FINFINNEEN WIIRTUU FI QAAMA MURTEESSAA OROMIYAA TI

Caamsaa 10, 2014 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Mootummaan Wayyaanee –Ihaadig Itiyoopiyaa humnaan cafaqee bitaa jiru mirgoota uummati Oromoo qabsoo isaan gonfate haquu itti fufee jira. Kan nama dhibutu mootummichi mirgoota heera biyyattii ogeessota ofiin tolfatee fi maxxanfate keessatti hammataman iyyuu walitti fufiinsaan shrafaa jira. Kaartaan Guddichi (Master Plan) magaalaa Finfinnee hammeenyaan guutame mootummaa aangoo irra jiruun dhiheenya labsame, itti fufa daangaa Oromiyaa cicciruu kan waggoota kurnan lamaa oliif deemaa turee ta’uu nutti agarsiisa. Imaammati tarsiimoo Wayyaanee kan uummata Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu fi godaansisuu bara 1991 eegale hanga ammaa hin dhabanne. Kaartaan lafaa Finfinnee haaraa tolfame daangaa maagalota Zoonii Addaa Oromiyaa naannoo sana jiranii dhiibaa jiraachuu isaa dunuunfatanii haaluu fi olola gurra nama duuchu oofuu yaalan iyyuu godinaaleen jedhaman qabatamaatti bulchiinsa Finfinne jala galfamaa jiru.


Kaartaan yeroo ammaa maqaa godinoota misoomaan walitti hidhuu jedhuun tolfame kun lafootaa fi
magaalota Oromiyaa naannoo Finfinneetti argaman kana akka Aqaaqii, Dukam, Sabbata, Buraayyu,Sulultaa, Laga Xaafoo-Laga Daadhii, Sandafaa fi kan biroo kiilo metra 50 fi sanaa ol irratti argaman bulchiinsa magaalaa Finfinne jala galchuuf kan akeekkate dha. Murtiin kun fedhii fi hayyama uummata Oromoo ala Mootummaa Federaalaa Wayyaaneen durfamuun fudhatame. Dhaabi maxxanee Wayyaanee maqaaf Oromiyaa bulchaan jira jedhu, OPDOn, iyyuu dhimma kana keessa hin beeku. Finfinnee ilaalchisee karoorri Wayyaanee kan yeroo dheeraa, Finfinnee kara kibba bahaan hanga Adaama fi sanaa achitti, kibba lixaan hanga Walisoo fi sana garasitti, kara kaaba bahaa hanga daangaa bulchiinsa naannoo Amaaraatti, kara dhihaa hanga Ambootti bal’isuun magaalaa Finfinnee gar- malee guddoo fi dhifamte ijaaruu dha. Karoora Wayyaaneen Oromoota lafa ofii irra jiraatan irraa dhaalee magaalaa Finfinnee babal’isuuf baafate daangaa hin qabu; bakka itti dhaabbatu hin qabu. Tarkaanfiin kun dantaa dinagdee fi siyaasaa Wayyaanee qofa guutuuf fudhatamaa jira. Saamichi lafaa uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru daba jireenya Oromia balaa irra buusuu fi yakka akka sabaatti Oromoo irratti raawwatamaa jiru dha.

