KABAJAA FI SALPHINNI KEENYA, HARKA KEENYA KEESSA JIRA!!!!

Waxabajjii 21, 2014 | Seenaa Y.G (2005)

Wareegamni kafalaa jirru, Kabajaa Umamaan qabnu deeffachuudhaafi. Wareegamni salphina keessatti of gatuuf kafallee jira jedhee hin amanu. Addunyaa kana irrattis, Salphina gonfachuuf jedhee, wareegama kan kafalu jira natti hin fakkaatu. Sadarkaan Siyaasa Oromoo walii galaa maal irra akka jiru har’a walitti himuuf yaaluun yeroo ofii gubuudha. Sadarkaan dammaqiinsa Ummata keenyaa Biyya keessaa fi alaa irra ga’ee jirutti dhimma yoo baanee, kabajaa keenya addunyaa irratti deeffachuuf amni deemnu gabaabaa ta’a. garuu, yaada ofii guuttachuuf jecha, Seenaa Ummata keenyaa kabajamaa kanatti qoosuu egalame itti fufna taanaan, salphinni akka dhunfaattis ta’ee walotti nu mudatu dhihoo jira. Sochii amma itti jirru kana daran jabeessinaan, kabajaa keenya diina  harkaa fudhanna osoo hin taanee, kabajaa harka keenya keessa jiru bakkatti deeffachuun salphaa ta’a. Diinni kabajaa namaaf gumaachu hin jiru. diinni kabajaa namaa hin beeku. addatti warri habshaa. Kana irraa eeggachuun gonkumaa balballi isaa cufamuu qaba. Obsi kanaaf jirus dhumateera. Kabajaan keenya harkuma keenya keessa waan jirtuuf, hojiin ykn wareegama barbaachisu baafnee ofiin goonfanna.diinni kabajaa qabnu kana bakkatti akka hin deeffanneef karaa nutti cufee jira. Kabajaan keenya Oromummaa keenyadha. Kabajaan keenya, Aadaa, Seenaa, Biyya, Qooqaa fi jiruu fi jireenya keenyadha. Kun ammoo harka keenya keessa jira malee, harka diinaa hin jiru. kanaaf,kana bakkatti deebisuun qooda keenya. diinni Aaadaa, Seenaa fi kkf nu fidee bakkatti deeffadhaa jedhu hin jiru. kanaaf, Sochii amma itti jirru kana irraa tarkaanfi tokko illee duubatti jennaan, ykn diinni akka nu seenu karaa saaqinaan garuu, salphina harka keenya keessa jiruf carraa laannee jechuudha.

Dhalli Oromoo kabajaa Umamaan waaqayyoo isaaf kenne deeffachuuf, eenyun illee daboo kadhachuu dhaquu qofaa odoo hin taanee, yoo kadhaa dhaqe illee daboo kan isaaf ba’u akka hin qabne, sochiilee baatiilee lameen kana irraa barachuu qabna. Of-irratti hirkannoon keenya kan yeroo kamirrayyuu caalaa amma nu barbaachisa. Akka siyaasaatti nama ijoollee keenya waliin hiriiree mormii keenya deeggaru ykn ijoollee keenya ykn Ummata keenya waliin wareegama baasu arguu dhabuun keenya, kabajaa eenyummaa keenya deeffachuuf sochii itti jirru duubatti deebisuu akka hin dandeenye hubachuu nu feesisa. Ummatootaan wal ta’anii socha’uun akka siyaasaatti barbaachisaadha. Ummatoonni ilaalachaa fi sochii mataa isaanii  irraa ka’anii, yeroo nuuti barbaannutti nu waliin dhaabbachuu dhabuun isaanii, qabsoo Ummata kanaa ykn Ummanni Oromoo kabajaa isaa deeffachuuf carraaqu gufachiisa jennee yaanna taanaan, bakka Loon hin oollee dikee barbaacha dhaquun tokko ta’a. gama kanaan ejjannoo jabaa qabaachuu nu barbaachisa. kabajaa mirga Umamaa keenyaaf adda durummaan kan hiriiruu fi bakkaan ga’achuuf tattaafachuu qabu nu qofaadha. Nuuti kabajaa keenya goonfachuu miti, daandii kabajaa keenyaa eenyatti nu geessu irra imaluu eegallaan, Ummatoota nu waliin jiraatan miti, Addunyaatu nu waliin dhaabbata. Kanaaf, gochii diinaa nuun biyya sana keessaa moggeessee nu miidhuuf deemu, caalaatti akka sibiilaa walitti nu jabeessu qaba malee, seenaa kaleessaa gannee dirree salphinaa keessa nu dhaabbuu hin qabu.
