KARAA CABE HAA DHANGALA’U !

Caamsaa 01, 2014 | Y.G(2005) Irraa

Gidduu kana Intarneeta irraa waanan dubbisee fi natti tole keessaa, Mammaaksa tokkodha. Maal jedha seetan, “Taa’anii Buqqee jedhamu mannaa/irra, ka’anii bubbee ta’u wayyaa ” kan jedhu.  Mammaaksi kun qalbii koo hawwateera. Sochiin Biyya keessaa ijoole’e GOOTA UMMATA isaanii ta’aniin gaggffamaa jiru, maaliif kutaa hawaasaa, addatti, Hojii Mootummaa ta’uu kan biroo irratti bobba’ee jiraniin utubamee mul’achuu dadhabe? kan jedhuu fi Ijoolleen kaleessa Koleejoota keessatti gaaffii kaasaa turan, mindaa ji’aan deebii argatee??? jedhee akkan of gaafadhu na taasise. Gaaffii kun na keessatti hafuu hin qabu jedheen katabe. Kun qalbii Namoota hedduu keessas ni jira. Warra gaaffiin kun isaan ilaallatu, deebii kennuu qaban. komeen kun dhara miti. Waanuma arginuudha. sababaan ammoo, gabrummaan walii gala keenya irra waan jiruuf. Gaaffii Ummata Guddaa kanas, Mindaa fi Abbaa qabeenyaa ta’uun qofa kan dhaabbatu akka hin taane qalbiitu beeka. Gaaddisaa Hirphasaa, Jaagamaa faa’aa, Mindaa fi Imaaxaa wayyaaneef hin wareegamne. Qalbiin keenya hanga kanas gadi bu’ee yoo ta’ee, Diinni keenya shira qorannoo jabaan utubameen nu dhabamsiisuf deemu, ykn waan nu qaraa jiru kana dubbisaa .shirri wayyaanee nu qophaa’aa jiru, Hojjataa Mootummaa fi barataa jedhee adda kan baasuu miti. Shira kana kan hubate,wareegama kamuu kafaluuf, ijoollee kana cinaa akka dhaabbatu hin shakku. Yoo dabeessa nyaatee buluun Bilisummaa itti fakkaate hin ta’iin. Ijoollee kana cinaa dhaabbachuun dirqama sabummaati.
 
Hiwaatoonni waan isaan har’a deemaniif miti, Bara Chaartaraa ABO humnaan dhiibanii baasaniyyuu, maaliif akka ka’an ni hubanna turre. Ilaalachi isaanii Qabsoo Oromoof qaban eessa irraa akka eegalu ka wallaalu hin jiru. Bara Qabsoo turan walii galtee dhaabbilee siyaasa Biyyatti addatti ABO waliin qaban haala akkamiin gananii , humnoota alaan wal ta’anii sirna wayyaanee akka kuffisan qalbiitii qabna. ABO Biyyaa baasuu qofaa odoo hin taanee, Biyyoota ollaatti teessoo duubbee akka hin qabaanneef, shiroota Biyyoota ollaa keessatti gaggeeffaman numa beekna. Shirri yeroo sana ifatti gaggeeffamaa ture, har’a sadarkaa maalii irra ga’ee akka jiru, dhalooti har’a iyyuu tolchee beeka. Hiwaatoonni Qabsoo Oromoo bara baraaf awwaaluuf, kan isaan dura dhaabbate hundaa ajjeesuu jedhanii murteeffataniiru. Qabsoo kanas Sadrkaa Addunyaatti Gooltummaa keessa galchanii , ajjeechaa Ummata kana irratti gaggeessaa jiran seera qabeessa taasifachuuf tattaafataa jiraachuu, guyyuu argaa fi dhaga’aa jirra.  Kana irra taranii, Biyyuma abbaa keenya irraa nu buqqisanii, mana isaanii ijaarrachuuf hojjachaa jiraachuu , shiroota isaanii guyyuu raawwataa jiran irraa argaa jirra.
