti kan arginu, gamni tokko ol aantummaa qabachuun akka hin hafneedha. Kanaaf wanni eegnus gama lamaan ta’sus dhiisuus, wareegama kafallee diina injifachuuf qophaa’uun dansaadha. Garuu gama kamittu haa ta’uu waan Ummati eegaa jirutti yaaduu fi waan Ummati bara 2014tti raawwachuu malu irratti xiyyeeffachuun dansaadha. Gama kanaan kan jiru, Qabsoo Oromoo hegareef heddu hedduu murteessaa ta’uu keenye dabruun ga’aadha.
ABO ILAALCHISEE :-
ABOn har’allee diinaaf yaaddoo, Ummataaf gammachuu ta’uu itti fufeera. Wayyaanee irra kanneen alaa gufu itti ta’uuf yaalanii fi warra bakka dhaabbatan har’allee hin beekneen qormaati irra ga’aa jiru salpha miti. Haa ta’uuti ABOn akka diinni hawwu ta’aa hin jiru. warri ABO cichoomiinaan waliin dhaabbatan har’a boonaa jiran. Dhaabni kun hiree ummata kanaa ta’uu ifatti meeqatu dubbachaa jira. Ummati Jaalala dhaaba kanaaf qabu, diina miti warri haala gara garaan achi ba’anii cichoomiina Ummatichaa ilaalanii yaa waaqi nuu dhiisii jedhan hedduudha. Biyya keessatti bifa gara garaan tarkaanfiin fudhataa jiru daran jabaate, wayyaanee irriiba dhawweera. Jaallannus jibbinus ABOn hidda dhiigaa Ummataa ta’uu isaa kan gadi jabeessee mirkaneesse adeemsa 2013 kana keessadha. Amma yaadame hojjateeraa? yk amma irraa eegamuu fi muuxannoo qabu tarkaanfateeraa? jechuu dandeenya. Garuu deebiin kanaa bal’isani yoo ilaalan deebii quubsaan argama jedheen yaada. Akka walii galaatti garuu diinni karaa gara garaa dhaaba kana qabsaa’oota harkaa baasuuf ifaajjuu fi amma akka itti jiran yennaa ilaallu jabiina hedduu kaasuu dandeenya. ABOn Ummata dammaqisuu xumuree jira. Eenyummaa ummata kanaa addunyaatti ibsuus xumuree jira. Waan inni deemuuf hundaa amma tokko goolabeera. Ragaan kanaa Ummata kanadha. Itti aansee qeerroo wayyaanee nagaa dhorkaa jirudha. Isa itti aanuuf ammo, sochii nama dhuunfaa kaasee taasifamu walitti ida’amee bu’aan argamsiisuu fi karaan irra jiranitti jabeessanii karaa akka qabsiisan barri 2014 qooda isaa ni gumaacha.
Hubachiisa:
kanatti aansee bara 2013 keessa hojii boonsaa kanneen hojjatan wayitan kaasu hojii isaanii waliin kaasuu nan danda’a. garuu barruu kana na jalaa dheeressa waan ta’eef, jabiina isaanii qofan kaa’aa na OFKALCHAA !!
MIIDIYAALAA QOOQA OROMOO ILAALCHISEE:-
Ani akka nama tokkotti, miidiyaalee qooqa oromoo hundi fedhiin isaanii tokko ta’uuttan hubadhe. Kun miidiyaalee walabaa ilaallata. Kana irraa kan hubannu fedhiin ummataas isaan faana jiraachuu nu ibsa. Miidiyaaleen maxxansaa Intarneetaan gaggeeffamaa jiran hundi jechuu dandeenya, akka bara 2013 waa hundaa hordofanii hojjatanii hin beekan. Addatti kanneen Intarneeta irratti marsaa maqaa gara garaan hojjatanii fi sagantaa raadiyoo intarneeta irraa hojjatan hundi isaanii, nama boonsu jechuu dandeenya. Kan hamaa hojjate hin jiru miti. Garuu yaada isaanii gama tokkotti luuccifatanii wal irratti abdatanii wannii isaan hojjatanii fi hojjataa jiran, seenaan kan dagatuu miti. Warri Intarneetaan dhimma ummata isaaniif of kennanii hojjatan kunniin ega biyyaa ba’anillee yeroo gabaabaa fi maallaquma jireenya isaaniif argatan irraa hanqisanii hojjachuun isaanii gootummaa isaanii mul’isa.
Kana malees yaada eenyullee odoo hin hanbifnee dhimma Oromoo irratti waan jiru hubachiisanii akka irraa baratamu taasisuu isaanitti hedduun gammada. Waan isaan qalbii ummataa keessatti uuman, tasgabbaa’uu siyaasaa har’aaf bu’ura ta’anii waamamu.
