Dhumaatii fi Buqqa’insi Ummatootaa Qabsoo Qofaan Hanqifama

Caamsaa 12, 2014 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Humnaan ajjeechaa, buqqa’insaa fi saaminsa ummata Oromoo irra gahu dhaabee nagaan rakkina siyaasaa furuu irra, bifa haaraa fi suukanneessaan itti fufsiisuuf tarkaanfiin mootummaa Wayyaaneen fudhatame dargaggootaa fi ummata Oromoo walii gala sochoosee guutuu Oromiyaa keessatti itti fufiinsa fincila ho’aa dhalche. Fincila barattootaa fi ummata hirmaachise kana keessattis tarkaanfii suukanneessaa sirna abbaa irree kanaan ilmaan Oromoo kudhanootaan lakkaa’aman lubbuu isaanii dhabanii jiran. Dhibbootaan madaa’uu, kumootaan hidhaatti guuramuu fi manneen barnootaa keessaa ari’amuun ilmaan Oromoo, gochaa faashistummaa ummatoota Itoophiyaa fi hawaasa addunyaa duratti ifatti raawwatame, gochaa jibbiinsa irratti hundaawe fi gara-jabinaa ti.


Ajjeechaa gara-jabinaa ifatti raawwatame kana mootummaan abbaa irree waakkatuu dadhabuu irraa amanus, akkuma amala isaa gochaa diinummaa raawwate humna biraatti maxxaansuudhaan qulqulluu of taasisuuf yaaliin gochaa jiru tooftaa baratamee fi hifachiise waggoota 23 dabraniif itti fayyadamaa ture tahuu irraa, ummatoota sirnicha beekanitti haaraa hin tahu. Haa qoratamu jechuun dagachiisanii hambisuu fi humna 
biraatti maxxansuuf diraamaa hojjatuun kan irra deddeebi’ee mul’ate tahuu ragalee itti aananiin mirkaneeffatuun ni danda’ama. 
  1. Gaafa ABOn Chaartara keessaa humnaan dhiibamee bahe miseensota ABO 20,000 fi ummata nagaa daa’imman dabalatee mooraa Dhidheessaa, Huursoo fi kaan keessatti dararamanii fi booda mana hidhaa Zuwaay keessatti lubbuun dhabame akkasumas Hammarreessatti haala suukanneessaan osoo hin dhagahamin ajjeefamaa bahan namni dagatullee kanneen miidhamanii fi seenaan hin dagatu. Sababaa kanaa fi mirga nagaan yeroo yeroon gaafataniif ilmaan Oromoo kumaan lakkaawaman ammallee hidhaa Qaallittii, Qilimxoo, Zuwaay, Shawaa Roobitii fi manneen hidhaa waraanaa lakkoobsi isaa hin beekkamne hedduu keessatti dararamaa jiran. 
  2. Ummatni Sidaamaa ummata mirgi isaa sirna abbaa irreen haalamee, akkuma ummatoota biroo lafa isaa irratti abbummaa dhabee gadadoon jiraataa jiru dha. Qe’ee fi ganda isaa irraa buqqaafamuu fi ari’amuu mormuun gaaffii mirgaa kaasuun wayta hiriira bahetti waraanni sirnichaa gara-laafinaan alatti jumulaan rashane. Tarkaanfiin waraana amanamoo sirnichaa Agaazii jedhamuun fudhatame kun sirnichaan qoratamee tarkaanfiin seeraa ni fudhatama jedhee waadaa seenullee kan mul’ate ukkaamsanii hambisuu fi kanneen tarkaanfii kana keessatti qooda qaban muuduu ture. Fixiinsa ummata Sidaamaa irratti raawwatame keessatti kanneen qooda qaban keessaa tokko Pirezdaantii Kibba Ummatoota Itoophiyaa alasii, Muummicha Ministeraa Itoophiyaa har’aa Haylamaaram Dassaalanyi dha. 
  3. Ummatni Gambeellaa dureeyyota alagaaf lafa isaa gadhiisifamuu irraa mormuu fi diduu irraa jumulaan ajjeefamuu, tarkaanfiin sanyii duguuggii irratti raawwatamuu kan addunyaan hundi argee fi balaaleffate dha. Fixiinsi ol aanaa fi suukanneessaan raawwatame kunis, kanneen tarkaanfii kana fudhachiisan sirnichaan muudamuu, galatoomfamuu fi Tigraayitti baqachiifamuun xumurame. 
  4. Ummatoota impaayera Itoophiyaa keessatti argaman keessaa tokko kan tahe ummatni Ogaadeen mirga isaa gaafatatuu fi falmatuu irraa deebiin gama mootummaa abbaa irree irraa kennameef, jumulaan ajjeefamuu, gandi isaa gubamuu, qabeenyi isaa saamamuu fi gudeeddii dha. Tarkaanfii humnoota waraanaa fi tikaa Wayyaaneen fudhatamaa ture kanaafis kan gaafatame hin jiru. 
  5. Filmaata fakkeessaa 2005 tahetti qabatee nama ajjeechaa kanneen hiriira nagaa godhan 193 guyyaa ifa aduu keessatti Magaalaa Finfinnee keessatti taasifame akka qoratu tahamee, booda qormaatni yeroo dhumatu nama qorate Abbaa Murtii (Judge) mataa isaa dabalatee, kanneen qoratan hidhamuuf jennaan lubbuu baafatuuf alatti baqatanii kan qoratames akkasumatti bishaan nyaatee hafe. 
  6. Mootummaan Wayyaanee yaaddoo fi sodaa irraa dhaabbattoota amantii to’atuu fi dhuunfatuuf dhimma amantii keessa seenuun namoota isaa ramadchiisa. Ejjannoo sirnichaa kana irraas mormii fi walitti bu’iinsa uumamaa tureen miidhaan dhaqqabe ol aanaa dha. Tarkaanfii fudhatamaa turee fi jiruun kanneen miidhaman keessaa tokko lammiilee Oromoo ti. Amantootni Islaamaa gochaa sirni Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun raawwatu mormuu fi harka isaa akka sassaabbatuu fi kanneen amantoota hogganaan abbootii dhimmaan kan filaman malee kan mootummaan muudaman tahuu hin qaban jedhanii dura dhaabbatuu fi mirga isaanii kanas karaa nagaa ibsatuu irraa ajjeechaa, hidhaa fi dararaan adda addaa isaan mudate. Sochii Musliimotaa ukkaamsuu fi to’atuufis maqaalee “Jabahat Al Harakaat, Finxaaleessitoota Islaamaa” jechuun hogganoota sochii kanaa hidhuu fi yakka hin raawwataneen mana murtii isaatti dhiheessuun akka gaafataman taasisuun tarkaanfii mootummaa Wayyaaneen fudhatame dha. 

