Sochiileen bara 2014 godhaman seenaa uummata Oromoo keessatti bakkee guddaa qabu

Waxabajjii 23, 2014 | Abdii Boruutiin*


Haala bar-kurnee lamaan dabranii yoo ilaalle, keessumaayuu ammoo waan bara 2008 hanga 2013 ta’e yoo yaadanne, wanti hawaasota Oromoo biyya ambaa keessatti mul’achaa ture kan baay’ee nama gaddisiisu akka ture namni hin hubatne ni jira jedhee hin yaadu. Bakkee lamatti hiramuun ABO fi akkasumas mooraa keenya keessatti gandaan, naannoo fi amantiidhaan walqoqqooduun, tokkummaan uummata keenyaallee akka laafu taasise. Diinotni keenyas yeroo laaffachuu keenya argani fi hubatan, tuffii nuuf qaban agarsiisuudhaan akka eenyummaa keenyallee hin ibsine nu taasisuuf yaalii guddaa godhaa turan.
Haala akkanaa kana keessatti, gara dhuma bara 2013 irratti sabboontotni Oromoo sadi Al Jazira irratti waayee uummata Oromoo akka ibsan mariif yeroo affeeraman, Sabboonaan keenya Obboo Jawaar Mohaammad, gaafii “Ati dura Oromoo dha moo Itoophiyaa dha?” jedhuuf deebii “Ani dura Oromoo dha” jedhu kenninaan, sababa kanaan Habashootni duula cimaa nurratti banan. Duulli sun garuu akka isaan yaadanitti ykn hawwanitti otuu hin milkaayinii fi hamilee keenya hin cabsin siriidhaa haala keenya gaddisiisaa fi yaaddessaa ture sana jijjiiree, akka tokkummaan keenya cimu taasise. Barri 2014 haala kanaan jalqabe.

