Murtii walgahii miseensoota GQM-ABO (Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota Adda Bilisummaa Oromoo)

Mudee 27, 2013

Oromo Libration Front

Adda Bilisummaa Oromoo

Nuti miseensootni Gurmuu Qabsaawootaa fi miseensoota Adda Bilisummaa Oromoo kan biyya keessaa fi addunyaa kana irratti faffacaanee jiraannu Mudee 8, 2013 irraa kaasee walgahii sadarkaa sadarkaan godhachuun, miseensootni biyya alaas walgahii Muddee/Arfaasa/ 22, 2013 irratti gaggeefachuun rakkina uummanni Oromo keessa jiru, sadarkaa qabsoon bilisummaa Oromoo irra gahee fi socchii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo deebisanii humnoomsuu fi tokkummaa ABO fi MQBO waliigala dhinsanii qabsootti fuulleeffatu gochuuf gadi fageenyaan irratti mari’annee jirra. Akkuma kanaan;
Rakkoo fi dararaa mootummaa Wayyaaneetiin uummata keenyarratti raawwatamaa jiru kan ilaalu: Ummanni keenya mirga namoomaa sarbamuu, badii tokko malee qa’ee isaa fi biyya isaa keessatti ajjeefamuu, mana hidhaatti guuramuu, dararaa irra gahuun qaamaa hir’achuu, sammuun laamsha’uu, lafa dhalootnni dhufaa darbaan isaa irra jiraate irraa buqqifamee ari’amuun, kan humna hin qabne baqataa biyya keessaa ta’ee beela, dheebuu, dahoo dhabuu fi daaruun rakkatee seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf kadhaatti bobba’u, kan humna qabu biyyaa bahee biyya alagaatti yoo baqatu kumaatamaan galaanaan liqifamee qurxummiin nyaadhamuu fi kan kana bira darbuun milkaa’ee ammo gabrummaa fi gara jabina alagaa jalatti dararamu teenye guyyu akka diraamaatti ilaalaa jirra.