Hiwaatoonni QABSOO UMMATA OROMOO hundeetii buqqisanii balleessuu, yoo dadhabamee ammoo, ABO ofii hajajan bakka buusanii Oromoo garba isaanii taasisuuf shirri hin gaggeessin hin jiru. ABO humnaan dhabamsiisuun qabsoo Oromoo dhabamsiisuudha jedhanii, hanga har’atti irratti hojjachaa jiru. kan gaaffii Bilisummaa kaasu hundaa ajjeesuu, hidhuu, Biyyaa baasuu hojii guyyuu godhatanii waggaa 22 oliif irratti hojjataa jiraatan. Ammallee sanuma. kanaan dura, Magaalaa gudditii  OROMIYAA Finfinnee irraa Adaamaatti Naanneessuf yaalii dhaloota gaaga’ee gaggeessaniiru. Sabni kamuu Miseensa OPDO ta’uu danda’a jedhanii Namoota Afaan beekan itti naqanii, Oromiyaa dhuunfachuu yaalaniiru. Bulchiinsi Oromiyaa ofiin jedhee wawwaataa jiru, mirga Oromiyaa Bulchuu waggaa 10 dura qabu amma qabaa? jedhanii yoo gaafatan, deebii fakkeessaa argachuun ala qabatamaan waan argatu hin qabu. Kanaaf raga hedduu of harkaa qabna. Har’a Biiroon Qonnaa, Biiroon Fayyaa, Biiroon Barnootaa, Polisiin Oromiyaa, Biiroon Investimantii Oromiyaa jedhaman mirga kaleessa Oromiyaa keessatti qaban har’a hin qaban. Harki 70 ol Sirna Fedaraa jala jiru. hojii waliin qindeeffachuu sababaa jedhuun, waa hedduu harkaa fudhanii jiru. fkn. Biiroon Qonnaa lafa of harkaa qabu keessaa amma itti hajaju meeqa ? yoo jedhame waan raajiitii . Biiroon Investimantii Oromiyaa lafa heektaara kuma 10 ol kennuu hin danda’u. Oromiyaa keessaa lafti maqaa investimantiin lammii Biyya keessaas ta’u alaaf laataman hundumtuu , wal ta’iinsa Mootummaa Fedaraalaan qofaadha. Hojiilee Investimantii Oromiyaa keessatti bifa kamiinu jiran , gibirri isaan kafalaniif Mootummaa Fedaraalaaf malee Oromiyaaf miti. Oromoon, Mirga addaa Finfinnee keessaa qabu eegamuufii miti. Oromiyaa keessaa kan argatu iyyuu dhabaa jira. Adeemsi wayyaanootaa kun Naannoo Tigiraayi keessatti faallaadha. Mootummaan Fedaraalaa waan Tigiraayi keessaa kafalamuuf dhibbeentaa 30 illee hin ta’u. gibirri kubbaaniyaa fi industirilee Tigiraayi keessa jiran irraa argamu harki 70 Naannichaaf gala. Daandiin humna qillensa Itoophiyaa , buufata xiyyaaraa Tigiraayi keessaa qabutti ni kafala.walumaa galatti Akka Bara Dargii “ye sarto addar quxixir komite” jedhamee waajjira hunda keessatti caasaa Dargii ijaarratan san, wayyaaneenis “Biiroo Kominikeeshinii ” jettee waa hundaa tu’atanii jiru. Biiroon kun waajjira Mummicha Ministirootaa keessatti, Ministeera Kominikeeshiiin suduudaan ajajamu malee naannichaaf miti.