Haala amma itti jirru irraa, mata duree salphinaa kaasuun dhageettii dhabuu ta’a jedheen amana. Waan keessa dabarree irraa garuu, Addunyaa kana irratti waan akka “salphachuu” fokkiftuun akka hin jirre akkaan nu galeera jedheen yaada. kanaaf salphachuun yoo jiraate illee sadarkaa nama dhuunfaatti akka gadi bu’u hin shakku. Kun ammoo, Umama namaa waliin waan wal qabachuu danda’uuf, adeemsa keenyaaf rakkoo ta’a jedhee hin dhiphadhu. Jallannus jibbinus, dinnis jaallatus jibbus, “KABAJAA MIRGA UMAMA KEENYAA” bakkatti deeffachuu akka dandeenyu mirkaneessineerra. kana wayita jennu, Kabajaa Mirga Umama keenyaa bakkatti deebisuuf wareegamni baafamuu kan eegale har’aa jechuu miti. Kan Bilisummaa isaaf jedhee wareegama bifa kamiitu, bara gabrummaa jalatti kufnee kaasee baafmaa jiru ni hammata. Yoo waggoota 15n dabran keessa, rakkoo keessa keenyatti umame irraa kaafnee kan ilaallu yoo ta’e garuu, kan akka baatiilee lameen dabranii kana Oromoon Biyya keessaa fi alatti kabajaa isaaf of kennee sagalee isaa dhageesise of kabachise jira jennee kan dubbannu hin jiru. kanaaf sochii kana itti fufsiisuuf haalli fuldura keenya jiru mijataa waan ta’eef, caalaatti akkamiin waan kana jabeeffanna? kan jedhu irratti yaada walii laachuun dansaadha jedhee amana.(har’aaf muraasa isaaniin kaasa. Yeroo isaatti ammoo kanneen hafanitti deebi’a)
 = Lammiilee Oromoo Ummata isaaniif jedhanii hanga har’atti lubbu isaanii bakka bu’aa hin qabne , Ummata isaaniif dabarsanii  kennaniif, eenyun olitti kabajaa kennufiin barbaachisaadha. itti aansee kanneen jireenya isaanii guutu qabsoo Bilisummaa Oromoof of kennaniif kabajaan kenninu kan waan xiqqoon sharafamee , akka Alaabaa ganama ol baafnee, ganama gadi buufnuu ta’uu hin qabu. Akka walii galaatti , Injifannoo kan caalaa galmeesisuu fi kabajaa keenya bakkatti deeffachuu barbaanna taanaan, kabajaan walii keenyaaf qabnu bakka ol aanaa qabaachuu hundumtuu hubachuu qaba. wal dhaga’uu fi wal kabajanii waamicha walii dhaggeeffachuu, akkasumas, kabajanii argamuu irraa baatiilee lameen kana bu’aan gama siyaasaan argame mee ilaalaa. kanaaf adeemsi kun haalaan jabaatee itti fufu qaba. keessattu miisiyaalee Oromoo walaba ta’anii sagalee Ummata isaanii dhageesisuu irratti ejjannoo tokko qabaachuun isaaniin Seenaa yoomillee hin haqamne hojjataniiru.
