Gaaffiin abbaa Biyyummaa Jabaachuun itti fufe. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo fi Uummatni gamtaadhaan dhaadannoo dhageessisan

Ebla 25, 2014 | Qeerroo Amboo


Gaaffiin mirgaa abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Uummata Oromoon eegale jabaachuun itti fufe. Haalli kun jabaachaa kan Dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessattii fi magaala Amboo keessatti Barattootni Yuunivarsiitii Amboo sagalee didda dhageessisuun Hiriira nagaa bahan. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo akka seerri biyyattii eeyyamutti hiriira nagaa gageessuuf wayita gaafatanitti mootummaan wayyaanee waan dideef Gaaffii mirgaa irraa humni nu dhaabuu danda’u hin jiru jechuun gamtaan bahuudhaan dhaadannoo hedduu dhageessisanii jiran. Goototni barattoota Yuunivarsiitii Amboo gamtaan dhaadannoowwan wayita dhageessisan Mootummaan garboomfataa wayyaanee waraana itti bobbaasus osoo duuba hin deebi’iin hiriira nagaa gaggeessanii jiran. 
Waraanni mootummaa wayyaanee humni addaa magaala Amboo kan seene yoommuu tahu gaaffii abbaa biyyummaa Uummatnii fi barattootni gaafatan duuba deebisuu hin dandeenye. Yuunivarsiitii Amboodhaa fi Uummata Magaala Amboodhaan dhaadannoowwan dhageessifamaa oolan
  1. Oromiyaan biyya Oromooti.
  2. Finfinneen handhuura Oromiyaati
  3. Gaaffiin Mirgaa Uummata Oromoo haa deebi’u
  4. Leellistootni sirna nafxanyaa haa buqqa’an
  5. Siidaan Minilk haa buqqa’u
  6. Ilmaan Oromoo hidhaman haa gadhiifaman
  7. Oromoon tokkuma
  8. Gaaffiin abbaa biyyummaa Shororkeessaa nama hin godhu
  9. Buraayyuu fi Sabbataa Murree hin kenninu
  10. Afaan Oromoon Afaan federaalaa haa tahu
  11. Muktaar Kadir diinota Oromoo dura dhaabbachuu qaba
  12. Qotee bulaaf iyyanna
  13. Keeyyatni 39 hojii irra haa oolu
  14. Wayyaaneen Garboomfataa dha
  15. Gumaa Barattoota keenyaa ni baafannaKanneen jedhanii fi dhaadannoowwan hedduu kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa daran jabaachaa dhufeen muddama guddaa keessa seentee jirti. Qeerroon bakka jiruu harka wal qabatee gaaffii abbaa biyyummaa akka finiinsu addeessee jira.
    Injifannoo Uummata Oromoof!!
    Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
                 

1 comment:

  1. Heemolee yaa garba Ciisaa
    Heemolee yaa garba CIissaa
    Oromiyaa Maaltu gad dhiisaaa??
    Buraayyuu Maaltu gadhiisaa ?
    Galaaniin maaltu gadhiisaa ??
    Dukamiin maaltu gad dhiisaa??
    Laga Daadhii laga Xaafoo maaltu gad dhiisaa?
    Sululataa,sabataa maaltu gadhiisaa ??
    Finfinnee Maaltu gad Dhisaa ???????
    Hanga lubbuun jirru gadi hin dhiifnu????

    ReplyDelete