Rakkoo siyaasaa karaa nagaa furuun aadaa mootummoota Itoophiyaa waan hin taaneef mootummaan ummatoota biratti jibbame kunis bittaa isaa waggoota 23f ummatoota irratti fe’e itti fufuuf humna kan filate tahuu tarkaanfii sanyii duguuggii ummata Oromoo irratti fudhataa jiruun mirkaneessee jira. Waan taheef ummatni Oromoo filmaatni qabu duula akka haaraatti itti baname kana dura dhaabbatuudhaan roorroo kanatti xumura itti gochuuf sochii isaa finiinsuu qofa taha. Duula Oromummaa irratti bifa irra bal’aan deemaa jiru hanqisuun kan danda’amu Oromoon alaa fi keessatti dirqama sabummaa isaa bahee waliin galii tokkoof sosso’uudhaan qofa. Addatti ammo ummatni Oromoo biyya keessaa duula miidiyaa dhuunfaa mootummaa abbaa irreen irratti banameen osoo hin sobaminii fi hin dagamin dhumiinsa irra caalaa fi hammaataa hanqisuuf harka wal qabatee gurmuu isaa jabeessuun falmaa isaa finiinsuu qaba. 

ABOn kun akka milkaa’uuf jabinaan hojjatuu kan itti fufu tahuu hubachiisaa, gaaffii haalli yeroo dhiheesse kanaafis deebii bu’a-qabeessa akka argatu hin shakku. 

Lubbuun mootummaa farra ummatootaa kan dheerate laafina mooraa QBO keessatti mul’atuu irraa, kanneen ollummaa gaarii, obbolummaa fi jaalala irra dantaa yeroon sobamanii fedha isaanii guuttatuuf ori’aniin gargaaramuu fi kanneen osoo hin beekin sirnicha waliin dhaabbatan horatuu danda’uu irraa ti. Kanaaf kun akka sirratuuf ABOn waamicha armaan gadii kanneen dhimmi ilaalu hundaaf dhiheessa.

 Ilmaan Oromoof

Ilmaan Oromoo mootummoota Itoophiyaa adda addaa jalatti hojjachuuf hiree argatan mootummoota hojjataniif amanamummaan tajaajilanillee shakkamuu fi moggeeffamuu, tuffatamuu fi xiqqeeffamuu jalaa bahanii yeroon itti mataa ol qabatanii jiraatan akka hin jirre seenaa Itoophiyaatu ragaa baha. Ilmaan Oromoo kan barbaadaman yeroo sirni bittaa rakkoo keessa seenu qofa. Lola Oromiyaa dhuunfatuu, Lola Xaliyaanii, lola Somaalee fi loloota adda addaa keessatti akkasumas, bara bittaa Wayyaanees lola walii isaanii gidduutti uumame keessatti sirna bittootaa tiksuuf wareegi baasan kabajaa hin argamsiifneef. Kana hubatuu dhabuu irraa ykn dantaa xixiqqaa guuttatuuf qofa dogoggora fakkaataa irraa miidhama ilmaan Oromoo irra gahu arguun qaanfachiisaa dha.

