Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa Gargaaraa

Caamsaa 21, 2014 | Qeerroo.org

Caamsaa 19/2014 Gootichi Oromoo Dargaggoo Milishuu (Abdii) Mallasaa Gargaaraa abbaa isaa Obboo Mallasaa Gargaraa fi harmee isaa Addee Dastaa Taddasaa irraa bara 1978 Godina Lixa Shawaa aanaa Amboo ganda Baayyoo fi Qumbiitti dhalaate. Sabboonaan Oromoo diinaaf hin jilbeeffannee kun Caamsaa 16/2014 Maagaalaa Adaamaa Keessatti utuu inni hiriyoota isaa ilmaan Oromoo mana hidhaa magaalaa Adaamaa keessatti hidhamanii jiran hiriyaa isaa “Bilisummaa Lammii” waliin gaafatee deebi’aa jiruu, rasasa humnoota tikaa wayyaanee irraa itti dhukaafameen rukutamee battalatti du’uu waan dideef humnootni tikaa Wayyaanee gochaa gara jabina fi hammeenya guddaan guutameen lamaan isaanii (Milishuu/Abdii fi Bilisummaa Lammii) iyyuu konkolaataan duukaa fiiguun konkolaataa irra baasuun yakki ajjeechaa gara jabinaa ilmaan Oromoo kana irratti raawwatee jira.
Sabboonaan Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa Gargaaraa umrii ijoollummaa isaa irra eegaluun sochii warraaqsa FDG dargaggootni Oromoo gaggeessan keessatti hirmaachuun gumaacha guddaa taasisaa nama turedha. Sochii FGD Goototni dargaggootni Barattootni Oromoo yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti gaggeessa jiran keessatti illee himaannaa guddaa gochuun falmii bilisummaa diina waliin utuu gaggeessa jiru, uummata isaaf sabboonaa Oromoo wareegama lubbuu kanfaleedha. Sabboonaan kun yeroo ammaa Magaalaa Adaamaa keessatti hojii daldalaa xixiqqoo itti of jiraachisuu hojjetachaa nama qusannaa tokkoo malee bilisummaa uummata Oromoof kufee ka’ee hojjetudha ta’uu seenaan isaa ni addeessa. Kana malees sabboonaan Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa Gaargaaraa asi fuldura bara 2009—2011tti Oromummaa isaan yakkamee Mana hidhaa Maa’ikalawii fi Qaallitiitti hidhamee, dararamaa turuun boodarraa yakka tokko waan hin qabneef ergaa waggaa sadii oliif dararamaa turee booda karaa mana murtii wayyaanee yakki isa himachiisuu dhibamuun gadi gadhiifamera. Mana hidhaa keessas ba’ee sabboonaan Oromoo kun kaayyoo Oromummaa fi bilisummaa saba koof duubatti hin deebi’uu jechuun qabsoo FDG sabboontotni Oromoo biyyaa keessatti gaggeessa jiranitti hirmaachuun hanga wareegama lubbuutti mirga uummata isaa kabachiisuuf arsaa kanfaluu danda’ee jira.
Sirni awwalchaa sabboonaa jaalatamaa Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa Gargaaraa guyyaa kaleessa Caamsaa 19/2014 bakka dhaloota isaa Godina Lixa Shawaa Aanaa Amboo Magaalaa Meexxii jedhamtu bakka Kosoboo jedhamutti lafa Ilmaan Oromoo 10,000 olitti lakka’amanitti argamanitti rawwateera.
Uummaannii fi dargaggeessi Amboo sirna gaggeessa goota kanaa irratti argaman dhaadannoo gumaan kee ni baafna, Oromiyaan ni bilisomti, abbaan irree yeroof malee ni kufa, qabsoon itti fufa, gaaffii keenyaaf dhala keenya ajjeessuun deebii ta’uu hin danda’u, Uummaanni Oromoo walitti haa birmannuu, Mootummaa dhala keenya ajjeessaa jiru waliin hin jiraannuu jechuun sagalee guddaan dhaadannoon dhageesisuun gochaa diinumaa mootummaa Wayyaanee balaleffataniru.

No comments:

Post a Comment