Sochiileen bara kana keessatti godhaman, seenaa uummata keenyaa keessatti bakkee guddaa qabaachuu isaanii kan mul’isan sababoota hedduutu jiru. Isaan kana keessaa gurguddoo tokko tokko kaasuun ni danda’ama.
Tokkoffaa, sochii “I am Oromoo first” jedhu wajjin walqabatee; akka bu’aa sochii kanaas ta’ee kan argame, dhalachuu meediyaa Oromoo walabaa “Oromia Media Network – OMN” ti. Meediyaan kunis seenaa saba Oromoo keessatti boqonnaa haaraa waan ta’eef, kun dhugumatti injifannoo guddaa dha. Bu’aa meediyaan kun argamsiise keessaa inni guddaan tokko ammoo Oromoo biyya keessaa fi alaa; kan bahaa fi lixaa; kan kaabaa fi kibbaa; akkasumas jiddugaleessaa odeeffannoodhaan quba walqabsiisuu isaa ti. Kun sochiin uummata Oromoos akka walqabatu taasise jechuus ni danda’ama.
Waayee meediyaa walabaa yoon kaasu, Madda Walaabuu Media Foundation yookaanis Radio Sagalee Oromoo – Oromo Voice Radio(OVR) jedhamee beekamu, kan bara kana (2014) keessatti haaraa uumame kunis kan dagatamuu hin qabne sochii biraa ti.
Lammaffaa, sochiin Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) duraanis turullee kan bara kana keessatti biyya keessatti godhame garuu bifa qindaaye fi tokkummaadhaan Oromiyaa kan hammate waan ta’eef, lammiileen keenya ittiwareegamanille, garuu tokkummaan uummata keenyaa yoomiyyuu caalaa akka cimu taasise. Sababa kanaan tokkummaan uummata Oromoo kan biyya ambaa keessatti laafee ture sunillee bifa hin yaadaminiin cimee argame. Kunis injifannoo biraa ti.
Sadaffaa, sochii barattootni fi uummatni keenya biyya keessatti godhaa jiran wajjin walqabatee, sochiilleen uummatni Oromoo bifa adda addaatiin biyyoota ambaa gara garaa keessatti godhaa jiran; tokkummaan isaan yoomiyyuu caala agarsiisaa jiran; walitti mufatanii walitti gaarreffachuun sun hafee wal bira dhaabbachuun isaanii kunis sochii cimaa nama boonsisu akka ta’e agarsiisa.
Afraffaa, Afaan Oromoo, kan dur raadiyoonii cabsa jedhamee Habashootaan duulli hamaan irratti gaggeessamaa ture fi awwaalamuuf bool’oo qarqara gayee ture sun, galanni guddaan qabsaa’ota keenyaaf haa ta’u, bara 1991 as addunyaarratti beekamuu danda’e. Sana birallee dabree akka caalaatti beekamu fi guddatu taasisuuf, sochii Sabboontuun teenya Aaddee Toltuu Tufaa bara 2014 kana keessatti eegaltes kan “AFAAN PUBLICATIONS” jedhamu kunis sochii adda ta’e fi injifannoo biraa ti.
Shanaffaa, karaadhuama fi sababuma fedheenuu haa ta’u, yeroo duraatiif artistootni (weellistootni) keenya bebbeekamoo fi jaalatamoon gara biyya alaatti dhufanii; magaalaalee adda addaa fi biyyoota gara garaarra deemanii uummata keenya walitti fiduun isaaniis sochii biraa cimaa fi injifannoo hin tuffatamnee dha. Sochiin kun aadaan Oromoo akka adunyaarratti mul’atu waan taasiseef, kunis sochii guddaa bara kana keessatti godhame dha.
Jahaffaa, kan biraa wanti dagatamuu hin qabne fi sochii baay’ee cimaa ta’e tokko, maqaa “waraana ykn lola eebbifamaa”  Afaan isaaniitiin “Qiddus xoorinnat” jedhuun gochaa Minilik uummata keenya fi uummatoota kibbaarratti raawwate faarfachuu fi dinqisiifachuuf Habashootni  weellisaa isaanii beekamaa Tedy Afro jedhamu sirbisiisuuf qohpiin isaan godhaa turan sochii uummata keenyaatiin fashalamuu dha.
Egaa, sochiileen bara kana keessatti godhaman, kan ani dagadhe, kan biraas jiraachuu danda’u. Haa ta’u malee, sochiilee ciccimoon seenaa uummata keenyaa keessatti bakkee guddoo qaban jedhee amanu, kan armaan olitti tarreeffaman kana dha. Isaan kanatu bara kanallee (2014) bara addaa taasisa. Barri kunis akkuma haala gaariidhaan jalqabee ittifufaa jiru, haala gaarii fi injifannoo uummata keenyaatiin akka xumuramu Abdiin qaba. Karaa biraatiin yoo ilaalame garuu, wanti dagatamuu hin qabne, barri kun bara diinni keenya shira yeroo dheeraa irratti dalagaa ture ifatti gadibaasee Oromummaa fi Oromiyaa balleessuuf ciminaan dalaguuf qophii cimaa ittigodhaa jiru dha. Kanaaf ammoo fakkeenyi guddaan Maastar Plaanii Finfinnee (MPF) yookaanis Karoora Finfinnee fi godinaalee addaa Oromiyaa walitti fiduu fi duula Oromiyaa bakkee lamatti kutuuf yaalamuu dha. Sababa diddaa shira kanaatiin lammiileen keenya, kan lakkoofsi isaanii sirriitti hin beekamne wareegamuun isaanii garuu uummata keenyaaf gadda guddaa dha.