Karaa diinagdee lafti qotee bulaan Oromoo irraa buqqifame ari’ame, sooreeyyi biyya alagaa fi saamtota miseensoota mootummaa ABUT harka guddinni Tigrootaaf hiramuu isaa ifatti argaa jirra. Albuudaan Oromiyaa yoomiyyuu caalaa bara mootummaa kanaa saamamaa akka jirus ifatti argaa jirra. Qotee bulaan Oromoo lafarratti hafe ammo, gatii xaa’oo dirqamaan hiramuuf, gibiraa fi baasii adda addaa humna isaa ol ta’e baasuun hiyyummaaf gadadoof saaxilamee jiraachuu isaa ni hubanna. Omishni humna Oromoof lafa Oromiyaa irraa omishamu guutummaatti jiruu fi qananii mootummaa bitaa alagaa kan ABUT durffamuu ta’ee hafuu isaa ni argina.
Barnoota ijoollee oromoo ilaalchiisee, ijoolleen Oromoo akka hin baranne mootummaan Wayyaanee barnoota sadarkaa tokkoffaarraa kaasee hanga kooleejjiitti, Oromiyaa keessatti qofaa imaammata barnoota danqu baasuun akka barnoota tooftaan ugguraa jiruu fi saaminsa biroof karoorfatan argaa jirra. Afaan Oromoo akka ittiin barachuun dhaabbatu shira adda addaa xaxaa jiranis eega ifa bahee bubuleeti jira. Ijoollee Oromoo danqaa kana hunda dabartee barnoota sadarkaa ol aanaa geesee maatiin akka dhuunfaatti, ummanni akka walootti eeggatu, badii tokko malee akka Bosonuutti adamsuun itti dhukaasuunii ajjeesu, hidhanii dararuun qaama hiri’suun, sammuu laamshessuun, shammarran mana hidhaatti gudeeduu, hiraarsuun qaaneeysuu fi kaan ammo barnoota irraa ari’uun dargaggoon Oromoo abdii kutatee qonnaatti akka deebii’u ykn biyyaa akka baatu taasisuun gabaasa guyyaa guyyuu akka ta’e argaa jirra.
Karaa siyaasaa uummatnni Oromoo of bulchuun hafee, akka hawaasaatti afooshaa/iddiirii/ Wayyaaneen hin tohaanne ijaaratee ittin wal awwaaluu fi wal gargaaruu akka mirga hin qabne addeesinee beekna. Kuni hanqatee, yeroo ammaa dhirsi nitii fi ijoollee isaa, niitiin dhirsaa fi ijoollee ishii, ijoolleen abbaa, haadhaa fi obboleeyan isaanii basaasuun akka walirratti gabaasan taasisuuf ijaarsa” tokko-shaniif” jedhuun sakaalanii Oromoon eessa akka oolee bulu, enyu waliin maal akka haasa’u, eenyu mana isaa akka dhufee akka dubbisee, maaliirratti akka haasa’an, ilaalcha akkamii akka qabu, maal akka nyaatuu fi dhugu boroo isaa seenanii harka lafa jalaan sakattaa akka jiran argaa jirra. Kuni ammoo qabsoo bilisummaa Oromootif danqaa guddaa akka salphaatti hin cabne ta’e argama. Yoo haali kuni irra tura ta’ee hundeen Oromummaa ummatichaa fi qubsummni lafa isaa yeroo gabaabaa keessatti akka jijjiiramu shakkii hin qabnu.
Karaa biraa, QBO maal keessa akka jirus gadii fageenyaan xiinxalee jirra. MQBO gargar wal qoodee, quba waliitti qabaa, wal komachaa, waliitti mufacaa, wal balaaleffachaa, diinarratti  qabsaaw’urra waliirratti qabsoo gonkumaa barbaachiisaa hin taanne adeemsisaa akka jiru hubaneerra. Qabsoon biyya keessaa fi biyya alaa woggoota digddamman darban gad deemaa dhufee yeroo ammaa dhabame jechuus baannu, haala ulfina rakkinaaf dararaa ummataa fi biyya irra gahaa jiru waliin wal maddaaluun socho’uu akka hin dandeenyes gadi fageenyaan xiinxileeti jirra. Gareeleen ABO waan kana hubatan waggaa tokko dura dhaabicha dhinsuu fi tokkoomsuun MQBO kana waliitti deebisani uf humnoomsuun tokko ta’anii akka diinarratti fuulleefatuun filannoo waaraa akka ta’e argan, yaada kana gareelee hunda biraan gahanii akka irratti mari’atamu taasifamee fudhatama argachuun sochiin araaraa fi tokkummaa kun jalqabamuu isaa ni yaadanna. Haala kanaanis, gareeleen ABO fi THBO bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsoofna jedhan waliitti dhufanii akka mari’atan haala taasisee waggaa tokko dura ibsa wal-hubannoo fi waliifgaltee walii malatteessun isaanii ni yaadatama. Kana booda, kakuun tokkummaa ni fidna jedhani wal hubannoota irratti walii galan hojii lafa irratti mul’ateen hin mula’nne. Haala rakkinaa fi yakka ummaticharra gahaa jiruun tokkummaan hawwamu kuni hatattamaan guduunfamee qabsaawootni bilisummaa Oromiyaa harka wal qabatanii hojiitti bobba’uuf hanga walgahii keenyaa kanatti hin milkoofne. Alagaanis, haala kana hubatee yoomiyyuu caalaa uummata keenya tuffachuun qa’ee isaa keessatti ajjeesuu, itti roorrisuuf itti caaquu cimsee itti fufee jira. Kan biraa hafee, warri waggaa digdama dura aangoorraa ari’amanillee laafina tokkummaa fi qabsoo keenyaa hubatanii deebi’anii nu gabroomsuuf araada qaban agarsiisuun nutti hamoommachaa akka jiranilleen osoo hin qaanfanne Minilikiin faarfachaa jiraachu isaanii ifatti argaa jirra.
Of keessattis yoo deebinu, hawaasaan Oromoo yeroo dhimma adda addaatiif wal gahu gahee (role) hogganni QBO qabxii tokkummaa kana irratti taphatu argaa waan hin jireef haala kallattiin hogganna akka hin qabneetti (leadership crisis) isa mudateetti walii ibsaa jira. Kuni hoggannoota gareelee kanaaf qaanii qofa osoo hin ta’iin uummata biraa amantii (credibility) akka dhaban ifatti kan agarsiisu dha ta’aa jira. Kuni ammo hoganttoota qofaaf osoo hin ta’iin miseensoota fi qabsaawootaafis qaanii guddaa dha. Qabsoo bilisummaa Oromoof ammo dadhabina guddaa akka ta’e gadda guddaan hubannee jirra.

