***** BAGA HIN ARGIIN ***** -Walaloo Galaanaa Dheeressaa Irraa

Amajjii 09, 2015

:::::: BAGA HIN ARGIIN :::::::

Walii yaaduu yaanne

Jaalala irraanfanne

Akka waan wal jibbuuf

Waadaa walii seennee


Dhaloonni wal jibbe

Namni wal tuffate

Kan ofiisaa dhiitee

Kan ormaa uffate

Namni ijaan wal nuffe

Tuffiin itti fufe


Dhiirri gadoo gatee

Hidhata harcaase

Diinni ilmoo kee nyaate

Manaa wal harkisee

Dukkanatti wal yaase


In fooyya’a jennaan

Cime sirumayyuu

waan nu keessa jirru

*** baga hin argiin akaakayyuu ***


Galaanaaa Dheeressaa Jootee, Fulbaana, 2014 G.C

******************** 

4 comments: