FDG Dura Dhaabbachuuf Shiroota Wayyaaneen Wixinate Irratti Odeessa Oromiyaa Keessaa

Caamsaa 13, 2014 | Qeerroo Oromian News update

Sochii FDG Oromoota biyya keessaa fi alaa dura dhaabbachuuf tooftaa ololaa Wayyaaneen wixinate:-Wayta QBOn jabaachaa dhufuu fi sirni isaa raafamu ABO maqaa xureessuu fi olola dharaa irratti geggeessuun aadaa isaa kan ta’e mootummaan Wayyaanee, ammas akkuma barate yeroo itti FDG barattootnii fi ummatni Oromoo geggeessaa jiraniin rifaatuu keessa seenee jiru kanatti, yaadaa fi qalbii namaa gara biraatti harkisuu fi ABO bulguu godhee dhiheessuuf yakka shiraa maqaa ABOtiin qopheessaa akka jiru odeessi qabatamaan keessa sirnichaatii bahe ifa godhe.


Dalagaan yakkaa fi shiraa gartuun wayyaanee/EPRDF qopheeffatee ittiin olola irraa tolfatuuf, sabaa fi sablammoota biyyattii ABO jibbisiisuu fi irratti kakaasuuf, akkasumas ABO maqaa xureessuuf carraaqaa jiru kunis, miseensotaa fi deggertoota isaa amanamoo sirnichaa ta’an maqaa ABOn leenjisee ummata keessa gadhiisuun namoota nagaa irratti erga balaa geessisiiseen booda, miseensota ABO fakkeessee dhiheessuun maqaa dhaabichaa xureessuuf dalagaa shiraa cubbamaa xaxaa akka jiru qabatamaan bira gahamee jira.

Gochaanii fi shirri duula maqa bal’eessii Wayyaaneen ABO irratti geggeessuuf saganteeffatee jiru kun haaraa kan hin taane, waanuma Gadaa lamaan darban keessa mul’ataa turee ta’us, dhugaa jiruu fi haqa lafa irraa mul’atu aadaa fi amala gooltmmaa wayyaanee ummata Oromoos ta’e sabaa fi sablammootni biyyattii beekuu akka qaban oduun kun ni hubachiisa.

Yakkii fi shirri wayyaanee fi ergamtootni isaanii bakka bakkatti itti jiranii fi maqaa dhaaba ABO xureessuuf ijibbaataa jiran haala qabatamaan har’a Oromiyaa keessaa mul’atu, diddaa gabrummaa fi falmaa mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo fi ilmaan isaa barattootni/Qeerroon geggeessaa jiran gara dabarsuu fi haguuguu akka hin dandeenye oduun SBO gahe kun ifa godha.

Deggersa Marste Palanii Finfinnee ummata hiriiraaf Qindeessaa jiraachuu Wayyaanee:- Maqaa Master Plaanii Magaalaa Finfinnee jedhuun ummata Oromoo naannawa Finfinnee jiru lafaa fi qabeenya isaanii irraa buqqisee dirree irratti facaasuuf karoora mootummaan wayyaanee baafatee ittiin duula jalqabe ummatni Oromoo fi barattootni Oromoo keessaa fi alaan mormii kaasanii diddaa cimaa wayta mul’isaa jiran kanatti, mootummaan wayyaanee fi ergamtootni deggertoota isaa ta’an yakki Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu kun deggersa kan qabu fakkeessanii dhiheessuuf deggertoota sirnichaa dabalatanii ummata humnaan hiriira deggersaa baasisuuf irratti hojjechaa akka jiran odeessi keessa wayyaanee bahe hubachiise.

Hiriirri deggersaa mootummaan Wayyaanee karoora master plaanii magaalaa Finfinnee jedhuuf ummata dirqiin yaamuuf hojjetaa jiru kun, akeekni isaa mormii fi dura dhaabbannoo ummatni Oromoo ilmaan isaa dabalatee keessaa fi alatti godhaa jiru dura dhaabbachuu, fudhatama dhabsiisuu fi haguuguuf ta’uu kan mul’ise oduun kun, caalaatti ammoo lafa ummata Oromoo sarbuuf karoora bahe itti fufsiisanii raggaasifachuuf ta’uu addeessa.

Mootummaan Wayyaanee diina ummata Oromoo ta’e kun, plaaniin Finfinnee kun deggersa ummataa kan qabuu dha jechuun erga raggaasifateen booda, seera itti tolchee seerawaa fakkeeffachuun ummata Oromoo abbaa lafaa ta’een deemi si hin beeku jechuuf akka qophaa’e oduun kun mul’iseera.

Ummatni Oromoo, murnootni hawaasaa adda addaa adeemsa shiraa mootummaa wayyaanee fi ergamtoota isaatti dursanii dammaquun hiriira humnaa kan lafa isaa isa sarbuuf qopheeffamu kam irrattuu hirmaatuu akka hin qabne Hoggansi Qeerroo Bilisummaa fi sabboontotni Oromoo Oromiyaarraa dhaamsa jabaa dabarsanii jiran.