Egaa, kuni hundumtuu osoo jiruu, tokkummaan baroota dheeraaf uummatni Oromoo fi nutis hawwinu kuni ni dhufa jenne haala ilmi namaa obsuu hin dandeenye keessatti abbootiin, haadholiin, obboleeyani fi ilmaan keenya diinaan ajjeefamaa fi dubarttootni Oromoo humnaan gudeedamaa osoo jiranu obsinee yeroo kana hunda eegaa turuillee ammayyuu tokkoomuu ABO fi  MQBO sana bira gahuu keenyaaf qaawwa ifaa ykn wabii hojii abdachiisaa ta’ee hojiin uf  mulidhise argaa hin jirru. Kanaaf jecha, obsa keenya gara fixachuu keenya irra gahuu keenya agarsiisuuf murtee kanaa gadiitti tarreesine kana murteesinee ka’uuf dirqamneerra. Murteen kunis, haala keessa jirru ummanni Oromoo akka hubatu karaa danda’ame hundaan biraan gahuuf ni tattaafanna.
Murtii

  1. Gurmuu qabsaawootaa fi miseensoota ABO dabalatee gareeleen ABO fi THBO dhaabicha tokkoomsuu fi mooraa qabsaawoota bilisummaa Oromoo guutumatti tokkoomsuuf maree taasiisuun woggaa tokko dura ibsa walhubannoo fi waliigaltee baasanii uummata Oromoo abdachiisaa turan hara’aa boru osoo hin jenne haal-duree tokko malee hatattamaan marii adeemsisaa jiran jarjarsuun tokkummaa mooraa qabsaawoota bilisummaa Oromoo deebisee gadi dhaabuun, tokkummaa ABO fi  qabsaawootaa dhinsuun hogganna waloo hundaan fudhatama qabu akka ijaaramuuf daandii soquun qalbii tokkoon qabsootti bobbaanee qaanii nus taanee ummani keenya keessa jiru keessaa akka baanu akka taasiisan cimsinee gaafanna.
  2. Miseensoonnii fi deeggeertootni gareewwan marii irra jiran kana keessa jirtan/deggeertan/ hoggantoonni garee keessanii qabataa fi haal-duree tokko malee ABO fi MQBO deebisanii akka dhinsanii qabsootti fuulleffatan dhiibbaa barbaachiisu hundumaa akka irratti gootan waamicha jaallummaa isiinnii dhiyeessina.
  3. Ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya ambaa jirtan, darggaggoo fi shamarran qabsoon kuni adda durummaan isin laallatu martiinuu karaa isinitti tole hundumaanuu hoggantoonni gareelee kanaa ABO fi MQBO hatattamaan akka deebisanii tokkomsan dhiibbaa barbaachiisu akka irratti gootan yaamicha lammummaa isiniif dabarsina.
  4. Maanguddoonni, hayyootnni fi beektotni Oromoos qaaniin kuni kan isaanis laalltu waan ta’eef of moggeessanii taa’un itti gaafatamummaa seenaa akka qabu hubatanii dhageettii fi beekumsa qabdaniin gareewwan araara tokkummaa kana lafarra harkisaa jiran irratti dhiibbaa barbaachiisu gochuun MQBO akka tokkoomuu shoora seenaa fi haalli yeroo isin irraa eegdu akka taphatan isiin gaafanna.
  5. Nuuti gama keenyaan kan amannu, ammattis ta’ee gara fuuladuraatti, Oromoon qabeenyi inni qabu maddi human isaa hedduumina nama isaa qofa. Humna namaa (human resources) kana tokkoomsuun of irratti hirkanoon sosoosuun alattis humana siyaasaas ta’ee kan diinagdee ni argata jennee hin amannu. Kanaaf, qora qalbii isaa ol kaasuun, tokkummaan diina tokkicha qabu qofa irratti akka xiyyeeffatu gochuun alatti soso’insi gareen siyaasaa Oromoo kamuu godhu kichummaa siyaasaa milkaawwu hin dandeenye jenna. Kanaaf, qaamni hoggansa waloo GQM-ABO hojii biyya keessaa fi alatti qabxii kana irratti jalqabame irraa xiyyeefannaa gara biro akka hin qabaane qajeelfama dirqama ol aannaa kana itti kennu keenya uummata Oromoo fi qabsaawoota Oromoof ifa goonna.
  6. Qaamni hoggansa waloo Gurmuu keenyaas murtii keenya kana fudhatee halkanii guyyaa haala kana irratti hojjachuun araara tokkummaa ABO fi QBO kana argamsiisuuf gahee isa irraa eegamu bahuun yeroo gabaabaa keessatti itti bahii isaa akka nuuf ibsu murtii kanaan dirqama itti kennuu keenya ni beeksifna. Yoo tokkummaan fedha qabsaawootaa fi uummata Oromoo kuni hanqates maalii fi eenyuun akka danqame ykn eenyuun akka gufate ji’oota jaha keessatti akka nu beeksisuu fi itti bahii kanarrattis mari’annee uummata Oromoof ibsuun tarkaanfii gama keenyaan barbaachiisaa ta’ee akka fudhachuuf jiraannu ibsina.
Oromiyaan ni bilisoomti!!!!!
Tokkummaan ABO fi Qabsaawoota bilisummaa Oromoo ni mirkanaawa!!!
Tokkummaan humana!!!!

IUOf!!!!

No comments:

Post a Comment