Saamichi lafaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneen Oromoo irratti raawwatamaa jiru itti fufa imammata mootummoota isa dura turanii ti. Akkuma seenaa irraa hubatamu weerara Minilk booda lafaa fi biyyi Oromoo weerarame qabeenya dhuunfaa gita bittuu Amaharaa Manzi ta’an. Amaloota beekamoo weerara Minilki keessaa tokko lafoota Oromoo waraana ofiif, Nafxanyootaaf, qoqoodee dachee weeraraman irra qubsiisuu ture. Kana malees lafti biyya Oromoo harki guddaan lafa mootummaa jedhamee gurgurtaaf dhihaate; kaan immoo gibira ulfaataa itti kafalchiisan. Nugusichi lafa Oromo irratti mirga ol aanaa akka qabutti labsame. Kara biraas lafti bal’aan maqaa Samunanyaa jedhuun Bataskaanota Ortodoksii weerara Minilk faana Oromiyaa seenaniif kenname. Qeesotaa fi diyaaqunooti Habashaa illee sirna kolonii hojii irra oolchuu fi adeemsa uummata Oromoo Amaaresuu keessatti qooda guddaa gumaachan. Walumaa gala lafti biyya Oromoo koloneeffattota gita bittuu Amharaa achi irra quabataniif madda galii ol aanaa ta’e. Giti bittuu Amhaaraa sirna qabiyyee lafaa saamicha irratti hundaawe gosa adda addaa fiduudhaan jireenya gamtaa Oromoo qonnaa fi tikfattummaa irratti hundaawe mancaasan. Akka kanaan caasaan hawaasaa fi qubsuma Oromoo ciccitee dhabame. Dhaabbattoota dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa Oromoo ta’e jedhanii dabamsiisan. Sirni qabiyyee lafaa sirna giti bittuu Amharaa Oromootti fidan akaakuu baayyee dha. Isaanis: qabiyyee mootummaa( harka guddaa), lafa Shaalaqaa loltootaa fi waardiyoota mootummichaaf kenname, lafa Madariyaa jedhamu kan namoota amanamummaan mootummicha tajaajilaniif akka mindaatti kennamu, Hudaad kan jedhamu uummati bahee moototaaf midhaan nyaataa irra qotuu fi oomishuuf, lafa bataskaana Ortodoksii maqaa Samunanyaa jedhamuun qeesotaa fi diyaaqunoota Habashaaf raabsame fi kkf dha. Uummati Oromoo lafoota kana irra jiraataa turan lafa waliin mootota Habahsaaf raabsamanii lafa akaakilii fi abaabilii isaanii irratti gabbaarii gita bittuu Amhaaraa taasifaman.

Oromiyaan koloneeffatamuun dura raabsii fi bulchiinsi lafa Oromoo waajjira sirna Gadaa karaa dimokraatawaa ta’e filameen geggeeffamaa ture. Yaa’iin sirna Gadaa seera tumuufis ta’e wayyeessuuf aangoo seeraa qaba ture. Weerara Minilik booda garuu qubattooti Amhaaraa gara Oromiyaatti godaanuun wal qabatee koloneeffattoota muraasaaf jecha Oromoon aangoo politikaa fi lafa itti jiraataa ture sarbame. Akka ilaalcha Oromootti silaa horiin kan abbaa horee ti, qabiyyeen kan abbaa duraa ti, horri kan warra dura argee ti.

Mirga abbaa biyyummaa Finfinnee fi lafoota naannoo Finfinnee jiran ilaalchisee naannoon sun seeraanis seenaanis qabiyyee Oromoo ti. Weerara Minilik dura lafti amma magaalaan Finfinnee irra dhaabbatee jiruu fi naannoon isaa wiirtuu siyaasaa, dinagdee fi amantii damee Oromoo Tuulamaa ture. Finfinnee fi naannoon ishee harki guddaan qabiyee gosoota Oromoo Gullallee, Galaanii fi Ekaa ture. Waraanni weerartuun Minilik, durbii nugusichaa Dajjaazmaach Sayifuu jedhamuun hoogganamu Finfinnee fi naannoo ishee weeraree qabate. Gosooti kanneen lafa akaakilii fi abaabilii isaanii irraa humnaan buqqifaman. Gandootaa fi maasiin isaanii gubamee lafti qonnaa fi dheedhaa irraa fudhatame. Lafti isaanii humnaan qabame maatiiwwan gita bittuu Manzi warra akka Minilik, Dajjaazmaach Sayifuu, Raas Birruu fi kan biroof raabsame. Maqaan lafaa duraan Finfinnee jedhamee beekamu jijjiiramee Addis Ababaa moggaafame. Baroot itti aananis maqootiin lafaa Oromoo Finfinnee keessa jiran maqaa Amhaaraatti jijjiiraman. Isaan keessaa hanga tokko maqaa dhahuuf : Burqaan Finfinnee Filwuaa jedhame, Birbirsi Yaa’ii Gooroo Araadaa Giyoorgis moggaafame, Caffee Araaraan Siddist Kiiloo jedhan, Daalatti Arat Kiiloo dhaan bakka buusan, Tulluu Heexoo Diimtuu Taallaaquu Beetamangist jedhanii waaman, Baddaa Ejersaa Raas Kaasaa Safar moggaasan, Luqoo Kormaan Raas Birruu Safar jedhan, Barroo Kormaa Raas Tasammaa Safaritti moggaafatan, Arbuu Irreechaa maqaa Raas Haayiluu Safar jedhu kennaniif, maqaa Hurufa Boombii jedhu Jaan meedaatti jijjiiran, karaa Karra Qirixii jedhu Sameen Barri kan jedhutti jijjiiran, Karri Qoree Jimmaa Barr jedhame, Adaamiidhaan Sameen Maazagaajaa jedhan, Baabboo Addisuu Qeeraatti jijjiiran, Burqaa Qorichaan Yekkaa Mikaa’el jedhan. Maqootiin lafaa Oromoo durii Finfinnee asii olitti tarrisuu yaalle hanga muraasa qofa. Lafooti kanneen gariin isaanii galma amantii akkasumas gaarrenii fi malkaa bakka Oromooti waaqa itti galateeffatan iddoowwan eebbifamoo turan.

