Godina Beenishaangul guumuuz keessatti Waraani Wayyaanee dhukaasa wal irratti banuun gabafame

Caamsaa 26, 2014

Godina Beenishaangul guumuuz keessatti Waldhibdee waraana wayyaanee fi Waraana wayyaanee dhalootaan Oromoo ta'an gidduutti dhalaten wal irratti dhukaasa banuun loltuun wayyaanee tokko battalatti ajjeefamuun warrii kaan immoo akka malee madeeffamuun hospitaala galaanii jiraachuu odeessi maddeen irraa nu qaqqabe addeessee jira.

Loltootni Wayyaanee kun Hoteela Suyyum jedhamu keessatti kan walitti bu'ani. 
Loltootni dhalootaan Tigree ta'an 
  1. Pheexiroos Tasfaayee, 
  2. Biiniyaam G/Masqeel, 
  3. Masfiin Garbee; kanneen jedhamanii fi 
Looltoota Wayyaanee dhalootaan Oromoo ta'an kan loltuun Moosisaa Caalii keessatti argamu gidduutti walitti bu'insa guddaan dhalate. Loltootni TPLF kan dhalootaan Tigree ta'aan warraa ilmaan Oromoo kana tuffachuu irra walitti bu'insi kun dhalchuu akka danda'e maddeen keenya gabaasaniru.

Loltootni dhalootan Oromoo ta'an battalumatti aaruun loltoota wayyaanee dhalootaan Tigree ta'an irratti dhukaasa banuun loltoota hedduu madeessuun loltuu Pheexiroos Tasfaayee jedhamus battalatti ajjeesuun walitti bu'insii fi walirratti dhukaasni guddaan gidduu isaaniitti geggeeffamuu maddeen keenya gabaasaniru. Yooroo ammaa kanatti loltuun Moosisaa Caalii jedhamuu achumatti hidhamee jiraachuun gabaafamera.


1 comment:

  1. AnonymousMay 27, 2014

    ilmaan oromoo meeshaa dinaa qabattanii jirtan meeshaa eessan dina saba Oromoo kan ta'e tplf irratti deebisuun yeroon isaa amma.
    Oduu wal fakkaatuun ajajaan waraanaa tigree tokko magaalaa moyaalee keessatti torban lamaan darbe ijoollee Oromoo humna tikaa keessa jiraniin ajjeefamuu odeessa argadhee jira.

    ReplyDelete