Mootummaan wayyaane kanneen qindeessitoota FDG ti ittin jadhe ammallee adamsaa jiraachuun isaa himame.

Caamsaa 31, 2014

Gara lixa Wallagaa irraa odeeffannoon nu dhaqabe akka addeeysutti humni tika Wayyaane ganda keessa mana manatti bobbahuudhaan ijoollee Oromoo FDG qindeessitaniruu ummataa fi baratoota kakaaftaniru ittin jadhe adamsaa akka jiru beekkame. 


Kanneen adamsamaa jiranis lubbuu saani baasuu akka waaqni isaan godhe tahaa jiran keessaa jaalleen tokko haala itti jiran akka armaan gaditti nuuf ibse jira.

"Akkam jirtan yaa saba koo? Ijoollee hidhamanii jiran kaleessa mirga wabii eegameefii akka bahan godhanii turan, isaan keessaa barsiisaa tokko qofa erga wabiidhaan baasanii booda, deebisanii qabanii mana adabaatti galchan, xalayaan godinarraa nutti dhufeera akka gadi hin dhiifne jedhamee jedhanii deebisanii hidhan. 
Ajaayiba duulli hidhaa aanaalee hundarratti hammaatee jira, amma warra hiriira sana qindeessaniiru jedhamanitti dubbii cimsitee jirti, Ammayyuu dhokadheetiin jira wallaahi akkan barbaadamaa jiru odeessi achii guyyaa guyyaatti naaf kennamaa jira, warri hidhamanis akkanumatti taa'aa jiru malee deebii hin arganne, qarshiidhaan nama ragaa irratti bahu barbaadaati jiru, hiriira seeraan alaa geggeessan, sochii ergaa diinaa qabu dubbatan,dhaadannoo farrummaa dhageessisaniidhafi kkf dhaan ragaa irratti barbaadaa jiru sobaan.  
Nuti garu hin jilbifannuu hanga dhumaati toftaa gara garaatin ni falmanna. Waan hundaafuu hidhaanis ta'ee ajjeechaan mirgafi bilisummaa keenya deebifachuu irraa duubatti nu hin deebisu jebaadhaa yaa saba koo." Jedhe ti ergaa saa xumure.

No comments:

Post a Comment