Giti bittuu Amhaaraa weerara Oromiyaa akka xumurataniin Finfinnee mooraa waraanaa (Katamaa) isaanii ajaji ol aanaan irraa kennamu taasifatan. Itti fufaniis bakka jireenyaa taasifatan. Jalqaba haati manaa Minilik, Xaayituun Burqaa Finfinnee ho’aa daawwachuudhaan achi cinatti mana jireenyaa maatii nugusaa ijaarratan. Booda aantoti nugusichaa burqaa Finfinnee ho’aa sanatti qaama dhiqachuu mi’eeffatan hundi achuma cinatti mana jireenyaa ijaarratan. Masaafintooti Manzi kan biroos ashkaroota isaanii waliin lafoota achitti aanaanii jiran irra qubatan. Minilik qubsuma waraana isaa kan Finfinnee booda gara teessoo mootummaa isaatti jijjiire. Akka kanaan Masaraa mootummaa Taallaaquu Beetamangist jedhamu Tulluu Heexoo Diimtuu bakka Dhagaa Araaraa jedhamee beekamu irratti ijaarrate.

Lakkuma qubattooti koloneeffattoota Amhaaraa gara Finfinneetti baayyinaan yaa’uu itti fufaniin baayyinni uummataa achi keessa turee yeroo gabaabduu keessatti jijjiirame. Uummati Oromoo lafa sana irra jiraachaa ture mirga abbaa biyyummaa sarbamee mootummoota Itiyoophiyaa dhufaa darba aangoo mootummaa wal irraa dhaalaniin moggaatti dhiibame. Oromooti Finfinnee keessatti warra lafaa ta’anii osoo jiranii achi keessatti uummata bicuu taasifaman. Qormaata bara 2007 keessa Waajjira Lakkoobsa uummataa Itiyoophiyaatiin adeemsifame akka agarsiisutti uummata magaalattii keessa jiraatu gaafas 2,739,551 ture harka dhibba keessaa Oromoon harka 19.51(19.51%) qofa. Amahaarri alaa dhufee achi keessa qubate immoo dhibba keessaa harka 47.04% ta’uun galmaa’ee jira. Qormaatumti yeroo sana adeemsifame afaanota magaalattii keessatti dubbataman ilaalchisee gabaasa baaseen afaanota Finfinnee keessatti dubbataman keessaa afaan Amhaaraa dhibba keessaa harka 70 (71.0%) oggaa ta’u afaan Oromoo harka 10.7 (10.7%) tti gadi bu’ee argame. Kun miseensota saba Oromoo Finfinnee keessa jiraatan keessaa iyyuu kanneen imaammata Amaaressuu giti bittuu Amhaaraa hordofuu fi dhiibbaa aadaa fi afaanii isaan geessisaaniin faanii fi aadaa isaanii irraanfatanii eenyummaa ofii dhaban baayyeen jiraachuu nutti agarsiisa. Bara mootummaa Minilik Oromoota hedduutu qaamaan dhiibabee Finfinnee keessa bahe. Bara mootummaa Hayila Sillaasee imaammata afaanii fi barmootaa kan aadaa fi afaan Oromoo balleessanii Amhaaressuu mootummichi hordofaa tureen Oromummaa magaalattii keessaa dhiquudhaan dhalooti Oromoo akka hawaasaatti achi keessatti aadaa fi afaan wal irraa akka hin dhaalle taasifame.

Magaaloti gurguddoon jijjiirama hawaasaa, dinagdee siyaasaa fi aadaa hawaasa tokkoo keessatti qooda guddaa akka gumaachan beekamaa dha. Haa ta’u malee guddinni Finfinnee keessatti argamu kamuu akka warra koloneeffataa fayyadutti karoorfamee hojjetama malee uummata Oromoo abbaa biyyaaf bu’aa argamsiise hin qabu. Uummati Oromoo amma illee mirga bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti hirmaachuu, akkasumas magaalattii keessatti mirga dinagdee, guddina hawaasa ofii fi aadaa ofii achi keessatti dagaagfachuu akka sarbametti jira. Dhimma ofii irratti akka hin murteessinee fi dinagdee ofii karoora ofiin akka hin misoomsineef aangoo siyaasaa sarbaman. Bittoota alagaatu akka Oromoon jiraataa magaalaa ta’uu hin dandeenyetti ta’e jedhaanii imaammataa fi caasaa bulchiinsa magaalaa akka ofiif fedhanitti yeroo yerootti diriirfatu. Imaammata dantaa isaanii tiksuu fi biyyoolessaa Oromoo tuquu uummata Oromoo irratti fe’u. Jechuun uummati Oromoo Finfinnee irratti abboomuu hanqachuun dhaabbattoota misoomaa ofii Finfinne kessatti akka hin babal’fanne danqaa itti ta’e. Oromoon Finfinnee irratti mirga abbaa biyyummaa seenaan qabuu fi adeemsa dinagdee fi misoomaa magaalaattii keessatti akka hin hirmaanne moggeeffamuun dhiibbaa hawaaummaa, dinagdee fi siyaasaa hammana hin jedhamne Oromoo irraan gahee jira

Akkuma asii olitti tuqne mootummaan wayyaanee-Ihaadig amma aangoo irra jiru Oromoo kan ilaaluun imaammata inni hordofu imaammata sirnooti isa dura turan hordofaa turan wajjin wal fakkaata. Garaagarummaan jiru ol aantummaan gita Amhaaraa ol aantummaa gita bittuu Tigrayiin dhaalamuu isaa qofa. Mootummaan Wayyaanee Ihaadig imaammatoota lafa uummata Oromoo lafa isaa irra buqqisuu, arihuu fi qe’eea abbaa isaa irraa arihuu sirnoota isa dura turan irraa dhaale bifa biraan itti fufee hojii irra olchaa jira. Hoogganooti Wayyaanee qabeenya Oromoo salphaatti to’achuuf akeeka isaanii cubbamaa lakkoobsa uummata Oromoo xiqqeessuun saba bicuu taasisuu jedhu qaanyii tokko malee erga labsanii bubbulaniiru. Gartuun Wayyaanee biyyattii bitaa jiru waggoota 23n dabran Oromoota kuma dhibba baayyeetti lakkaawwaman lafa akaakilii fi abaabilii isaanii irraa buqqiseera. Grtuun Wayyaanee saamichaan beekamu afaan qawween aangoo politikaa biyyattii dhunfate, bara 1991 irraa qabee dinagdee fi qabeenya uumamaa Oromiyaa magaalaa hanga baadiyyaa jiru guutummaatti dhuunfate. Weerartooti kun qabeenya uumamaa Oromiyaa kan akka lafa qonnaa, lafa dheedhaa, bosona, lageen, haroowwan, burqituu bishanaii, albuda lafa keessaa fi kkf hunda humnaan to’atanii jiru. Qabeenya uumamaa Oromoo hunda meeshaa nagadaa taasifatanii maallaqatti gurgurataa jiru. Yeroo ammaa uummati Oromoo fi lafti isaa dhugaamatti qabeenyaa
hoogganoota wayyaanee ta’aniiru jechuutu danda’ama. Hoogganooti Wayyaanee lafa Oromootti gargaaramuu qofa utuu hin taane Oromoo lafa isaa irraa buqqisanii investeroota biyya alaatti maallaqa alaa guddaan gurguratu. Bara si’anaa Oromiyaa keessaa humnan lafa qonnaan bulaa Oromoo irraa butachuun daangaa dhabee jira. Wayyaanoti lafa hektaara miliyoonaan lakkaawamu Oromoo irraa saamanii kubbaaniyoota Indii, Chaayinaa, Arabaa, Maaleshiyaa, Paakistaan, akkasumas abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi idil addunyaa kan birootti maallqa guddaan gurgurataa akka jiran hawaasa addunyaatu gurraa qaba. Kana cinatti immoo dhaabbattooti nagadaa Wayyaanee gurguddaa fi industriiwwan isaanii magaalota
Oromiyaa keessaahuu Finfinnee keessatti akka waakkoo biqilanii jiru. Tarsiimoo isaanii cubbamaa kana fiixaan baafachuuf uummata Oromoo Finfinnee fi naannoo sanaa haxa’aa jiru. Heerri mootummaa Federaala Ripubilika Itiyoophiyaa maqaaf bara 1995 Wayyaanee-Ihaadiin katabame sabaa fi sab-lammooti biyyattii keessa jiran mirga ofii ofiin murteeffachuu, dhimma ofii irratti murtii ofii fudhachuu, qabeenya uumamaa fi karora misoomaa ofii irratti ofiif ajajuu, afaan, aadaa fi seenaa ofii guddifachuu jedhuu fi kkf ni hayyama. Magalaa Finfinne ilaalchisee heera kana aangoo 49 lakkoobsa 5 irratti kan ibsame akkas jedha: ““ Dantaan addaa Oromiyaa Finfinnee keessatti, dhiheessii tajaajila hawaasummaa yookaan dhimma bahiinsa qabeenya
uumamaa fi kan kana fakkaatan, akkasumas Finfinnen Oromiyaa keessatti argamuu isheetiin wal qabatee dhimma bulchiinsa waloo ka’u ni kabajama. Gadi fageenyi isaas seeraan murtaawa.” Jedha. Haa ta’u malee seerri dhimma kana ilaalchisee ni baha jedhame kunoo hanga ammaa Mana Marii Bakka bu’ootaan hin bahin jira. Kanaaf Oromiyaan hanga ammaa Finfinnee irraa waan fayyadamte hin qabdu. Inumaahuu faallaa isaa mootummaa Federaalaatu maqaa Finfinneetin Oromiyaa irraa gar malee fayyadamaa jira.

Akka heera sirna Wayyaaneetti Finfinneen magaalaa guddittii mootummaa Federaalaa ta’uu caalaa sadarkaan mootummaa naannoo kennameefii jira. Gama biraanis maqaaf teessoo mootummaa naannoo Oromiyaas jedhamtee beekamti. Haa ta’u malee akka qaama mootummaa Federaalaatti, paarlaamaan Federaalaa seera Finfinne keessatti hojii irra oolu danda’u yeroo barbaadetti baasuu danda’a. Mootummaan Federaalaa yeroo barbaadetti mana marii Finfinnee uummataan filame iyyuu diigee namoota ofii barbaade muuduu danda’a. Kunis hojiin mul’ateera. As irratti waan nuti gadi jabeessinee jechuu barbaadnu jalqabuma irraa Finfinneen akka mootummaa naannootti caseffamuun ta’e jedhamee Oromiyaa haadha ishee irraa adda
baasuuf kan raawwatame dha. Finfinneen teeassuma lafaan qaama Oromiyaa bakka murteessaatti argamtu ta’uun wal nama hin gaafachiisu. Seenaanis seeranis lafa Oromootaa ti. Haa ta’u malee motummaan Wayyaanee ta’e jedhee Finfinnee siyaasaanis dinagdeenis Oromiyaa irraa adda baase. Kana malees hojjettootaa fi qonnaan bultoota Oromoo kuma hedduutti lakkaawaman ta’e jedhanii Finfinnee keessaa buqqisan. Akkasuma Waldaa Gargaarsa Oromoo fi Waldaa Maccaa fi Tuulamaa dabalatee dhaabbattoota Oromoo adda addaa irratti dhiibbaa ulfaataa geessisuun Finfinnee keessaa dhabamsiisan. Kan biraa dhiisii Mootummaan Wayyaanee dhaabbattootaa fi waajjiroota mootummaa naannoo Oromiyaa Finfinnee keessa
turan illee akka keessaa godaanan bara 2002 ajaja dabarsuun isaa seenaa yeroo dhihoo ti. Dhugaamatti mootummaan Oromiyaa maqaaf yeroo ammaa jiru teessoo mootummaa dhaabbataa hin qabu. Oromiyaanis magaalaa guddoo kana jette himattu hin qabdu. Kana malees wanni yaadatamuu qabu mootummaan Wayyaanee waggoota 23n darban daangaa Oromiyaa ta’e jedhee kukkutee Tigraayii fi naannoolee sabaa fi sab-lammoota ollaa kan birootti dabalaa yoona gahe.

