Madda Salphina Keenyaa

Muddee 24, 2013 | Ittanaa Guuttataa Irraa* 

Hireen ilmaan namaa yeroo hundaa waan wal hinqixxaanneef carraan isa kaan bitaarra kaaniinimmoo mirgarra akka Abiraamifi Looxii bobbaasti. Uummtni Oroomoos ta’e sab lammiiwwan biraan ulfaatina jireenyaa jalaa miliquuf biyya keessatt ta’e biyya ambaatti bu’anii ba’uun carraa isaaniif ba’ee dha. ‘Mechees maal godhanii, farsoo maskaramii qaxanxan godhanii’ jedhu ollaan koo tokko dur. Waanti godhan injiruuf ittiin bulinnaaf hundumtuu isa maluufi inmalle hojjeta.

Moototni Imaapyerattii kana bitan martinuu yoo haala jireenya saba kanaa foyyeessuuf indandeenyellee hirree diinaa irratti olfudhatamu maqsuuf aarsaa hamma du’aatti kaffalaniiru, baayyeen booji’amaniiru, hidhamaniiru, du’aniirus. Sablammiiwwan yartuuf farra haata’aniyyuu malee Miniiliik, Hayilasillaseenfaa daangaa biyyattiifi ulfina saba isaanii eegsisuuf ciisanii inbulan ture. Barreeffama kana kessaatti saba kootiif mootoota gaarii dha jedhe ibsuu koo utuu hin ta’iin yeroon wal-cina qabe ilaalu ta’uusaa na beekaa.
Kan baranaa garuu baatuudha. Daandiin isaan ka’an sun bifa biraadhaan ‘warraqsi ilmaanshee nyaatti’ akka jedhan sabasaaf falmmuurra akka naachaa boo’aafii nyaachuusaa malee mootummaa sabsaaf falmu arguun waakkuu ta’eera. Mootummaan wayyaanee sabsaaf waan ho’u fakkaataa imimmaan sobaa busaa saaba ofiisaa gaafa raakkoo biyyaa Saudi Arabia tti irra gahe homaa qooda deebii qabatamaa fudhatuuf daannoo sabasaa mirkaneessuu, dhaga’ee akka waan indhageenyee ta’uun, warra jiranii gadiifi kan du’unii ol isa taasisa.
Mootummaa birmaddummaa sbasaarra taayitaafi angoo mataasaaf adda durummaa kennu jarra darban keessatti illee inargamne miti jaarraa qaroominni akka samii olka’e kana keessa. Akkuma dubbachaa jiruu mootummaan wayyaanee warra Saudi Arabia irraa deebi’an kunuunsee simaatee maatii biran ga’eera garuu 1:5 ijaaramaa dhaaba kana deggeeraatii liqii isiini laannaa kanachi wadoon keessan wadoodha jedhee dorsiisaa jira. Kana baqaaf garuu jarri kun ammalle akka bishan laastikii keessaa karaa dhangala’uu barbaaduu karaa biraan biyyatti keessaa karaa ba’aan barbaadaa jiru. Kan tokkoyyuu hin tolle budaan lakku dhalti jedhuu silaa kan baqanne akka itti deebinuuf miti hanga dhugaan jallatte quuquxuutti, mirgi saba keenya sarbamee dabi’uutti jaabannee ittin mormuuf balaleeffachuun fedhii keenyaas dirqama keenyaas.
Maandeellaan ofiisaarra saba isaaf nama jiraatee, diinotasaaf araara godhe addunyaa mara biratti jaalatamaafi seena qabeessa isa taasisee hafe, du’us awwaala garasii seenaan isa waamaa hafa. ‘Yaadannoon nama tola bara baraan jiraata’ akka macaafni qulqulluun jedhu, kana mootimmaa jal’aa akka wayyaanees fuula namaafi waaqaa duratti olka’amee jiraata. Murtoon kan sabaa bal’aafi waaqa guddaa kanaati.
Motuumma akka kanatti gara-jabina qabuu saba isaarratti mullisaa jiru kanrra jijjiramatuu argama jechuun dubbii sobaa ti. Har’as ta’ee bor yoo eejjeennoo ofii keenyaa fudhannee sochoone malee teenyee eeguun” buddeena abjuu” isaa jedhan nutti ta’a. Hojjii dhabuurran kan ka’ee Lammiin keenya biyya isaaniirra biyya hormatti salphinni, gudedamuun fi ajjeechaan irra ga’uu isaaf sabaabni guddaan Mootummaa Wayyaanee ti. Kan Motuummaan keenya akkas nutti ta’ee hormi gochaa amma kana ga’uu yoo nurraan ga’ee waan nu diinqiisiisuu miti “ Sangaa abbaan gaanfa caabse hormi ni burksa” nurrtti raawwateera. Madda hamaa nutti ta’ee kan jiruu kun Motuummaan Wayyaanee sodaa qabnurraan kan ka’ee Bishaan laga ya’uu coree irraa kaafnee hanga galaana isa nuliqimsuutti kan geesiise nuuyi malee Madda hamaa kana dhabaamsiisuuf bakka itti sodaannee liqimfannee jirru keessa of baafnee yoo karaa dandeenyu hundaan irratti qabsoofne duwwaatu furmaata ta’a. Yoo kana hin gonuu ta’ee garuu hanga Wayyaaneen jiruutti salphinni fi hammenyi ulfaataan caaluu nurra ga’uun itti fuufa.
Injiifannoon Uummata Oromoof
* Kan na qunnamuu barbaddaniif: itanaguteta@gmail.com

No comments:

Post a Comment