Seenaa Oromoo keessatti, bakkee guddaa qabaachuu sochiilee keenyaa ergan kaasee, kanuma wajjin walqabsiisee waayee seenaa Oromoo waanan dhiyoo kana dhagaye tokkon tuquu barbaada. Innis waan Dr. Diimaa Nagawoo meediyaa tokkorratti dubbatanii dha. Waan diinni nuun jechaa jiru dhugoomsuu fi mirkaneessuuf; seenaa uummata keenyaatti mudaa uumuun dhugumatti kun, kan lammii Oromoo tokkorraa eegamuu miti. Seenaa kana dhugoomsuuf ragaa qabatamaan kan jiraatullee yoo ta’e, yeroon ammaa garuu yeroo waan akkanaa kaasanii dubbatan ta’uu hin qabu jedheen amana. Kun waan nama dinqu qofaa otuu hin taane kan nama gaddisiisuu dha yoon jedhellee waan dhara ta’u natti hin fakkaatu. Yeroo sochiin uummata keenyaa keessa fi alatti cimaa jirutti; yeroo tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa gammachiisaa fi abdachiisaa ta’aa jirutti; Oromoon walbira dhaabbatee mirga isaatiif falmachaa jirutti; yeroo diinotni keenya seenaa keenya xureessuuf yaalii gara garaa godhaa jiranitti; gochaa isaanii kana dhugoomsuu fi isaaniif tumsa ta’uun waan baay’ee nama gaddisiisuu dha.
Obboo Diimaan, waan dubbisan, argani fi dhagayan tokko ragaa wajjin dhiyeessuuf akka nama tokkootti dhuunfaatti mirga qabu. Lakkii kun seenaa dhugaa lafa jiruu dha; Oromoon nama biraa miidhe malee ofiif hin miidhamne jedhanii ragaa dhiyeessuu kan danda’an yoo ta’e, akkuman dursee jedhe, kanaaf mirga qabu. Haa ta’u malee, yoo dhuguma uummata kanaafan qabsaa’aa jira kan jedhan ta’e; yoo dhuguma uummata irraa dhalatan kanaaf kan quuqaman ta’e, yeroon waan akkanaa dubbatan ammaa miti. Ani kan naaf hin galle, Obboo Diimaan yeroo waayee uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa isaa haasa’an dubbii hin hubatan ta’a moo beekaa godhuu?? Gamaa gamanaa dubbii walitti fiduuf otuu hin taane, kanaan duras yeroo tokko nan yaadadha ESAT irratti yeroo dubbatan “…akka tasaa Iluu Abbaabooraattan dhaladhe…” jedhanii yoo dubbatan dhagayeen dinqame. Maal jechuu barbaadan? Anillee silaa achitti dhalachuu hin fedhun ture jechuufii? Egaa kun seera uumaa waan ta’eef, namni tokko bakkee ittidhalatu filachuu hin danda’u. Yoo Oromiyaa keessatti (Iluu Abbaabooraatti) dhalachuun isaan gaddisiisee jira ta’e, abbaa fi haadha isaanii komachuu qabu jechuu dha. Kana asumarrattan dhaaba.
Dhumarratti, gara mata duree barreeffama kiyyaatti deebi’uuf, sochiileen bara 2014 godhaman, dhugumatti kan nama boonsisan waan ta’aniif, sochiileen akkanaa kun ciminaan ittifufuu qabu. Yoo harka walqabannee tokkummaadhaan sochoone; yoo karaa danda’amu hundaan qabsoo kana keessatti hirmaatne, waan barbaadnu tokko argachuun ykn galii hawwinu tokko gawuun wanti hin danda’amnee hin jiru. Yoo tokkummaan keenya akka uummataatti caalaatti cimaa deemee; sochiin kun bu’aa ykn jijjiirama tokko fiduu akka danda’u waan nama mamsiisuu miti. Kanaaf, harka walqabnnee mirga keenyaaf falmachuun dirqama Oromummaa ta’a. Kan Oromummaa diiguuf carraaqus itti haafuf. Wanti hubatamuu qabu garuu, qabsoon haqaa haa turtu haa daddaftu malee boodarra moo’achuun ishii hin oolu. Har’a keessaa fi alaan qabsoo kanatti diinni heddoomus, injifannoon xumuraa garuu kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin takka hin jiru.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

No comments:

Post a Comment