Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaan Wayyaanee Oromoo Finfinnee fi Naannoo Keessaa Haxaayee Baasuuf Itti Jiru Ni Balaaleffata

Ebla 17, 2014 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa kenname

Mootummaan Itoophiyaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraayiin (Wayyaaneen) gaggeeffamu magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinnee fi magaalota naannoo ishee jirani irraa Oromoo haxaayee baasuuf imaammata qabu itti fufuun isaa hedduu yaaddessaa ta’ee jira.
Mootummaan Wayyaanee jalqaba bara 2008 keessa godina addaa Oromiyaa kan jedhu uumuun Oromoota akaakayyuu fi abaabayyuun laficha irra jiraataa turan buqqisuun shiraan maqaa ’misooina’ jedhuun lafa Oromoo humnaan saamee towannaa isaa jala galchee jira. Finfinnee irraa km 25 – 50 irratti kan argaman magaalonni akka Aqaaqii, Boonsaa, Buraayyuu, Caffee, Caancoo, Duukam, Galaan, Hoolota, Moojoo, Muloo, Sabbata, Sandaafaa, Sulultaa fi Walmaraa bulchiinsa godinoota addaa Oromiyaa jedhamu jalatti yeroo ammaa kana dhuunfaa mootummaa Wayyaanee jala jiru.

Akka hammeenya mootummaan Wayyaanee caalaatti yeroo dhihoo kana jalqabee jiruutti aguuggii ’Finfinnee fi Karoora Qindoomina Proojektii Guddina Misooma Naannoo Addaa Oromiyaa’ jedhuun magaalota arman ol maqaan ka’e Finfinneetti maxxansuuf yaalaa jira. Akeekni kanaas Finfinnee fi naannoo ishee Oromiyaa irraa kutuun bulchiinsa isaa biyyoota ollaa kan akka Amaaraan walitti dabaluun fuulduratti siyaasaa fi hawaasummaa Oromiyaa walaba taatu xiqqeessuuf akka ta’e hubatamaa dha.
Mootummaan Wayyaanee Oromoota naannoo magaalaa guddittii isaanii taate Finfinnee jiraataa turan dirqamaa fi seeraa ala buqqisaa turee amman tana ammoo lafuma isaanii kanaa fi magaalota beekamoo naannoo Finfinnee Oromiyaa irraa kutuun Finfinneettan dabala jechaa jira.
Mootummaan TPLF kun bara 2004 keessas akkuma kana dhaabbatoota Oromoo Finfinnee irraa buqqisuuf yeroo tattaafataa ture barattoota Oromoo sadarkaa olaanaa gocha kana morman 350 ol ta’an hidhuu, ajjeesuu fi biyya irraa akka godaanan godhe ture. Ammas barattoota Oromoo University tuttuquun akka isaan mormii kaasan gochuun hedduminaan barumsa irraa akka arihataman, mana hidhaatti akka guuraman akkasumas biyya irraa gara biyya alaatti akka godaanan gochuuf kan yaadame dha.
Mootummaan Wayyaanee fi warri isa waliin tumsa qaban oolee bula malee lafti Oromoo seeraan abbaa lafaa kan ta’e Oromootti akka deebi’uu danda’u beekuu qabu.
Mootummaan kun Oromoon dache isaa irraas ta’e qonnaa isaa irraa yommuu buqqa’u akka hin iyyanneef ykn hin mormineef ’seera shororkeessituu’ baafatuun ittiin gadi qabaa jira. Kana dura waggoota kurnan lamaan darban keessa imaammata barumsaa kan seera ’aparteid’ fakkaatuu gadi hinjirre mormuuf, gaaffii mirga siyaasaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu gaafachuuf barattoonni kumaatamatti lakkaa’aman sochii waan godhaniif mana hidhaatti guuraman. Akka gabaasota dhabota mirga dhala namaa Addunyaatti, Wayyaaneen siyaasaanis ta’e hawaasummaan Oromoota eenyumaa isaanii irratti dammaqiinsa qaban irratti xiyyeeffachuun akka diineffatee jiru ragaa bahu.
Seenaa cunqursootaa keessatti kan akka Wayyaanee uummata Oromoo irratti dhiibbaa guddaa godhe hin turre. Kanaaf uummatni Oromoo tokkummaan ka’ee qabsoo isaa jabeessuu malee fala biraa hinqabu. Mootummaan Wayyaanee kan beekuu qabu qeyee isaa irratti mirga uummata Oromoo jeequu fi namummaa isaa xiqqeessuuf gocha itti jiru kana irraa yoo of hinqusanne ummatoota biyyattii gidduutti wal waraansi akka ka’uuf karaa banaa akka jiru dha.
Wayyaaneen gocha uummata Oromoo irratti raawwataa jiru kana irraa dhaabamu akka qabu Addi Bilisummaa Oromoo itti amana. ABOn qabsoo mootummaa Wayyaanee irratti godhu karuma fedheen iyyuu ciminaan itti fufa. Uummanni Oromoo tokkummaan harka walqabatee qabsoo isaa jabeessuun diina isaa injifatee abbaa biyyummaa isaa akka mirkaneeffatuuf irra deebiin waamicha keenya haaressina.
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Adda Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment