Dhugaa kenyaa kan falmannee....Mirga lammiif kan midhamne..... [Walaloo Anoole Wako Irraa]

Caamsaa 27, 2014 |Anoole Wako Irraa
Na dhagahii dhaamsa koo  
Sifan himaa yaada koo  
Barbadeessi diina koo 
Hanga yoom gabrummaan koo? 
Wal kakaasii bakka jirtuu 
Waliif himi waan dhageessuu 
Yaada jiruu waliif ibsuu 
Waliin taanee itti dhukaasuu 
Dinaa kenyaa barbadeessuu 
Yaa Oromoo of hubadhaa as deebi'a  
Of gaafadhaa boruu seenaan si gaafataa  
Oromummaan jabaadhaa of hubadhaa  
Gocha keessaan sirreeffadhaa 
Dhugaa kenyaa kan falmannee 
Mirga lammiif kan midhamnee 
Afaan kenyaa kan dubbannee 
Maaliif diinni nutti cimee 
Nuhoo tokkoo maaf gowoomnee  
Irree tookkoon wal kakaafnee 
Diina kenyaa waliin taanee 
Qabsoo cimaan yoo kufisnee 
Ni argannaa waan hawwinee! 
Na dhagahi siifin raabsaa 
Dhugaa jiruu sittaan ibsaa 
Na dhagahii yaa obbooleessaa 
Walitti himi yaa obbolleettii 
Diddaa keessaan sirriin ibsaa 
Dinaa kenyaa itti cimuun 
Oromiyaa kessaa 
Barbadeessaa 
Dhamsa dhaamtee jalaa hin hafiin  
Soba jiruuf itti hin kufiin  
Dhugaa jiruu ifa baasii  
WBO kan koo mee hin usiin 
Kaabaaf kibbaan itti hasaasiin  
Jirraa jedhii of itti ibsiin 
Dhaaba dhugaa 
Hawwii dhugaa 
Gocha dhugaa
Falmii dhugaa
Dhaaba WBO naa jiraadhuu   
ABO koo naa ulfaadhuu  
Falmii dhugaa naa hawwaadhu  
Bilisummaas naa goonfadhuu! 
Naa jiraadhaa naa ulfaadha 
Bilisummaas naa goonfadhaa 
Na ofkolchaa qubee kootiif  
Dogogorrii yoo jiraateef

No comments:

Post a Comment