Falmiin Mirga Abbaa Biyyummaaf, Finfinneef jalqabame bakka hundattuu cimee itti fufuu akka qabu, mootummaan wayyaanee fi ergamtootni isaanii hiriira humnaa kana kan waaman yoo ta’e, diddaa caaluuf of qopheessuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.

FDG Dhaamsuuf Shira Mootummaan Wayyaanee wixinatee jiru.:- Fincila Diddaa Gabrummaa fi Falmii Mirga Abbaa Biyyummaa goototni barattoota/Qeerroo Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti geggeessaa jiraniin muddamsuu fi naasuu keessa seenanii waan godhanii fi dhiisan kan wallaalan wayyaanotnii fi ergamtootni isaanii, yeroo ammaa kana karaa goolessitootaa fi Habashoota deggertoota sirna isaanii ta’aniin, dhaabbilee barnootaa olaanoo Oromiyaa keessatti dhuka’aa dhoosuun barattoota Oromoo irraan miidhaa olaanaa dhaqqabsiisuuf bakka bakkatti dalagaa yakkaa kana irratti bobba’anii akka jiran qabatamaan bira ga’amee jira.

Haaluma kanaan ilmaan Habashaa deggertootaa fi basaasota sirna Wayyaanee ta’anii Yunversitii Jimmaa keessa jiran dhuka’aa harkaa fudhatanii seenuun barattoota Oromoo Yunversitii Jimmaa irratti dhoosanii balaa irraan gahuuf yaalii isaan godhan irratti dhaqqabameera.

Habashootni leellistoota sirna duraanii fi deggertootaa fi basaasota mootummaa Wayyaanee ta’an kun dhuka’aa fudhatanii Yunversitii Jimmaa seenan osoo barattoota Oromoo irratti darbuuf sagantaa qabatanii jiranii sakattaa waardiyaan Yunversitii Jimmaa godheen akeekni farrummaa isaanii kun duraa fashalee jira. Habashootni basaasotaa fi deggertoota sirna Wayyaanee ta’an kunis to’atnaa waardiyyoota Yuuniverstii Jimmaa kanneen Oromoo ta’an jala oolanii jiru.

Kana malees Caamsaa 11,2014 Mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessattis habashoonni meeshaa nama mii’u  fi waan adda addaan barattoota Oromoo irratti balaa geessisuuf osoo carraaqanii poolisoota naannoo Oromoo ta’aniin qabamanii tohannaa jala ooluu isaanii beekamee jira.

Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo adda addaa keessa jiranii fi manneen barnootaa sadarkaa gara garaa mootummaan wayyaanee fi ergamtootni isaa goolessitoota bobbaasuun dhiiga barattoota Oromoo dhangalaasuuf hojjechaa waan jiruuf dammaqinaan akka of eeggatan Hoggansi Qeerroo Bilisummaa fi sabboontotni dhaamaniiru.

1 comment:

  1. AnonymousMay 13, 2014

    Ergaa atattamaan ilmaan Oromoo Maraa ga;uu qabu:
    Uummatni Oromoo impaayeraa ityopiaa keessatti hedduminaan gara harka 40 gauun ni beekama. Kana ta'us dirree dinagdeef siyasaa irratti gahee xiqqoo qabaatee har'a gaeera. Sadarkaa gar malee tuffatamee rasaasaan akawamuutti ga'ee jira. Adeemsa seenaa kanaa jijjiiruuf dargaggo oromoo, hayyuu oromoo fi abbootii qabeenyaa oromoo iraa wanneen eegaman armaan gaditti heeramanii jiran:
    1. Dargaggoonni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa wal gurmeessun caasaa basaasaa kan wayyaanee kukkutuun isaanittii eegama. Kana birattis jajjabinaa qaamaaf shaakala xiyyeffanno( alaamaa qawee) barachuun wal ijaaruun ammaa jalqabee saffisaan itti seenamuu qaba. Kana akka salphaatti geggeessuf namoota humna waraanaa dargiifi woyanee keessaa darbamanii qe'eetti galan fayyadamuun ni danda'ama.
    2. Abbootiin qabeenyaa dhalootaan oromoo ta'an meeshaa waraanaa bituun ilmaan Oromoo isaan cina jiran gurmeessuun diddaa garbummaa ittumaa finiinsuun isaan irra eegama. Sababiin kanaas qabeenyi isaanis taate maqaan isaani oromiyaa bilisomtee keessatti daraanuu ol ka'aa deema waan ta'eef. Keessumaayyuu namni humnaa meesshaa bituu wabu marti kana hojii irra olchuutu itti jira. Osoo Oromoon Meeshaa qabaatee woyaaneen hanga kana nutti hin roorriftu turtee... Meeshaa bitadhu!!!! Ilmaan oromoo harkaa duwwaa hanga yoomitti dhumu ??

    ReplyDelete