Oduu Gaddaa: Qabsooftu Kaayyoo Ganamaa!! Miseensa Baandi Afran Qalloo jalqabaa!! Jaal Almaaz Tefarraa Boqottee

Bitootessa 21, 2014 


Sabboontoota jaalatamoo akkuma yaadatanitti facebook fi kara adda addaa akka dirmatani gargaartan janne kan iyyanne sabboontotni addunyaa maratti argaman marti gargaarani mana yaala waan isin gumaachitanin yaalamaa turte Qabsooytu fi Walliftuun jaalle Almaaz Tefarraa ar'a addunyaa kanarraa du'aan Boqottee!!

Kanneen isin akka fayyitu fi dhintu Gumaachitan sabboontoota maraaf seenaan isin yaadata galatoomaa Rabbiin Isin haa jajjabeeysu jena.
Qabsooytun kun police referal hospital Finfinneti akka boqottee fi sirnii awwaalchii ishe boruu sa'a 10 irrati magaalaa Harar keesati akka ta'u oddun nu qaqabee dabalee mulisa.

Madda Walaabuu Press  du'aan adunyaa kana irraa boqochuu artistii fi qabsooftu Jaal Almaaz Tafarraatin gadda nuuti dhagahamee ibsaa lubbuun isaanii Waaqin Iddoo qabanaa nuuf haa qubsisuu jechaa firoota isanii fi hawaasa Oromoo maraaf jajjabina hawwina.


No comments:

Post a Comment