Gootichi WBO Godina Kibbaa halellaa isaa cimsee itti fufeeraa

Caamsaa 26, 2014 | Madda Oduu ABO/MOA/ 

Gumaan barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo FDG fi Falmaa Mirga Abbaa Biyyummaa irratti humnoota faashistii wayyaaneen ajjeefamanii fi qaamaa hir’atanii lafatti hin hafu, ni baafama jechuun Tarkaanfii Haleellaa kan jalqabe Gootichi WBO Godina Kibbaa, dhaadannoo isaa itti fufuun Caamsaa 25, 2014 guyyaa kaleessaa mooraalee poolisoota wayyaanee ummata hiraarsan irratti tarkaanfii fudhatuun hidhattoota diinaa 18 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Kibbaa beeksise.

Abdii fi Gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Kibbaa Caamsaa 25, 2014 guyyaa kaleessaa halkan keessaa sa’aa 2:00 irratti magaalaa Mooyyalee ganda 02 keessatti kan argamu qubsuma poolisoota Federaalaa sirna wayyaanee irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen kasaaraa guddaa diina irraan gahuu Ajaji WBO Godina Kibbaa beeksiseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibbaa tarkaanfii isaa itti fufuun guyyuma kaleessaa jechuun Caamsaa 25, 2014 halkan keessaa sa’aa 2:00 irratti Ona Mi’oo magaalaa Iddii Lolaa keessatti kan argamu maadhee poolisoota Oromiyaa irratti tarkaanfii haleellaa geggeesseen kasaaraa du’uu fi madaa’uu diina irraan gahuu Ajaji WBO Godina Kibbaa hubachiiseera. Walumaa galatti WBOn Godina Kibbaa tarkaanfilee bakkoota lamaanitti buufataalee poolisoota sirna wayyaanee irratti guyyaa kaleessaa fudhateen hidhattoota/­ poolisoota sirna wayyaanee 18 ol du’aa fi madoo gochuu fi meeshaalee adda addaa diina irraa buufachuu isaa Ajaji WBO Godina Kibbaa oduu tarkaanfii waraanaa nuuf ergeen beeksisee jira.
Mootummaan wayyaanee poolisoota/­ hidhattoota isaa tarkaanfii WBOn du’anii fi madaa’an ija ummataa jalaa dhoksuuf osoo hin bari’in halkanuma sana kan kaase oggaa ta’u, kanneen madaa’an waldhaansaaf gara Finfinneetti akka dabarses beekuun danda’ameera. Poolisootni/hidhattootni wayyaanee tarkaanfiin irratti fudhatame kun ummataa fi barattootaan FDG qabsiisuuf deemtu jechuun sochii isaanii kan hordofan, kara deemaa cufa mirga sarbuun kan hiraarsan akka ta’an, kana malees maqaa deggertoota ABO ti; WBO isintu nu rukuchiisa jedhuun lammiilee nagaa kan hiraarsan akka ta’an oduun nuu dhaqqabe ifa gochuun, ummatni tarkaanfii fudhatame kanatti haalaan gammaduun, WBO galateeffatee eebbisuu hubachiisa.
Barattootaa fi ummata meesha maleeyyii karaa nagaan ba’anii mirga gaafatan irratti rasaasa roobsuun gocha duguuggii sanyii ummata Oromoo irratti kan raawwate wayyaanee fi ergamtootni isaa martuu gatii kan kaffalan ta’uu WBO Godina Kibbaa dhaadatee, tarkaanfiin bifa fedheetuu bakkaa fi yeroo barbaachise keessatti fudhatamuun kan itti fufu ta’uu diinaafis firaafis ifa godheera.
Dhuma irratti WBOn Godina Kibbaa, ummatni keenya, barattootni/­ dargaggootni/Qeerroon Oromiyaa tarkaanfii gara jabinaa diinni fudhatuun osoo hin rifanne, olola afanfajjessaa fi kan sochii jalqabame irraa duuba deebisuu irratti akeekkate diinni oofuuf osoo bakka hin laatne, falmaa jalqaban cimsanii fi babal’isanii akka itti fufan jechuun yaamicha dabarsee jira. "

No comments:

Post a Comment