Kanaaf ilmaan Oromoo waraanaa fi poolisa akkasuma caasaalee mootummaa adda addaa keessatti hiriiruun mootummaa abbaa irree tajaajilaa jirtan galatni bittoota Itoophiyaa irraa argattan gatamuu fi xiqqeeffamuu tahuu, alagaaf waardiyyaa dhaabbatuu irra mirga ummata ofiif falmuun irra kabajaa fi seena-qabeessa a tahuu hubatuun akka qabsoo Oromoof dirmattan ABO waamicha isaa isiniif haaromsa. Kan ajjeefamaa, hidhamaa fi roorroon irratti raawwatamaa jiru abbootii, hawwanii fi obbolaa keessan waan tahaniif murtii seena-qabeessa fudhachuun akka waliin hiriirtanii fi alagaa jalaa baraartan ABOn waamicha isiniif dabarsa.

Lammiilee Oromoo Hogganootaa fi Miseensota OPDOf 

Waggoota 23 dabraniif ajaja Wayyaanee jalatti fedha Wayyaanee Oromiyaa fi Oromoo irratti akka guutamu taasisuun hojjataa har’a geessan. Waggoota 23 kanneen keessatti kanneen ilmaan Oromoo ajjeesisuu fi hiisisuu keessatti qooda qabdanii fi dhiigni lammii keessanii harka keessanirraa mul’atu lakkoobsi xiqqaan akka jirtanis beekamaa dha. Kanaaf, lammiileen Oromoo fi sabboontotni OPDO keessa jirtan ummata keessan akka araarfattan, kanaan booda ofis tahe ummata sobuudhaan ummata Oromoo afanfajjeessanii bittaa alagaaf haala aanjessuun haa gahu! jechuun akka murteeffattaniif seenaan waamicha isiniif dhiheessa. Kana gochuu hanqatuudhaan badii ummata irratti raawwatamu itti fufsiisuun seenaa ofii xureessuu qofa osoo hin taane seeraan kan gaafachiisu tahuu ABO yaadachiisa. 

Lammiilee Saboota adda addaa Caasaa Mootummaa keessatti Argamtaniif 

Dirqamni humna waraana Itoophiyaa fi waadaa itti seene daangaa biyyaa tiksuu fi weerara alagaa biyyarraa ittisuu tahuun beekamaa dha. Haa tahu malee mootummaan Wayyaanee humna waraanaa biyya tiksuuf ijaare amanamaa paartii EPRDF qofa taasisuun dirqamaan ummatoota irratti tarkaanfii fudhachiisaa jira. Kun faallaa dirqama humni waraana biyya tokkoo itti ijaaramee fi faallaa heera biyyaa waan taheef seera duratti gaafachiisaa taha. Waan taheef ilmaan saboota adda addaa waraana Wayyaanee keessatti argamtan gochaa seeraan alaa ummatoota irratti raawwatamu keessatti hirmaatuu akka dhaabdan ABOn waamicha isaa dhiheessa. Gaaffii mirgaa ummatootni kaasaniif furmaatni humna waraanaa seeraan alatti ajajuun ukkaamsuu akka hin tahin hubatuudhaan ajjeechaa, hidhaa fi dararaa gara garaa raawwatamu keessatti hirmaatuu akka lagattan gaafata. Kan ajjeefamaa, hidhamaa fi irratti roorrifamaa jiran ummatoota cunqurfamoo mootummaa tajaajilaa jirtaniin miidhaman tahuu akka hubattan ABO yaadachiisa. 

Ummatootaa fi Jaarmayoota Siyaasaa Itoophiyaaf 

Ummatni Oromoo biyya isaa keessatti, qabeenya isaaf jecha bittootaan irratti xiyyeeffatamee dararama ol aanaa keessatti akka argamu eenyuyyuu jalaa dhokataa miti. Waan taheef kanneen dimokraasii haqaatti amantan, mirga ummatootaa amantan, wal qixxummaa sabootaaf qabsoofna jettan gochaan suukanneessaa ummata Oromoo irratti mootummaa Wayyaaneen raawwatamu akka irraa dhaabbatuuf qooda isin irraa eegamu akka gumaachitan, tarkaanfii ajjeechaa dhuma hin qabne Oromoo irratti raawwatames balaaleffatuun qabsoo haqaa ummata Oromoo akka deggartan ABOn waamicha isaa dabarsa. Tarkaanfii suukanneessaa fi gara-jabinaa ummata irratti fudhatamaa jiru cal’isanii ilaaluu fi balaaleffatuu hanqatuun jireenya nagaa, wal qixxummaa fi ollummaa boriif ijaaraa akka hin tahin ABOn hubachiisa. 

