Sichi Arrabsamana, Sichi Hidhamna, Sichi Ajjeefamana, Sichi Saamamna, Sichi Biyya Abbaa Keenya Haalamna!

Amajjii 20, 2014 Gadaa.com | Baareentuu Gadaa irraa*

Tibba kana ilmaan nafxanyootaa biyyaa fi Alattii wal-tahanii duula olaantummaa isaanii calaqqisiisu, kan tuffii saba Oromootif qabana caalaatti argisiisu dalagaa jiraachuu kan quba hin qabne hin jiru. Leelliftoonni sirna gabrummaa kun waggoottan 100n darbaniif Oromoo xiqqeessanii ilaalu, tuffachuu, saamuu hidhanii dararuu fi ajjeessuurraa kan duubattii deebi’anii hin beekne tahanilleen; gochi tibba kana itti jiran garuu kan duuriitin adda. Kan adda isa godhummoo maqaa abbootii isaanii warreen harkaa-miila Oromoo ciran, abbootii isaanii warreen harma haadha teenyaa ciran faarsuu fi dhaadheessuu akkasumas ofii isaanitiifuu osoo carraa argatanii gocha wal-fakkaataa Oromoorratti dabaluuf fedhii kan qaban tahuu calaqqiisiisuu isaanii ti.