= rakkoolee kaleessa gidduu keenyatti dhalatanii har’a garuu irraa barannee jirru akka hin deebineef, hundeedhaa akka nu keessaa buqqa’uu taasisuun, adeemsa keenya caalaatti wal irratti amantaa jabaa akka qabaannu taasisu irratti haalaan hojjachuu nu barbaachisa. Tolaas hojjannu, badaas hojjannu bu’aan gama lameenii, salphina ykn kabajaa keenyaaf ta’uu beeku nu barbaachisa. Waan hojjannu hundumaa akka yaada dhuunfaatti odoo hin taanee, hojii salphinaa irratti bobbaanus, kabajaaf bobbaanus, hundumtuu, kabajaa fi salphina Ummata keenyaa irratti dhiibbaa akka qabu, dursanii  xiinxaluu akka nu barbaachisu qalbeeffachuun gaariidha. Addunyaa odeeffannoon barruu harkaa irratti ilaalamaa jirtu kana keessa wanni hojjannu hundi Ummata bira ga’uu fi miidhaan isaaniis, gaarummaan isaaniis ammuma sana akka ariifatu beekuun baroodha.
=Jabiinni Hawaasa Oromoo Biyyoota alaa keessatti qalbifannee keessaa tokko, Dhimma Oromoo irratti hundumtu tokko ta’ee dhaabbachuudha. Qabsoon keenya lubbu godhatee rakkoo keessa ture keessaa ba’ee miila Lamaan dhaabbchuuf kan isa geesisaa jiru tokko, Tokkummaa Ummata keenyaati. Wanni nama raaju, Dhalli Oromoo ani Oromoo miti jedhee halgaa ta’ee hojii halgaa Ummata isaa irratti gaggeessu jiraachuu dhibuudha. fakkeenyaaf Oromoo, Ani Tigireedha jedhee dhaabbate hin dhageenye jechuu kiyya. Garuu Ani Oromoodha jedhee kaan jalatti hiriiree yaada Halagaa raawwachiisuuf kan hojjatu guuteera. Kana jabiinuma keenyatu karaa irraa maqisa. Isaan asitti garuu ilaalchaa fi fedhiin sadarkaa Ummataatti, Dhaabbilee siyaasaa Oromoo yeroof karaa irraa maqan waliin daddabee rakkate gonkumaa hin dhageenye. Kana jechuun, Tokkummaan Ummata keenya keessatti mul’atu dhaabootuma siyaasaaf iyyuu fakkeenya ta’un isaa, addunyaa irraa addaa nu taasisa. Kana addunyaan nu faarsite jennee hin eegnu. Nuumatu waan harka keenya keessa jiru dhugeeffatee addunyaatti baafata malee. Kanaaf Hawaasi Biyya alaa, Dhimma Oromoo irratti waliin dhaabbachuu, sagalee Oromoo dhageesisuuf hojiilee gama hundaa walitti fufiinsa qaban qopheessanii gama hundaan itti fufutu irraa eegama.
Kanaan ala Sochiilee nuuti Biyya alaa keessatti gaggeessinuf humna nu barbaachisa taanaan, toftaalee humna nu taasisan ummachuun barbaachisaadha. Qabsoo Ummata kanaa itti fufsiisuuf deeggarsa waa hundaa barbaada. Kana gochuuf ammoo, Ummata Biyya alaa bakkaa fi hojii kamuu keessa jiru hirmaachisuuf, qooda inni gumaachuu danda’u adda baasanii, karaa isaaf mijatuun akka hirmaatu taasisuuf hojjachuu nu barbaachisa. ABOUmmati miliyoona 40 ol miseensa koo ta’uun dirqama jedhee wayita barsiisuu dhaga’ee hin beeku. kan Ummata isaa barsiifatu garuu miseesomsee, sirnaa fi seeraan hogganee hojjachiisuun addunyaa irraa adda isa hin taasisu. Waanuma addunyaan itti jirtuudha. ABOn hojii isaa keessaa harka guddaa xumureera. Kan hafu yoo jiraate, qajeelfama laatee Ummata sochoosee galii isaa rukuchuu qofaadha. Kun ammoo yeroo isaati. Kana milkeessuuf sochiin gama hundaan jiru argaa fi dhaga’aa jirra. Kana Utubuuf, sochii akkamiitu Ummata Biyya keessaa fi alaa irraa eegama? kana akka dansaatti irratti hojjachuu barbaachisa. Kan dhaaba ilaalu dhaabaaf dhiisee, akka Ummataatti garuu odoo dhaaba hin eeggannee dhimma Oromoo addunyaatti dhageesisuuf kan hojjannu ammallee hedduutu jiraa itti haa fufnu.