Lammiilee fi Ummata Tigraayiif Addatti 

Ummatni Tigray akka ummataatti mirgi isaa akka kabajamuuf qabsoo gochuu keessatti wareegama ulfaataa baasuun dhugaa haalamu miti. Mirgi isaa kan kabajamu ammoo ummatoota biroo irratti miidhaa fi hammeenya raawwatuun akka hin tahin ummata hubatu tahuu ABOn ni amana. Kun dhugaa waliigalaa tahullee lammiiwwan Tigraay Oromiyaa keessa jiraatan hedduun dantaa yeroof jecha hariiroo ummatoota lameen gidduu jiru booressaa akka jiran bal’inaan mul’ata. Irra guddaan isaanii humna tikaa, waraanaa fi caasaalee mootummaa adda addaan kan hammataman, sirnicha jireessuuf jecha tarkaanfiin ummata Oromoo irratti fudhatan kan gaddisiisuu fi waliin jireenya borii irratti kan gaaddisa hamaa guddaa uumaa jiru dha. Kana malees kanneen dalagaa dhuunfaa irratti bobba’an ejjannoo farrummaa qabatuun ummata Oromoo dura dhaabbatanii mootummichaaf basaasuu fi odeessa kennuun akka tumsaa jiran ummatni argaa jira.

ABOn duroomanii bir’ataa jiraatuurra bilisa tahanii nagaan jiraatuun wayyaa tahuu yaadachiisaa, hammeenya ifaanis tahe dhoksaan ummata Oromoo irratti raawwataa jiran hatattamaan akka dhaaban hubachiisa. Kun ummatoota kaan hunda akka ilaalus kanuma waliin yaadachisa. 

Kanatti dabaluun fedhii fi hawwiin ummata Tigraay akkuma ummatoota biroo jireenya nagaa fi tasgabbaa’aa, kan guddinaa fi badhaadhinaa argatuu akka tahe hin falamsiisu. Kanaafis qabsoofte jennee amanna. Haa tahu malee ilmaan kee dimokraasii, wal qixxummaa fi bilisummaa jechuun qabsoo keessatti si hirmaachisan dhiiga ilmaan keetiin aangoo siyaasaa Itoophiyaa dhuunfatan, hammeenya mootummaan irratti qabsaawan raawwataa ture, balaaleffataa turan yeroo ammaa kana haala irra suukanneessaa fi bal’aan raawwataa akka jiran argaa fi dhaga’aa jirta. Sababa gochaa hammeenyaa murna gabaabaa maqaa keetiin daldaluun ilaalchi ummatoota biroo keessatti dhalataa jiru egereef yaaddessaa dha.Waan taheef gochaa diinummaa ummatoota Itoophiyaa irratti raawwatamaa jiru irraa akka dhaabbatan gorsa abbummaa fi lammummaa laachuun daandii 
nagaatti akka deebi’aniif gama keetiin kan sirraa eegamu akka raawwattu ABOn hubachiisuu barbaada. Kanatti dabalees qabsoo haqaa ummatni Oromoo itti jiru akeeka isaa hubatuun tumsa barbaachisu akka gootu ABO dabalee hubachiisa. 

Mootummootaa fi Hawaasa Addunyaaf 

Tumsi siyaasaa, diplomaasii fi dinagdee mootummoota abbaa irreef godhamu miidhaa geessisuun alatti nagaa fi tasgabbii dabrees guddinaa fi badhaadhina isaa argamsiisuu hin mul’atne. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee gargaarsa dinagdee fi diplomaasii biyyoota Dhihaan biyyattiif kennamu akeeka isaa irraa gorsee, caasaa tikaa fi waraanaa ittiin jabeeffatuudhaan ummatoota ukkaamsuuf itti fayyadama. Kana haaluun hin danda’amu. Lammiileen biyyaa yaada isaanii walabummaan akka hin ibsanne, hin barreesinee fi hin dubbanneef ittiin ukkaamsa. Waan taheef hawaasni fi mootummootni addunyaa tumsii fi gargaarsi kennan maal irra akka oolu akka to’atan deddeebifamee ummataa fi dhaabota hedduun gaafatamaa bahe. Kanarraa akka dhaabbattanii fi gaaffileen siyaasaa nagaan furmaata akka argatan qooda keessan akka baatan; dabrees dhiittaa mirga namoomaa fi fixiinsa ummata irratti raawwatamaa jiru akka balaaleffatanii fi dhiibbaa barbaachiisu gootan ABOn ammas gaafata. 
 
Injifannoo Ummata Oromoof! 
Adda Bilisummaa Oromoo 
Caamsaa 12, 2014

No comments:

Post a Comment