Yakkamtoonni har’aa kun; yakkamtoota kaleessa saba Oromoorratti yakka raawwatan maqaan yaamanii “Gochi isaan Oromoorratti dalagan sirrii ture” jechuun uummata Oromoo lammata madeessuudhaaf carraaqaa jiraachuun dhugaa hundi keenyaa quba qabnuu dha. Kana bira darbaniis sabboontonni Oromoo gocha isaanii kana balaaleeffachuu isaanitiin “Inumaawuu saba Oromoo jedhamu hin beeknu, biyyi isaas asii miti, lafti Oromoon har’a irra jirus kan Oromootii miti” jechaat jiru. Kun gar malee nama madeessa, nam dhukkubsa, tuffii dorgomaa hin qabnes!
Gama mootummaa abbaa irree wayyaaneetiinis yakka Oromoorratti hojjeetamaa jiru yoo ilaalle; kan yeroo kamiyyuu caalaa sukanneesaa fi kan dorgomaa hin qabnee ta’aat jira. Yakkoota waggoottan 22n darban keessa Oromoorratti dalagame dhiifnee kanuma waggaa tokkoo as raawwatame yoo kaafnee ilaalle yakka dorgomaa hin qabnee dha. Yakki wayyaaneen Oromoorratti raawwachaa jiru yakka sanyii balleessu ti. Oggaa darbe keessa qofa lammiiwwan Oromoo kumootan lakkaawwaman balleessaa tokko malee dharaan yakkamanii hidhamuu, reebamanii qaamaa hirdhachuu, gariin ajjeefamuu, kan hafan ammoo biyya abbaa isaanirraa baqachiifamuu namni Oromoo tahee quba hin qabne hin jiru. Kan Gammoojjii fi Galaanatti dhume manni haalakkaawu! Kun hunduu tuffatamuu fi gadoottii ilaalamuurraa madda, maal fidaarraa madda! Akka walii galaatti yoo ilaalle yeroo ammaa kana uummanni Oromoo duula gam-lamaan itti baname keessa jira. Gama tokkoon ilmaan Nafaxanyootaa biyya abbaa isaarratti madaa kaleecha itti uuman irra deebi’anii waraananii madeechuuf itti duulaa fi itti dhaadachaa jiru. Gama biraan mootummaan abbaa irree wayyaaneen qabeenya Oromoo saamaa, dhalataa Oromoo hidhaa, dararaa fi ajjeesaa kaan biyyaa baqachiisaa jira. Gama hundaanuu duula qindaayeetu Oromoorratti gaggeeffamaa jira jechuun ni danda’ama!
Dhaadheessitoonni gabrummaa kun “Guyyaa dhalootaa fi du’a nugusa keenyaa kan Miniliki kabajuun mirga keenya, Oromoon kan mormuuf mirgas hamilees hin qabu, maaliif jennaan Oromoon saba biyya hin qabne, Oromoon saba godaanee dhufe waan taheef haasa’uu hin danda’u” jechaa akka jiran hundi keenyaa arginee dhageenyeerra. Akka dhaadannaa fi holoola jara kanaatti “Inumaawuu Oromoon yoo adabatee taahuu baate Itiyoophiyaa keessaa hari’ama, lafti amma Oromoon irra jiru kun lafa isaatii miti. Biyya Oromiyaa jedhamtus sabni Oromoo jedhamus naannoo kana hin turre, dhiheenya kana godaanee dhufee qubate” jechuun nu xiqqeessuu fi ijoo gadootiin nu ilaaluu barbaadu.
Gabronfattoonnii fi leelliftoonni garbrummaa kun seenaa dogoggoraa fi jal’aa kan kijiba irratti hundaa’e; kan abbootiin isaanii warri diina ummata Oromoo ta’an barreessan har’as achii as baasuun dhara kaleessaa dhugaa fakkeeffachuuf lallabaa jiru. Kanaaf ragaan tokko ammoo gaafii fi deebii namni Taklee yeshaawu jedhamu kan Jaarmiyaa Morash Waganee gaggeessu Raadiyoo hawaasa Itophiyaa Amerikaa keessa jiruuf kennee dha.
Namni kun “Oromoon biyya hin qabu godaaneet dhufe, kan amma irra jirus biyya isaatii miti. Yoo adabatee hin teenye hinumaawuu biyyaa hariina” jedheera. Akka Sabni Amaaraa fi kan Itiyoophiyaa jaalatu hundi Oromoorratti duuluufis waamicha dabarsuu isaa dhageenyeerra. Kun saba Oromootiif tuffiidha, tuffii bira darbees duula biyya isaarraa har’u irratti gaggeeffamaa jiru keessaa tokko tahuu ifatti agarsiisa. Duulli Teklee Yeshaawuu fi fakkaattoonni isaa saba Oromoorratti labsan kun duula akka salphaatti ilaalamee bira darbamuu miti. Kun ilaalcha ykn yaada nama tokkoot jedhamuus hin danda’amu. Warri Oromoo akka sabaatti hin jaallanne, gabrummaaf hawwan, Oromiyaa arguu hin feenee fi sirna gabrummaa leellisan hundi ilaalchaa fi ejjennoo kana akka qaban ifaa dha. Gaafii deebii nama kanaarraayis kan hubachuun danda’amu Ilmaan Nafxanyootaa hangam akka sammuu tortore baatanii har’as jaarraa 21ffaa kana keessa socho’an namatti argisiisa. Biyya keessattis haaluma wal fakkaatuun warreen yaada nama Taklee Yeshaawu jedhamu kan jaarmiyaa “Morash Waganee” gaggeessuu kana deeggaran hedduu dha. Akka fakkeenyaatti Hogganaan “Samaayaawii Paartii” namni Yiliqaal Tamasgeen jedhamu gaafii fi deebii Amajjii 13 bara 2014 Weebsitii “Ze Habashaa” jedhamuf kenneen “Guyyaa Minilik kabajuun, Minilikis dhaadheessuun sirrii dha, mirgas jedheera, Minilik harka mure, miila mure, harma mure jedhanii odeessunis dubbii dhugaa hin qabne afoola namoonnii siyaasaa Oromoo Odeessaa jiraniidha” jedhee nutti qooseera.
Yiliqaal Tamasgeen itti dabaluunis “Oduun kun kan dhaadheeffamaa jiru dhuguma minilik gocha kana raawwatee osoo hin taane Oromoota daladala siyaasaa irratti bobba’antu afarsa jira, kanarraa bu’aan argatanimmoo hin jiru” jechuun yakka Miniliki Oromoorratti dalage haaleera. Tuffii Oromoof qabu ifatti calaqiisiisera. Galaana uummataa warra godaannisa Minilik itti fideen mankaraaraa jiru gidduu ciisee kana dubbachuun isaa tuffii tuffii caalu dha. Kun yakka lammataa saba Oromoo fi cunqurfamtoota saboota Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiranirratti dalaguu dha.
Akka dhalataa Oromoo tokkootti ani; yaada hoogganaan jaarmiyaa “Morash waganee” Taklee Yeshaawuu biyya alaa taa’ee Raadiyoo Habashootaatiif kenne yaada hogganaan “Samaayaawii Paartii” Yilqaal Geetinnati Ze Habashaaf kenne, akkasumas gochaa sirbituun Habashaa Teediroos Kaasaahuunii fi leelliftoonni sirna gabrummaa biroo alaa fi biyya keessatti itti jiran yoon walitti qabee ilaalu duulli isaan Oromoorratti gaggeessaa jiran kan haalaan qindaayee dha. Duula tuffiirraa maddee, Duula Oromoo xiqqeessuu fi gadootti ilaalurraa maddee dha. Akka sabaatti tuffatamuun, gadootti ilaalamuun ammoo hedduu madeessa dha.
Gama wayyaaneetiinis hidhaan, ajjeechaa fi biyyaa baqachiisuun Oromoorratti raawwatu jabaatee itti fufuun, Saamichi qabeenya Oromoorratti gaggeeffamu daran cimaa deemuun kan namattii argisiisu duulli qindaahaa fi jabaan garoonfattootaa fi leellifttoota gabrummaatiin Oromoorratti gaggeeffamaa jiraachuu dha. Duula kana dhalataan Oromoo bakkayyuu jiru tokkummaan fundura dhaabbachuu qaba. qaba qofaa osoo hin taane biyya “Biyya abbaa kootiit” jedhu ennaa haalamaa jiruutti callisee taahuun ykn dhagahee dhiisuun yakkamtoota isa tuffatan, akka gadootti isa laalan kanaaf akka tumseetti of ilaaluu qaba. Kun ammoo aadaa Oromootii miti, aadaan Oromtichaa kan ganamaa diina isaa irree tokkoon dhaabbatee ittisuu dha. Aadaa irree tokkoon diinarratti bobba’uu sabni Oromoo qabu kana hojiirra haa’oolchinu. Haa xiiqoofanu, Bilisummaa keenyaaf haa kaanu! Irree tokkoon kahuu baannaan kan nu’eeggatu akkuma kaleessaa har’a, akkuma har’aa, bor-iftaan; leelliftoota gabrummaa fi wayyaanee abbaa irreetiin sichi tuffatamna, sichi saamamna, dararamna, ajjeefamna biyya abbaa keenyaas haalamna!
Baareentuu Gadaa: gassogeda@gmail.com

No comments:

Post a Comment