Falmachuu sodaatan afaan qabachuu maa dadhaban?

Caamsaa 07, 2014 | Gulele Post

Abbaan Duulaa haasaa VOA waliin godherratti waa’ee Maastar Pilaanii Finfinnee ilalchisee ,  jaalatee haa ta’uu dirqamee soba dhugaa fakkatu lama dubbate.

  1. Soba 1: Pilaanin kun magaalota Zoonii Addaa  bulchiinsa Finfinnee jala hin galchu. Kun soba dhugaa fakkatu. Dhugaadhaa, waggota muraasa as deemaniif magaalonni kun maqaaf Oromiyama jala turu. Garuu wabeenyifi aangoon murteessuu guutumatti Finfinnee jala gala. Akkamitti? Pilaanni kun lafa bal’inni isaa kaare meetira miliyoona tokkoofi kumma dhibba tokko (1,100,000) too’annaa Finfinne jala galcha. Lafa kana eenyu irraa haa qubatu, meeqatti haa kireeffamu, eessatti maal haa jaaramu, akkasumas galii galu kan sassaabu ‘Koree Mastar Pilaanii’ kan bulchiinsa Finfinneefi federaalaa jala jirutu too’ata. Kana jechuun maddeenifi raabsa diinagdee guututti Oromiyaa harkaa baha. Oromiyaan ‘dhimmoota bulchiinsa’ kanneen akka poolisii, barnoota mootummaa kkf qabattee turti. Diinaggee lafa jedhame kanarraa horatamu Oromiyaan ni dhabdi.Adaduma karoorrii kun hojitti hiikkamuun imaammataafi tarrsiimoon alagaan too’attu kun Oromoota lafa sanirra haphisaa, Oromummaa buqqaasaa deema. Dura qonnan bulaan ni buqqa’a. Diinaggen callaan (capital) harka Oromoo waan hin jirreef kan viillaafi warsha itti jaarratu eenyu akka ta’e namuu beeka. kana jeechuun dureeyyonni saba-biroo baay’inaan lafa bitatanii irra qubatu. Waggota muraasa booda akkuma Finfinne kanatti Oromoon lafumna isaarratti sab-bicuu (minority) ta’ee magaalonni kun ‘qabenya sabaafi sabalammii waan ta’aniif kophatti ykn federaalaan haa bulan jedhama.Gaafas warri akka Abbaa Duulaa kudhan gaabbanis waraabeessa kutee harreen duttee taati dubbiin.Tooftaa akkanaatin Oromiyaa saamun waan haarayaa miti. Warshaalee mootummaafi iddoleen gali qabeessi Oromiyaa hedduun akka kanan fudhataman. Fakkeenyaaf warshaalee Sukkaraa Wanjiifi Mataaharaa, Albuudota Shaakkisoo, Laga Dambii fi kan biroo, lafa qonnaa Arsii, oorruu bunaa mootummaa bahaa hanga dhihaa, Warshaa Simintoo Mugar, misooma Qonnaa Hawaas ( Awash Agro Industry)  Tibilaarraa hanga Tandaahoo guututti ‘qabeenya federaalaatti. Naannolee qabeenyi armaan olii tuqame argamu ammas ‘bulchiinsi’ harka Oromiyaa jira. Garuu galiin irraa argamu gara federaalaa seena. Hedduun isaani Oromiyaafi gibiraahuu hin kafalan. Bakka akka Mataharaa fa’atti ummanni naannoo hirema qaxamarmee warshaalee san keessa hojjachuutu hin qabu.  Hedduun isaanii keessatti afaan hojiitu u Afaan Oromootii miti.Tooftaan ‘Maastar Pilaanii’ sunis kanuma. Oromiyaan okolee damma kan biroo keessaa muratu qabattee mimmkidhassiti. osoo marqa kan biraa nyaatuu qorii baadhattee joorti. Booda okoleefi qoriin sunuu diquu hin dandeessan, isinitti guddata jechuun harkaa Oromiyaatii baafamu.

  2. Soba 2: Wanni lammataa Abbaan Duulaa jedhe, qonnaan bulaan Oromoo hin buqqa’uudha. Kun kijiba rabbi jibbe. Akkuma maqaan isaa ibsu ‘Maastar Pilaaniin’ kun karoora misooma magaalati. Kana jechuun lafti armaan olitti tuqame kun waggoota 25 as deemu keessatti guututti magaaleessuuf karoorfame. Itoophiyaa keessatti magaalaa qonnaan bulaa osoo hin buqqisin guddatte argitanii beeytuu? Garjiii CMC keessa Oromoon qotatee bulu jiraa jrana? Dimshaashatti karoorri kun hojirra oollaan waggaa 25 miti waggoota 5 booda qonnaan bulaan nannoo sanitti qorichoomaaf hin argamu.

Waanin armaan olitti barreesse kana Abbaan Duulaatifi qondaalonni Dh. D. U. O cufti ni beeku. Mormaatis turan. Wayyaanenis ni beeyti. Kanaafi wanni erga Pilaanni kun bara 2009 eegalamee hamma ji’a darbeetti Oromoon tokkolleen akka koree karooraa keessatti hin hirmaanne dhoowwite. Erga dubbiin bulchaatee booda halaal (legitimize) godhuuf Abdulaziz fa’a ‘Boordii’ jedhanii shuuman.
Kanaafuu ummanni keenya olola sobaa qondaalonni sodaa lubbuuti jedhabnii xibaaran kana hubachuu qaba. Abbaan Duulaatifi waahillan isaa ammoo yoo falmuu dadhaban afaan qabatanii taa’uu qabu. Jallinaafi shira jiruu osoo beekanii sodaa lubbuutif fudhatanii ummata afaanfajjeessuuf deemuun Hassan Ali, Almaaz Makkoo, Juneeydii Saaddootif kan birootuu siree alagaan ergiseefirraa salphinaan darbamuu hin oolchine.

No comments:

Post a Comment