Qabsoon Murti-Guuto cimee itti fufeeraa!!

Waxabajjii 12, 2014
Guyyaa ar'a magaalabn Harar iddoon Hammaareysaa jedhamu waltajjii qabsoo Afran Qalloo Oromoo akkasumaas dirree waraana Murti-Guuto taate ooluun isii gabaafamera.
Akka gabaasticha keenya jedhetti Oromoon Oromiyaa Bahaa(Afran Qalloo/Murti-Guutoon) kan qa'ee fi gandatti hafee kan jiru hin fakkaatu. Oromoon Awwadaay, Haromaayaa, Kombolchaa fi Jaarsoo irraa buqqa'ani gara magaalaa Hararitti tin'isuudhaan iddoo Hammaareysaa jedhamu marsani oolani buluun saanitifi "dhiiga gootota murti-guuto ni baafna! Lafa ilmaan keenya diinaan itti gorraa'am kun investeraaf hin kennamu! Haqni qeenya haa mul'atu!.. Kkf." dhaadannoo jedhu dhageesisudha osoo jiranu polisoota isaan bittineeysuuf dhufee gaaza nama jaamsu ummatatti dhukaafamuun saatifi walitti bu'insi cimaan uumamuun saa himame.

Haaluma kanaan ummanni meencaa fi dhagaan polisootani ammoo qawween wallitti seenani duulli cimaan jiraachuu saa himame. Ammaas akkuma kaleetti Ar'a ganama sa'aa 12 irraa kaase hanga 9 itti makinaan gara finfinnee fi Dirree dhawaa deemu akka hin dandeenyes beekkame. Polisootni 3 fi namootni 12 garuu lakkoofsa saani yeroof sirritti mirkaneyfachu baannuus akkamlee madaawan jiraachuun beekkame humni polisi godina harargee bahaatirrab dirmannoof naanoo Hararif dabbalamuun sactis beekkame. Magaalaan Harar haala sodaachisaa keessa jirti. Jechuun agabaasaan keenya odeeyfannoo nuun gahe jira.

No comments:

Post a Comment