Yuniversity Haromaayaa jechuu mannaa "Kaambi qubsuma waraana yuniversity Haromaaya" je'ani yaamudhaatu irra tola

Waxabajjii 19, 2014

Torbe dabre irraa eegale baratootni haramaya university baratotni hidhaa jiran akka gadlakifaman gafachuuf hiriraa akka hayamanif bulchinsi mooraa university gafatani dhorkamani jiruu.
Kana irra kan ka'e mootummaan sodaa gudda keessa galun waraana duraan mooraa keessa jiru caala poolisi federaalaa fi warana agaazi jedhamu dallaa keessa qubachise jira.mooraan qa'ee barnootaa osoo hin tahin dirree waraanni ittin shaakaluu fi kaambi yuniversity waraanaa fakkaatti fakkaatti qofa oso tahin taate jirti.

"Jarmaaya gamta hayyoota oromo" jedhamu jaartani wal gurmeeysitani fincilaaf wal jirtan jechuun baratootni Oromoo reebamaa hidhamaa jiran.
Osoo bombin hin dhowin duraa "Afrotsion construction" kan jedhamu fi ijoolle sabaTigre tahan harkati bombin qabamu saa osoo beekkamu bombi dhootef otuu isaan shakkamu qabani ijoole oromo dhoose jechun mootummban Etv irratti dabarsuun tuffii sabaa oromotif motuman kun qabu agarsisa.kan waan ta'e gochi mootummaa kun nurraa ha dhaabbatu jechaa jiran.akkasumaas, "Afro constracsion" seeraf ha dhihatan jecha jiran Baratootni Oromo.
Gara biraatin,waraani agazi baratoota oromo qofa qama sakkata jira yeroo isaan library fi cafe seenan.warra afaan Tigre hasawu hin sakata'an.
Baratootni marti barnoota isaani irratti hin arkamne. Halkan akka ifin fedhanitti dormi barattootaa seenani barataa fedhan ukkaamsani waan deemanifi.ilmanamaa dhiisi qilleensi haromayaa nageenya hin himu nagaya hin qabu.
Garuu akkaan ani taajabetti fuulli baratoota Oromoo hamilee fi kaka-umsa qabsootin guutame ife jira!! Yeroon fuula saani ilaalu qaanqeen bilisummaa adda isaanittirraa kan ifu fakkaata!!

No comments:

Post a Comment