Gumaan Barattoota Oromoo Milishuu Mallasaa fi Bilisummaa Lammii Tarkaanfii Boonsaa Humni Addaa WBO Baha Shawaa Keessatti Fudhateen Baafame

Waxabajjii 23, 2014 | Madda Oduu Adda Bilisummaa Oromoo

Humni Addaa WBO Miseensota Koree Basaasota Wayyaanee Baha Shawaa Keessatti Iccitiidhaan Ijaaramuun Barattoota Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa fi Bilisummaa Lammii dabalatee ilmaan Oromoo ajjeesisuu, hiisisuu fi yakki adda addaa akka irratti raawwatamu ajaja dabarsaa turan irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen 3 ajjeese.
Waxabajjii 19, 2014 Humni Addaa WBO miseensota Koree basaasota wayyaanee namoota 15 of jalaa qabu iccitiidhaan ijaaramuun Baha Shawaa (Adaamaa, Bushooftuu, Mojoo, Hoolancitii) fi manneen barnootaa godinicha keessa jiran keessatti barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo basaasuun akka ajjeefaman, hidhamanii fi dararaman hoggana kennaa turan galgala keessaa sa’aa 8:25 irratti tarkaanfii magaalaa Hoolancitii keessatti basaasota korichaa kan damee Adaamaa walgahii dhoksaa geggeeffataa turan irratti fudhateen 3 battalumatti ajjeesuun gumaa barattoota Oromoo Milishuu Mallasaa fi Bilisummaa Lammii Caamsaa 16, 2014 magaalaa Adaamaa keessatti koree kanaan ajjeefamanii baasuu isaa oduun SBO dhaqqabe mirkaneesseera.
Barreessaan koree basaasota wayyaanee kan damee Adaamaa Tigirtichi Mazgabuu jedhamu kan dhiiga ilmaan Oromootiin dhihoo duroomee konkolaataa fe’umsaa 3 as kaluu kana bitate kanneen ajjeefaman keessatti akka argamus Humni Addaa WBO tarkaanfii kana fudhate beeksiseera.
Koreen basaasota wayyaanee Baha Shawaa keessatti barattootaa fi sabboontota Oromoo ajjeesisuu fi hiisisuuf dhaabbate namoota 15 of jalatti hammatee kun Tigirticha Kolonel Kibra-qaal jedhamuun kan hoogganamu yeroo ta’u, miseensotni koree kanaas Tigrootaa fi Amaarota Afaan Oromoo dubbatan akka ta’e oduun kun ni hubachiisa.
Basaasotni wayyaanee tarkaanfiin irratti fudhatame kun bakki isaan itti ajjeefaman magaalaa Hoolancitiitti kan argamu mana walitti qabaa koree basaasota wayyaanee kan damee Adaamaa Abbittii Kiflee jedhamuutti oggaa ta’u, Abbittii Kiflee walgahii dhoksaa kana irra turee yeroof tarkaanfii kana jalaa kan miliqe ta’us, yeroo isaa eeggatee kan hin oolleef ta’uu Humni Addaa WBO tarkaanfii kana fudhate hubachiiseera. Dubartiin deggertuu sirna wayyaanee taate basaasota wayyaanee dhiiga ilmaan Oromoo dhugan kanaaf ittisa ta’uuf yaalte tokkos tarkaanfii kanaan akka madoofte gabaafameera.
Koreen basaasota wayyaanee kan damee Adaamaa afran (4)n magaalaa Adaamaa keessaa ba’anii walgahii isaanii dhoksaan magaalaa Hoolancitiitti geggeeffachuuf murteeffatanis hordoffii fi tarkaanfii Humna Addaa WBO jalaa miliquu akka hin danda’in oduun SBO dhaqqabe kun ifa godha.
Mootummaan wayyaanee tarkaanfii Humni Addaa WBO qaamota basaasaa isaa irratti fudhate kanatti rifatuun sa’aa tarkaanfiin kun fudhatamee qabee karaa Adaamaa irraa Hoolancitii, Matahaaraa irraa Awaash geessu cufuudhaan sakattaa geggeessuu irratti argama.
Tarkaanfiin humnoota diinaa fi lekkeelee isaa kanneen ummataa fi barattoota keenya irratti yakkoota adda addaa hojjetanii fi gufuu QBO ta’an irratti fudhatamu bakka marattuu babal’atee ciminaan kan itti fufu ta’uu WBOn beeksisee jira.

No comments:

Post a Comment