Wallaga, Horroo Guduruu Keessatti FDGn Walqabatee ABO Waliin Jirtu Sababaa Jedhuun Hojjettootni Mootummaa 11 Hojii Irraa Arihaman

Waxabajjii 12, 2014 | Gabaasa Qeerroo

Gaaffii abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti finiinaa dhufeen mootummaan Wayyaanee ilmaan oromoo hojjetaa fi bulchinsa turan aangoo irraa darbaa jirti. Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliiboo keessatti FDG gaggeeffameen Hojjettootni mootummaa wayyaanee FDG Kana keessatti hirmaattanii jirtan jedhamuun hojii isaanii irraa arii’aman. 

Kanneen keessaa:-
  1. Misikkir Lammii Bulchaa aanaa Jaardagaa Jaartee kan ture
  2. Fayyeeraa soorii Itti gaafatama OPDO aanaa
  3. Katamaa Bokkee Hooggana daldalaa fi Industrii
  4. Alamaayyoo Asaffaa Itti gaafatama daandii geejibaa
  5. Tasammaa Balaay Itti gaafatama Ijaarsa caasaa OPDO
  6. Silashii Olii Miseensa OPDO
  7. Addunyaa Tarrafaa itti aanaa Hooggana OPDO aanaa
  8. Fiqaaduu Barii Dhimma Ijaarsaa fi dandeettii
  9. Darajjee Irreessoo Kantiibaa magaala Aliiboo
  10. Tashoomee Affessee Itti gaafatama dhimma nageenyaa aanaa
  11. Addunyaa Gammadaa hojjetaa dhimma daldalaa fi industrii aanaa
Hojjettootni mootummaa kunneen hojii irraa wayita arii’tamanitti hojjettootni, qotee bulaanis FDG kanatti seenuudhaan dirqama Oromummaa akka bahan Qeerroon aanaa kanaa waamicha dabarsa.

No comments:

Post a Comment