Akkuma olitti jedhame akeeki tarsiimoo Wayyaaneen Finfinnee Oromiyaa irraa adda baasuun akka mootummaa kophaatti akka ijaaramu taasisuu fi magaalota naannoo Finfinnee jiranis maqaa misooma waliinii fi guddina jedhuun Finfinnee jala galchuu yaaluu waan biraa utuu hin taane akeeka daangaa Oromiyaa sharafanii xiqqeessuu fi yoo danda’aameef immoo akka mootummaa naannootti iyyuu jiraachuu akka hin dandeenye taasisuuf shira dalagamu dha. Tarsiimoo Oromiyaa olii fi gadi kutanii biyya biraa ishee keessatti uumuun Oromiyaa hafte adda qooduuf killaa tolfamu dha. Akeeki siyaasaa tarsiimoo kana duuba jiru ifaa dha. Innis gaaffii mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo wal xaxataa taasisuu fi akka inni galii isaa hin dhaqqabne danquu dha. Finfinneen akka magaa laa guddoo fi teessoo mootummaa empayera Itiyoophiyaa, teessoo jaarmota godinaa fi idil addunyaattis kara hedduu wiirtuu siyaasaa, dinagdee fi dippilomasii ta’uun ishees ifaa dha. Jaarmoti akka Gamtaa Afriikaa, Koomishinni Dinagdee Afriikaa Tokkummaa Mootummootaa fi jaarmoti godinaa fi idil addunyaa kan biroo Finfinnee keessa maadheffatan baayyee dha. Gamtaan Afriikaa yeroo ammaa lafa Oromoo bal’aa mootummaan Wayyaanee arjoomeef irratti waajjira guddaa ijaarratee mana haaratti galee jira. Hawwannaa fi arjoomina mootummaan Wayyaanee hawaasa addunyaa fi investeroota biyya alaaf kasaaraa Oromiyaatiin addatti immoo Finfinnee keessatti oolmaa inni ooluuf walumaa gala qabsoo mirga hiree murteeffannaa saba Oromoo gufachiisuuf kan akeekkate dha. Hanga Finfinneen wiirtuu siyaasaa, dianagdee fi dippilomaasii taatee jirtutti humni Finfinnee to’ate salphaamatti Oromiyaa ta’achuu danda’a.

Kana caalaa iyyuu mootummaan Wayyaanee maqaa misoomaa fi guddina dinagdee waliinii fi magaalessuu jedhuun Oromiyaa maqaafuu ta’u akka mootummaa naannootti jirtu akka itti hin fufne dhabamsiisuuf guddisee hojjechaa jira. Mirgoota hanga tokko uummati Oromoo wareegama guddaa kafalee gonfate ta’e jedhee haquuf ifaa fi dhoksaan irratti hojjchaa jira. Haa ta’uu adeemsi akkanaa dhiigi baayyeen akka dhangala’uuf balaa guddaa dorrobee akka jiru hubatamuu qaba.

