Waxabajjiin 15 (June 15th) Waggaa 26ffaan Guyyaa Hundeeffama SBO/Guyyaa Media ABO Kan Bara 2014 Giddu Gala Waajjira H/D ABOtti Haala Ho'aa Ta'een Kabajame

Waxabajjii 15, 2014 | SBO

Guyyaa SBOn itti hundeeffame Waxabajjiin 15 waggaa 26ffaan isaa guyyaa kaleessaa Giddu Gala Waajjira H/D ABOtti bakka H/Dn ABO Jaal.Daawud Ibsaa, hoogganootnii fi miseensotni dhaabaa, akkasumas keessummootni afeeraman argamanitti haala bareedina qabuun kabajamee jira.

H/Dn ABO Jaal.Daawud Ibsaa waggaa 26ffaa guyyaa hundeeffama SBOf kan qophaa’e dungoo/shaamaa erga qabsiisanii booda, gootowwan Oromoo fi ilmaan Oromoo bilisummaa, walabummaa fi mirga ummata Oromoof osoo falmanii wareegamaniif yaadannoon sammuu taasifameera.


Miseensi Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO fi Dubbi Himaan ABO Jaal.Toleeraa Adabaa ayyaana guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffaa kana irratti argamanii haasaa godhaniin, baga guyyaa kabajamaa fi seena qabeessa kana waliin geenye jedhaniiru. Jaal.Toleeraan itti fufuun, cunqursaa dhabamsiisuuf, ummata Oromoo walaboomsuu, biyya isaa irratti abbaa taasisuu keessatti ABOn QBO ofitti fudhatee qabsoo eegalee hanga tokko erga deemeen booda, waan itti jiru, akeekni isaa maal akka ta’e, ummatni Oromoo maal keessa akka jiru, maal gochuu akka qabu, akka namaatti qaamaan hunda biratti argamee barsiisuun, dammaqsuun, ijaaruun waan hin danda’amneef, karaa itti ummata isaa bira gahu fala dhahateen, waggaa 26 har’aa SBOn akka banamu murteessuu hubachiisan.

Sagaleen Bilisummaa Oromoo waggoota 26n darban kana keessatti ummata Oromoo barsiisuu, dammaqsuu, odeessa ittiin gahuudhaan qooda olaanaa akka taphate ibsuudhaan, dhimma ummata Oromoo, waan Oromoo ilaaluu fi odeessa isaaf barbaachisu kan ummatichaan gahaa turee fi jiru SBO ta’uus Jaal.Toleeraan addeessaniiru.

Fincila Diddaa Gabrummaa barattootni/dargaggootni/Qeerroo fi ummatni Oromoo gamtaan geggeessaa jiran jala bu’uudhaan gabaasuun ifa baasuu, akkasumas daba, cubbuu fi yakka mootummaan wayyaanee barattootaa fi walii galatti ummata keenya irratti fudhatu dhokatee akka hin hafneef ifa baasuu keessatti qoodni SBOn kennaa jiru guddaa akka ta’ellee Jaal.Toleeraa Adabaa dubbataniiru.

Miseensi Gumii Sabaa ABO Jaal.Atoomsaa Kumsaa ayyaana hundeeffama SBO waggaa 26ffaa kana irratti argamuun isaanis haasaa taasisan keessatti, ABOn akka jaarmayaatti ijaaramee mul’achuun, WBOn ijaaramuu fi SBOn banamuun qaamotni sadan kun walduraa duubaan as bahuun, ummata Oromoo kan duraan dukkana hamaa fi afanfajjii adda addaa keessa ture dhawaataan ifatti baasee, addunyaattillee saba Oromoo akka beeksise ibsaniiru.

Waan SBO of booda deebinee yeroo ilaalluu fi qooda inni kenne yeroo yaadannu haalaan guddaa dha kan jedhan Jaal.Atoomsaan, sabboonummaa fi Oromummaan har’aan tana bakka hundatti dagaagee fi daraaree arginu bu’aa SBO waggaa 26 har’aa ABOn gadhaabee ta’uu addeessaniiru. Yeroo har’aan tana keessatti karaa Internetii, Tv. fi waan adda addaa dabalatee medialeen Oromoo hedduu ta’uu kan mul’isan Jaal. Atoomsaan, kanaafis bu’uurri ykn karaa kan saaqe SBO ta’uu dubbataniiru. Sagalee Bilisummaa Oromoo kana caalaatti jabeessuu fi guddisuun barbaachisaa ta’uulleen tuqaniiru.

Sagalee Bilisummaa Oromoo karaa qabeenyaan, dinagdee fi beekumsa qabaniin, gumaacha adda addaa gochuun kan jiraachisaa turanii fi jiran, miseensota, deggertoota, ummata Oromoo sabboontota ta’uu kan eeran ammoo miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO Jaal. Araarsoo Biqilaa yeroo ta’an, kanneen deggersa gama hundaa SBOf godhan maraa maqaa ABOtiin galateeffataniiru.

Guyyuma kana sabboontuun Oromoo tokko hamilee fi jajjabinaaf akka ta’uuf jechuun asxaa SBO hojjechiisuun baadhaasa SBOf laattee jirti. Ayyaana hundeeffama SBO waggaa 26ffaaWaxabajjii 15ii kan bara 2014 giddu gala Waajjira H/D ABOtti kabajame kana irratti walaloolee dabalatee qophiileen adda addaa guyyicha ilaallatan kan dhihaatan oggaa ta’u, sirni kunis bifa bareedina qabuun milkii fi injifannoon xumuramee jira.

Hordoftoota keenya sirna kabajaa guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffaa Waxabajjii 15, 2014 giddu gala waajjira H/D ABOtti kabajame kana ilaalchisee gabaasaalee qabnu sagantaalee SBO fuula duraa keessatti akka hordoftan kabajaan isin afeerra.

I.U.Of!!

No comments:

Post a Comment