Gama kanaan sochiin eegalame gama TV intarneetaa irratti babal’atee UmmatI waan arguun irra jiru tamsaasuun isaanii jabiina isaaniiti. Harka maratanii taa’uu irra isa jedhu irra taranii har’a , Hojii boonsaatti tarkaanfachuun sagantaa Raadiyoo miidiyaa jabaa gadi dhaabuuf sochiin taasifame hojiilee gurguddoo bara 2013 dha jechuu dandeenya. BU’URRI FI FAKKEENYUMAAN ISAANII MIIDIYAA JABAA HAR’AAF BU’RA TA’ANII YAADATAMU. Hojiilee boonsaa Intarneetaa fi miidiyaa jabaa dhaabuun itti jiran hundaa maqaan kaasanii galateeffachuun ni dadna’ama. Garuu sochii wal fakkaataa irra kan jiran maraa galiin isaani tokko waan ta’eef bara 2014tti hojii caalaatti dhimma keenya addunyaatti beeksisu irratti akka jabaatanii fi warri humnaa fi beekumsa isaa qabanis akka isaan waliin dhaabbatan hin shakku.kana malees, beekumsaa fi dandeetti addunyaan ajaa’ibsiifattu qabatanii kan callisanii taa’aan kakaasanii addunyaan akka dhimma oromoo ilaaltu akka taasisan hin shakku.  
“OSA” ILAALCHISEE :
OSAn bara kana keessa hojiilee boonsaa hedduu hojjateera. Keessattu dhimma Oromoo addunyaatti beeksiisuu fi miidhaa ilmaan Oromoo irra Biyya keessaas ta’ee alatti irra ga’aa jiru akka gaaritti qopheessee mana isa ilaallatutti dabarsuun hojiilee boonsaa hedduu hojjateera. Hojii isaa kanaanis har’a waamicha adda addaatu isaaf dhihaataa jira. Kaleessa iyyatee dhaqa ture. Har’a garuu waamamee dhimma ummata kanaa addunyaatti ibsaa jira. Kana irra hojjachuun akka danda’amu ifadha. Sochiin gama hundaan taasisaa jiru kana caalaa jabaatee bara 2014tti hojiilee injifannoo asi butan irratti qooda mataa isaa akka gumaachuu hin shakku. OSAn seenaa fi aadaa akkasumas eenyummaa ummata kanaa kan tiksudha jechuutu danda’ama. Kanaaf seenaa tikisuu jechuun seenaa qabsoo Ummata kanaa tiksuu ta’uun nama hin shakkisiisu. Mooraa qabsoo keessatti waan umamu bilisa ta’ee tasgabbeessuu, yaada laachuu, gorsuu, abbaan fedhe ABO jechuun ana jedhee wayita ummata kana salphisu callisanii ilaaluu faa’a dhiisanii, haqa jiru ummatatti ibsuun gaarii natti fakkaata. Kana malees dhaloota itti aanu qopheessuu fi waan qoratamee jiru Bilisummaa eegu irra Ummata karaa dana’an barsiisuuf hojjachuun caalaatti jabiina OSA mul’isa jedheen yaada.
SOCHII HAWAASA BIYYA ALAA ILAALLATEE:
Sochii hawaasa Biyya hambaa kana akka lamatti ilaaluutu dansaadha. Kana gurmmaa’anii dhaabilee siyaasa Oromoo jalatti hojjatanii fi kaka’umsa mataa isaaniin kanneen dhimma Ummata isaanii waliin hiriranii hojii boonsaa gaggeessaa jiran adda baasuun dansaadha. Har’a hawaasi Biyya alaa jiru, Biyya kamitti jabaatanii fi laafatanii tarrisuun ni danda’ama. Kaleessa Oromoo hundaaf fakkeenya kan turan har’a rafaniiru. Kanneen hin eegamiin ammo hojii boonsaa hojjataniiru. Sochii Biyya keessaa waliin yennaa ilaalaman garuu nama taajjabsiisa. Biyya waa hundaa dubbachuun danda’amu keessatti daawwataa ta’anii taa’uun isa biyya keessaa odoo itti dhukfaamu wayyaanee mormaa jiruuf hamilee cabsuudha.
Hiriirri mormii, wal ga’iilee, wal ga’ii diinaa fashalsuu kan ilaallatuun waan ajaa’iibaa hedduu argineerra. Kanneen akka tasaa mul’atanii raajii jedhaman ammo, kan Afriikaa kibbaa fi Gibtsi keessaa waan salphaa miti. Awustiraaliyaa keessatti, Jarman keessatti, Kaanaadaa keessatti, Oslo fi kkf keessatti wal ga’iin diinaa salphina waliin dhorkisisanii jiru. kun hojii boonsaadha. Kanneen fakkeenya hawaasa Biyya alaa hundaa turanii fi amma callisanii jiran, Biyya hundaa keessaa baqataan oromoo kuma 20 ol keessatti argamu garuu sochiin isaanii guyyu yerachaa jiru, miniyaapolisfaa’a ni jiru.
Akka dhuunfaati ammo kanneen Qooqa Oromoo, aadaa oromoo, Seenaa Oromoo addunyaa nu hin beeknetti barsiisuuf tattaafatanii hojii boonsaa galmeesisan heddduutu jiru. kanneen Ummata isaanii barsiisuuf tattaafatan lakkoofasa hin qaban.kan qabsoo Oromoo maraaf gama hundaan hojjataa jiru galateeffachuu fi jajjabeessuun dansaadha. Hojii akkasiitu AFRIIKAA KIBBAA APPAARTAAYID JALAA BAASE WAAN TA’EEF !!!!!!!!! isa dhugaa dubbachuuf garuu amma baayyina keenyaa fi beekumsa keenyaa hojjachaa hin jirru. Kan ammaa irra garuu 2014tti yoo murteeffanne ni hojjanna. yoo kana hin ta’iin halgaanu ka’ee ani Oromoodha ofiin jechuu danda’a mitiree??????????!!!!!!!!
GALATOOMAA !!!!!!!!!!

Kutaa 3ffaan itti fufa.

No comments:

Post a Comment