Humna Ibsaa fi Dingadee Biyaattif lafee duddaa wanni ta’e hundi Oromiyaa keessaa saamamaa jira. Oromiyaa fi Oromoof garuu bu’aan buusan tokkollee hin jiru. shirri wayyaanootaa maqaa Biyya misoomsuu jedhuu Finfinnee irratti raawwatamaa jiru, itti fufiinsa shiroota isaanii Naannoo Oromiyaa keessatti bifa gara garaan raawwachaa jiraniiti. Kana irratti waa hedduu kaasuu ni dandeenya. Finifinnee Maqaa Misoomsuun shirri Hiwaatoonni gaggeessaa jiran, dhuma irratti sadarkaa biyyaatti waan raawwachuu barbaadantu jira. Hiwaatoonni adeemsa isaanii kana yoo mormiin Ummataa isaan hin mudatiin, dhuma irratti Sirna Fedaraalizimii kan jedhan kana geeddaruu akka barbaadan gamanumaa mul’ifachaa jiran. Qabeenyaa har’a horatanii fi jireenya isaanii hegareef yaadda’u irraa, gaaffii Ummatootaa dhaamsuuf, Sirna FEDARAALIZIMII jiru iyyuu dhaamsanii, Dizaayinii biraa karaa itti hin dammaqamneen hojjachaa jiru. Dizaayiniin wayyaanootaa Sabboonummaa Ummatootaa dabalaa dhufe dhaamsuuf karoorfate kana wayita ifa taasifnu, tarii kun akkamiin ta’a? jettanii calliftanii bira hin tariinaa. Maaliif jennaan, Kan waggaa 3 fi 5 dura dubbatamaa ture yk karoorri isaanii galiin isaa kana jedhamaa ture, akkamiin ta’a? jennee odoo wal gaafannu, waan sun hojii irra oolee ijaan arguu irra geenyerra waan ta’eef. Kan ammaa kunis waan hin hafneedha. Dursanii waa ofitti fudhatanii hojjachuun, adeemsa diinaa dhaabuuf waan duraa fi duubaa hojjachuuf nama gargaara.
Hiwaatoonni wanni yaadaa jiran, Magaalaa Finfinnee Daangaa KM 45n Daangeessanii Guutummaatti wiirtuu Dingdee isaanii taasisuudha. Kun hojii tokkoffaadha. Naannoo kanas ZOONII GIDDUU GALAA jedhanii moggaasaniiru. Naannoolee hafan, jechuu Km 45 ala kan jiran, bakka Afuritti qoodaniiru. Kunis ZOONII KAABAA, ZOONII KIBBAA, ZOONII BAHAA , ZOONII DHIHAA jedhanii kaa’aniiru. Kun hundeedha. Hojiileen Misoomaa gurguddaa, Daandii, Ibsaa, Bishaan kkf n, kana irratti hundaa’anii hojjachaa jiru. kan dhugeeffachuu yoo barbaaddan bu’uraalee Misoomaa Sadarkaa Biyyaatti ijaaramaa jiran irratti qorannoo gaggeessaa . fakkeenyaaf humna Ibsaa akka itti qoodanii jiran, Hidha laga Abbaayyaa irraa kan Maddu, Zoonii dhihaa fi gidduu galaaf akkasumas, Boondii Ummataa deebisuuf amma tokko Biyyoota Ollaatti gurguru. Gilgal gibe Zoonii Kibbaaf, zoonii Bahaaf karooraan qabamee jira, , Zoonii Kaabaaf Takazee fi Xaanaa ta’u. gama hundaan kun qophaa’eera. Daandiin Baaburaa, Konkolaataa irra jireessi isaanii Biyya sana bakka Afuritti qoodanii Biyyoota ollaan odoo hin hafnee wal quunnamsiisuu akka danda’anitti hojjataman. Karaa biraan, humni waraanaa, humni Tikaa, humni Polisii Fedaraalaa caasaa kanaan qixaa’aniijiru. Komishiniin Ispoortii Biyyattiis, Dorgommii kubbaa miilaa shamarranii haala akkasiin gabaasaa jira. Zoonii giduu galaa, kaabaa……. jechaa jira. Karoorri kun waan hedduun mul’ataa jira. shirri irra jireessa kan hojjatamaa jiru, waliin misoomuuf kan jedhu irratti rarra’a. akkuma Finfinnee ammaa kana. kanaaf, Piroojaktoonni gurguddaa amma Hojjatamaa jiran sadarkaa Naannootti ibsamaa jiru odoo hin taane, Naannoo kaabaaf akka feyyadutti jedhanii hojjatu. Kibba Biyyattif Daandiin kun tajaajila kenna faa’aa jechaa jiran.
