Waamicha Hiriira Mormii Haawaasa Oromoo Awroopaa Maraaf Brussels, Belgium [Waxabajji (June) 20, 2014]

Caamsaa 31, 2014

Waa’ee Qotee bultoota Oromoo handhuura Oromiyaa irra buqqisuu, qabeenya isa saamuu, ajechaa fi hidhaa barattoota Oromoo irra gahaa jiru mormachuuf jecha, hawaasotni Oromooo biyyoota Awuroppaa jirru gamtaadhaan Hiriira Mormii bahuuf murteesinee jirra.

Haaluma kanaan, qaamotni dhimmi kun nu ilaala jettan hundi yeroo murtessaa kanatti hiriira mormii gamtaa kana irratti argamuun aantummaa saba keessanii akka agarsiiftan kabajaan gaafanna.
Arihatama, saamichaa fi ajechaa sukanessaa saba Oromoo irra gahaa jiru handhuura Awuroppaa kana taate Belgium, magaala Brussels ti argamuun Parlamaa fi angawoota kanatti akka iyyannu karoorfamera.
Kotta saba keenyaaf sagalee haa taanu !!!
Guyyaa: Waxabajji 20, 2014 (Jimaata) ykn (Friday, June 20, 2014)
Sa’aa: 10:00–13:00
Bakka ka’umsaa: Parlamaa Awuroppa Fuldura
European Parliament, Leopold park
Belliardstraat 125, 1000 Brussels
Koree Qiindesitu Hiriira Mormii Hawaasa Oromoo Awuropaa
Brussels, Belgium
Email: oromoeuprotest@gmail.com
Twitter: @oromoeuprotest
Mobile:
+32 489 367 123 – Mootummaa
+32 466 418 066 – Solan
Tokkummaan Humna!

No comments:

Post a Comment