Akka deeggaraatti, akka Afooshaatti, akka waldaalee adda addaatti, akka ogummaatti , akka walitti dhiheenya jireenyaatti, kkf wayita wal gurmeessinu, kaayyoo itti gormoofnee fi maaliif akka gurmoofne akkuma yaannu hundaa, Qabsoo kanaaf gama maaliin deeggarsa gochuu dandeenya? gurmaa’uu keenya kana irraa warri kaan maal barachuu qaban? fakkeenya gama kami ta’uutu nu irraa eegama? jedhanii dhaabbii hin daddaaqamne qabatanii, waliin dhaabbachuun fardiidha.Tokkummaa Ummata keenyaa kan hawwiinu yoo taanee, akkamiin gormaa’uutu nu irraa eegama? jedhanii of gaafachuu. Rakkoon tokko yoo dhalattee gargar faca’uu odoo hin taanee, rakkoo sadarkaa kamittu umamu, hiiku qabna jedhanii waliin dhaabbachuu irratti cichoomina keenya argisiisuutu barbaachisa. Siyaasa miiraan oofamu keessaa ba’uun hedduu barbaachisaadha. bubbeen yeroof dhufu yeroo hundaa waa hedduu akka gaaga’u beekuun dansaadha.
=akka walii galaatti kabajaan keenya harka keenya keessa jira yennaa jennu, sadarkaa dhunfaa fi maatii irraa akka eegalu hubachuu nu barbaachisa. Yaadi Afaanii hanga funyaanii yeroo hundaa nu miidha. Ejjannoo dhaabataa qabaachu dhabuunis nu miidha. Kabajaa keenya goonfachuu barbaanna taanaan, kana hundaa keessaa baanee sochii itti jirru jabeessutu furmaata nuf ta’a. waan jiru hundaa saganteeffachuu fi of gamaagamaa deemuun, karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa baafatanii Mormii Biyya keessaa fi alaa ammllee itti jabeessuun waan itti wareegamaa jirutti kabajaa horuu danda’a. yoo ta’uu baate warra yeroo tokko iyyee yeroo biraa callisu taana. Dhimmi keenya addunyaa irratti akka  belbeltuu kan taasise sochii keenyadha. Sochiin kun boruu humna waraanaatti geeddaramuun isaa waan hin hafneedha. Kanas nuumatu tolfata. Kanatti ce’uuf hojiilee dursa hojjatamuu qaban dhumachuu qaban.
Ummati tokkummaa hin qabne, waraana qabaateef milkaa’uu hin danda’u. dhaabbileen Siyaasaa tokkummaa waa maraa odoo hin qopheeffatiin waraana qabaataniif hin injifatan. Kana hundaa qindeeffachuuf yerootu ga’ee jira. Warri Afaan Qawwee kana qajeelfatan ammoo, daandii tokkon imaluuf sochii keessa deebii hin qabnetti jiru. Ummatis gama kanaan qophaa’uun barbaachisaadha. dhimmi Oromoo Qawween alatti furmaata akka hin arganne dhugoomee jira. Kanatti ceene kabajaa keenya horachuun ammoo, filannoo biraa hin qabu. Muranoo fi hojii jabaaf of qopheessuun yeroon kan laatamuuf miti. Kanaaf waan duubatti nu danqu hundaa of keessaa buqqisuun hedduu barbaachisaadha. haa jabaannu. Kabajaan keenya wareegama keenyaan, harka keenya keessaa baafnee katabnee labsanna. Kun raaga miti. Haqa qarqara irratti nu hafteedha. Wanni eegalame tokko xumura qabaachuun seera umamaati. Nu bira ga’ee hin faalla’u. yoo yeroo fudhatees, milkaa’uun isaa waan hin hafne. Addunyaa irratti Kabajaa barbaannuf, kabajaa nuuti waliif qabnu bu’ura. Kabajaa nuuf malu nuun alatti eenyullee beeku hin danda’u. beekanis nuf hin kennan. ega of kabachiifnee booda garuu, kabajaa nuuf malu, addunyaatu nu dursee labsa.
GALATOOMAA !!!
HORAA BULAA !!!!

No comments:

Post a Comment