Kaartaan Finfinnee guddichi mootummaa wayyaaneen amma haaraa tolfame jedhamu ammuma iyyuu mormii guddaa fi balaaleffannaan uummata Oromoo bal’aa biraa isa mudatee jira. Barattooti Oromoo manneetii barumsaa ol aanoo fi sadarkaa lammaffaa, akkasumas uummati Oromoo bal’aan guutummaa Oromiyaa keessaa karaatti bahaanii finciluun mormii isaanii dhagessisaniiru, dhageessisaas jiru. Finciltooti uummata Oromoo cunqursaan nu gahe jechuun gaaffiilee bu’uuraa kan mirga hiree murteeffannaa akka dhugoomu tarrisuun sagalee isaanii dhageessisaa jiru. Mootummaan wayyaanee mormii karaa nagaa dhihaate kanaaf deebii inni kennaa jiru humna waraanaa guddaatti gargaaramee fincila uummataa ukkaamsuu yaaluu dha. Humni addaa Wayyaaneef amanamaa Agaazii jedhamu uummata hiriira nagaa bahetti dhukaasee hanga ammaatti Oromoota kurnan baayyeetti lakkawaman dhiiga isaanii jigsee jumulaan fixeera. Humni addaa Wayyaanee kun barattootaa fi uummata nagaa Ambo, Gudar, Tokkee, Baalee-Roobee, Gimbii, Haramayaa, Qellem, Horro fi naannoolee Oromiyaa biroo keessatti hiriira nagaa bahan qiyyaafatee itti dhukaasuun lubbuu nama baayyee galafate. Hedduus madeesse.Kunis mootummichi imaammata ofii humnaan hojii irra oolchuuf itti fufee jirachuu isaa agrsiisa.

Kana biratti immoo sirni Wayyaanee dhugaa lafa irra jiru gara dabarsuuf wacaa fi duula ololaa gurra namatti duuchu karaa midiyaa isaa oofa jira. Uummatas humnaan walitti qabee dharaa itti lallabaa jira. Waa’ee Kaartaa guddicha Finfinnee gaaffii kaase ilaalchisee odeessa dharaa uummataaf kennuu yaalaa jira. Ibsoota qondaaloti mootummichaa yeroo adda addaatti kennanis wal dhiitu. Dhugaan maappii fi lafa irra jiru Finfinnee Square km 54, 000 iirratti ijaaramtee jirtu garga Square km miliyoona 1.2tti dhisuu ta’ee utuu jiruu Wayyaanoti karaa kittillayyoota isaanii Kaartaan jedhame dhimma magaalaa Finfinnee babal’isuu fi bulchiinsaa wajjin waan walitti hidhatu miti jedhanii uummata sobuu yaalu. Yoo dhimmi kun dhimma Finfinnee babal’isuu miti ta’e maqaa Master Plan jedhuun maappii/kaartaa /Finfinnee haaraa kaasuun maaliif barbaachise gaaffii jedhu yoo gaafataman garuu deebii hin qaban. Kanaaf duula ololaa isaan itti jiran uummata sobuu fi gowoomsuun gaaffii haqaa fi sirnaa isaan dhiheessaa jiran harkaa gatanii diddaa uummataa qabbanessuuf yaalii godhamu dha. Gowoomsaan akkanaa immoo waan haaraa utuu hin taane waanuma mootummaan Wayyaanee waggoota 23n darban shaakalaa yoona gahe dha. Yeroo bitachuuf soba adii sobu. As irratti gaaffiin uummata Oromoo waa’ee babal’achuu Finfinnee gaaffii kaase qofa osoo hin taane gaaffii bu’uuraa kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo deebii hin argatin jiru hunda dabalata.

Haalli amma jiru uummata Oromoof yeroo ulfaataa dha. Uummati Oromoo gara kattaa jabaatti dhiibamaa jira. Kanaaf uummati Oromoo diina Oromiyaa fi eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf qaratti isa dhiibaa jiru of irratti loluu malee filmaata biraa hin qabu. Kun immoo lafa isaa irraa buqqifamuu, qabeenya ofii saamamuu fi dhumaatii murna Wayyaanee akka bineensaa isa adamsuun isa irra gaha jiru of irraa faccisuuf tokkummaan ka’uu gaafata. Addi Bilisummaa Oromoo, Finfinneen hadhuuraa fi qaama Oromiyaa isa murteessaa dha
jedhee amana. Akka kanaan hireen Finfinnee hiree Oromiyaa irraa adda bahee hin ilaalamu. Waan ta’eef qabsoon Finfinnee bilioomsuuf adeemsifamu qaama qabsoo bilisummaa Oromiyaa walii galaa adeemsifamaa jiruu ti. Oromooti ol jedhanii deeman hundi tokkummaan ka’anii dhabama irraa of oolchuu qabu. Dargaggooti, barattooti, hojjettooti, qonnaan bulaa fi murnooti hawaasa Oromoo hafan hundi harka wal qabatanii walabummaa Oromiya fi bilisummaa Oromoof qabsaawuu qabu.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Caamsaa, 2014

No comments:

Post a Comment