Hiriirri Nagaa Gaaffii Barattoota Oromoo Gochaa Mootummaa Wayyaane mormu London keessatti geggeeffame (Including Photos and Video)

Caamsaa 06, 2014

Hiriirri guddaan gaafa Caamsaa 6, 2014 ganama sa'aatii 11:00 am irraa jalqabee, Parlaamaa Muutumma biyya UK fuulduratti bahee sagalee guddaa dhageessise. 

Hiriira kana irratti ummatni Oromoo biyya UK jiraatan- dhiira, dhalaa, dargaggoo, jaarsa fi jaartii utuu hin jedhiin naannoo adda addaa irraa hedduminaan argaman. Hiriiri kun yeroo hundaa caalaa Oromoo tokkummaa isaa kan itti agarsiisee fi afaan tokkoon gochaa sukkanneessaa mootumaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jirtu kan saaxiluu fi mormuu ture. Itti dabalees ummatni cunqurmfamoo biroo kan akka Ogaaden, Kafichoo, Shakkichoo fi ummatni Amaaraa hiriira kana irratti qooda fudhatanii deeggarsa isaanii ummata Oromoof agarsiisaniiru. 

Hirmaattotni hiriira kana gaddaa fi aarii dhan haala suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti mootummaan Wayyane raawwachaa jirtu kana mormaa ooleera. Maatii fi firoottan ilmaan Oromoo falmii kana irratti wareegamanii jajjabina isaaniif hawwaa turan.  

Gaaffiilee hiriira kanarratti dhihaatann keessaa gurguddoon kan armaa gadii turan: 
  • Ajeechaan, hidhaa fi reebichi barattoota Oromoo nagaan gaaffii mirga isaanii gaafatanii haa dhabbattu.
  • Gaaffiin barattoota Oromoo gaaffii ummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo hundaa ti.
  • Babal'isuun magaalaa Finfinnee Oromoo buqqisuu kan yaadamee dha.
  • Finfinneen handuura Oromiyaa ti.
  • Gumaa dhiiga ilamaan Oromoo qabsoo keenyaa ni baafanna.
  • Oromiyaan ni bilisoomti.
  • Mootummaan biyya Inglizii gochaa ilmaan Oromoo irraa gahaa jiru akka dura dhaabbatu gadi jabeessinee gaafanna.
  • Gargaarsa miliiyonaan lakkawwamu mootummaa Wayyaaneef kennuun ilmaan Oromoo ajeesisuuf waan ooluuf akka dhaabbatu gad jabeessinee gaafanna.
  • Hogganootni Wayyaanee ajjechaa ilmaan Oromoo kana irrati raawwatan akka seeraa adunyaatti dhihaatan gadi jabeessanee gaafanna.  
Yeroo ammaa biyya Oromoo keessatti harka qullaa diina hidhate waliin falmaa kan jiran jagnoota Oromoo waan qabnuun bira dhaabbanne. Bilisummaan wareegama malee akka hin argamne hubannee bakka jirrutti falmaa itti bobba’uu qabna.

Ummata Oromo Biyya UK
Caamsaa 6, 2014
London, UK

Watch Parts of the demonstration in pictures and video below 

           

1 comment:

  1. AnonymousMay 07, 2014

    Ergaa namni martii hubachuu qabuu.:
    Hiriira baatanii rakkoo keenya adunyaatti nuuf ibsuu keesaniif kabaja guddaa qabdu. Motummaan wayyaanee garuu kana dhageeffatee hojii shororkessummaa isaarra debi'a jechuun soba. Kanaafu namni humna isaa qabu hundi meeshaa waraa naa bitatee qophaawuu qaba.

    Oromo Hin gowwoomin, >> diina Ibida baatee sitti ka'e Adunyaa sodatee nagubuu dhiisa jette hin abdatin! Get ready for the final offensive. Meshaa biti! Meeshaa biti!

    ReplyDelete