Kana irraa kaanee Qabsoo nu eeggatu tilmaammatanii ka’umsa ofi tolfachuu hedduu barbaachisaadha. Sirna Fideraalizimiin Itoophiyaa keessa jiru Biyyoota ollaaf soda qaba. Biyyooti ollaas tumsa akkasii keessa galchuuf dantaa adda addaan ofitti qabuun ni jira. Ati ebaluu naa ari’ii , kanan siif godhaan hedduummaachaa jira. Kanaaf Ummata koo, shirri Naannoo Finfinneetti argaa jirru dhumni isaa waan isiniif katabe kanadha. Kana amanuun rakkisaa fakkaachuu ni mala. Kana gochuun wayyaanootaaf dhabamuudha jechuus ni dandeessu. Kana caalaa kan isaan dhabamsiisuu fi qabeenyaa keenya bara baraaf dhabuurra jedhanii kan lafa kewwaatan sabboonummaa sabootaa addatti kan Ummata Oromoo cabsuuf, ka’umsa gaaffii isaanii dhabamsiisuu qabna jedhanii karoora haaraa kana hojjatan. Balaa hegaree isaaniif  furmaata ta’u kana karaa itti hin dammaqamneen irratti hojjachaa jiru. Oromiyaa dhabuun isaaniif du’a bara baraati. Dhabuu miti, gaaffii isaanii dhaggeeffachuunu , muka of irratti muruudhaa jedhanii waan hundaa humnaan cufuuf murteeffatanii jiru.adeemsa isaanii kana humnoota alaa fudhachiisuuf irratti hojjataaa jiraachuu odeeffannoon milqixe ni saaxilti. Tokkummaa Itoophiyaa baraaruuf jedhamee.
Kanaaf dhalli Oromoo “KARAA CABE HAA DHANGALA’U !!”, mirga isaaf falmii eegale daran jabeessuun ala furmaati biraa hin jiru. Hojjattoonni Oromoo fi Ilmaan Oromoo biroon sochii Dargaggootaa fi Barattootaa akka Fiilmii taa’anii daawwatan, shirri wayyaaneen gaggeeffamaa jiru, isaaniin qofaatti  filee akka hin jiraachifne hubachuu qaban. Hojjattoonni fi ilmaan Oromoo kaleessa Yunivarsitii fi Kooleejoota adda addaa keessatti seenaa hojjachaa turan, akka waan gaaffiin isaanii maallaqa argachuu ta’etti mindaa fi hojiilee adda addaa irraa waan argataniin afaan qabatanii taa’uun qaaniidha. Shirri wayyaanootaa gola isaan dhokatanii ykn riphanii jiranitti isaan dhaqabuun waan hin hafneedha. Ijoollee har’a wayyaaneen kokkee wal qabaa jirtu faana hiriiranii gabrummaa daran nu qophaa’aa jiru irraa of haa barbaarru. Yoo ta’uu baate hima didduun du’a hin didduun ni dhugeeffama.
Dhalooti har’aa hojii boonsaa gaggeessaa jiran , daran sochiin isaanii kun kutaa Hawaasaa adda addaa akka seenu taasisuun murteessaadha. Gidduutti akka hin dhaabbanneef toftaa gegeddaruu fi sochiilee jiran babal’isuu, karaa diinnii nama eegu irra odoo hin taanee, waan hojjachuu qabnu gama hundaan taasisuun furmaata guddaa qaba. wayyaaneen Finfinnee qofaa odoo hin taanee, Oromiyaa iyyuu shiroota adda addaan nu harkaa baasuuf hojjachaa jiraachuu hubannee, Qabsoo keenyaa fi sochii keenya sadarkaa wayyaaneen nu yaadaa jirtu kana irra akka taru taasisuuf, irratti hojjachuu qabna. Sochiin har’aa kan isa kaanii irra adda kan isa taasisu , Miseensoota OPDO hedduu of bira dhaabu isaati. Kana irratti daran hojjachuutu murteessaadha. Akka walii galaatti wanni yaadu qabnu, Ummati Oromoo qabsoo walii galaaf afeeramaa jiraachuudha. Kun dhiibbaa diinaan kan taasifamuudha. Kun ta’uun ega hin hafne ammoo xuxxuqu qofaa odoo hin taanee, Gootummaa Oromoota kaleessaa dhugeessudha. Diinni Oromoo adda baasee waanan jiruuf, Qabsoo isaas laamsheessee waanan jiruuf shira koo hojii irra oolchuun danda’a jedhee wixifachaa jira. Kun akka hin taane mirkaneessuuf gama hundaan waan jiru finiinsuun hamilee walii waan ta’uuf hunduu of haa baraaru. GALATOOMAA .   
HORAA BULAA !!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment