Breaking News: ODUU GODINA BAALEE MAGAALAA ROOBEE IRRAA

Caamsaa 15, 2014 | Qeerroo Baalee Roobee

Kamisaa guyyaa hardhaa kana woyyaaneen tiyaatira taphata jirti. akkuma beekamu woyyaaneen jaleewwan OPDO of dura keettee torban lamaa oliif hawaas odeeffanno gafaa hinqabne walitti qabdee burjaajessaa turuun ni beekama. 

Haaluma kanaan godina baalee magaalaa Roobee fi Goobbaattis walgayiin guddaan humnaan ummanni akka hirmaatuu fi jaarsonni odeeffanno waayee master pilaanii hinqabne waa'ee sirna nafxanyaa itti kaasuun namni "barattoota teessan rakkoof saaxilaa jiru warra sirni nafxanyaa akka deebi'u barbaadanii fi warra siidaan aanolee maaf hojjetame jedhee mormaa jiruudha, kanaafuu ni balaaleffanna" jechuun, yoo akka ummataatii sirna nafxanyaa balaaleffannaa dha, garuu woyyaanonni akka waan ummanni maastar pilaanicha deeggaruu fi hiriira barattoota mormanii fakkeessuun galgala ETV'n dabarsuuf miidiyaaleen olola jaraa bakkan gahuuf hundeeffaman guyyaa hardhaa karatti bahanii keessattu ummata baadiyaa gara magaalaa Roobee (gabaan guddoon akka godinaatti ummanni bakka maraa irratti argamu gabaa gaafa kamsaa Roobeet) gabaaf dhufu haasoysiisaa jiru.

Gara kaanii irra caalaan ummanni magaalaa Roobee daldaalaa dhiisaanis ooydaa gabaa keessatti eddoo shaqata itti gurguratan kan mata mataa isaanii qabu waantaheef, lukkeewwan woyyanee bakka sanitti argamuu humnaan "osoo hiriiratu jiraa dhageettu meeshaa gurguraaf gabaa baaftaa??? hayyama daldalaa kee fidi yookiin ammoo gara hiriiraa !!!!" jechuun boortaan/humnaan ummata yaasaa jiru. Daandii gara magaalaatti gabaatti geessu addabaabayii J/ Waaqoo Guutuu irraa gabaa dossaa geessu cufamaa jira. Bajaajiin magaalaa keessa ummata gara hiriiraa deemumalee ka biraa akka hin feene dhoorgamanii jiru. Garuu dargaggoonnii fi barattoonni keessa gallee fashaleessina malee dhiiga ilmaan keennaa irratti hiriirri hinbayamu jedhaa jiru!!!! HINJIFANNOO TA UMMATA BALDHAA OROMOOTI!!! " GABRUMMAA DANDEENNU HIDDAAN BUQQIFNAA DADHABNU ILMAAN ITTI GUDDIFANNA!!!!!""

Sa'aa ammaa kana keessatti baale magaalaa Roobeetti OPDO'n ummata dhamaasaa jirti kan jedhu gabaasni nu gahaa jira Namni jiraataa magaalaa roobee ta'e tokko ija ofiitiin kan arge yeroo dubbatu akka armaan gadii kanatti barreessee naaf erge Baalee guutuu guyyaa gabaa irra oolchanii gabaa keessati marsani oofan. amma ammoo akka dheengaddaa irraa jalqabee konkolaataa ofiitiin warra baadiyaa qofa ol fe'aa turan.

Nama anjaa ofii baadiyaa gabaa dhufu karaa irratti qabanii walitti makan suqii fi manneen hojii irra deemani mana cufaa baha namni hin baane ilaalcha addaa qaba nuun jedhaa olan anu dalagaa kiyya dhiisee iddoo dhokadhetti ta'aa jira. Warra baadiyaa kan homaa quba hin qabne oli gada raateessa jiran Warroonni naannoo biraa irra jirtan wanti nuuf hubatuu qabdan ummanni magaalaa roobee deeggarsa mootummaa akka hin qabne nuuf hubatuu qabdan fiilmiin jarri vedio dhaan waraabaa jiranis ummata yaada ofii gabaa dhufe akka ta'es gamanumaan akka nuuf hubattan Nuti ummanni magaalaa roobee ummata dhiiga barattoota Oromoo dhoksee shira wayyaneetiin kan burjaaja'uu miti.

No comments:

Post a Comment