Ibsa ABO Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee

Sadaasa 03, 2014 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 

Qabsoo Bilisummaa Oromoo hirmaatnaa ummataan caalaatti utubuu fi sirna gabrummaatti xumura gochuuf bara 2005 ABOn ummata bal’aa Oromoof alagaan bitamuun nu haa gahu! Jedhee akka diina irratti finciluuf waamicha dabarse. Ummatni Oromoos waamicha Dhaaba isaa ABO irraa dabreef gammachuun ofitti fudhatee Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) guutuu Oromiyaa keessatti adeemsisuun tarkaanfii boonsaa yoomiyyuu yaadatamaa jiraatu fudhate.


Fincilli bara 2005 itti fufame bifa adda addaa fi sadarkaa adda addaatti adeemsifamaa har’a gahuunis haqa qabatamaa fi mul’ataa dha. Itti fufi Fincilli Diddaa Gabrummaa bara 2005ni kunis baatii Eblaa Bara 2011 irraa eegalee muratoo ilmaan Oromoo Qeerroo fi Dargaggoon haaraatti bifa jarmyaa qabatee caalaatti ol kaafame guutuu Oromiyaa waliin gahee akka itti fufetti jira. Fincilli Qeerroon Bilisummaa ol kaafame hirmaatnaa ummata bal’aa Oromootiin tumsamuun kan mooraa diinaa raase QBO ammoo galii isaatti dhiheesse tahuu FDG bara 2014 keessa adeemsifamaa turee fi jiru caalaatti mirkaneessa.


Fincila ummata Oroomoo qooda ola aanaa Qeerroon finiinaa jiru ummata Oromoo keessaa fi ala jiraatu irraa tumsaa fi deggersa ol aanaa argatuu danda’uun isaas hammeenyaa fi daba ummata Oromoo fi Oromiyaa keessatti hojjatamaa jiru addunyaaf ifa gochuu dandeessiseera. Injifannoon galmeeffame kunis laafaatti kan hin argamne tahuun ammoo eenyuyyuu jalaa dhokataa miti. Ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu tahuu ifatti mul’isuuf wareegama qaalii fi ulfaataa baaseera. Wareegama lubbuu, qaamaa, qabeenyaa fi kan biroo maallaqaan hin shallagamne irratti baasaa jira.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo hirmaatnaa ummataan caalaatti utubuu fi sirna Hundaan olitti haala impaayera Itophiyaa keessatti mul’atee hin beekneen Qeerroon Bilisummaa Oromoo falmaan mirga Abbaa Biyyummaa isaaf gochaa turee fi jiru sirna gabroomfataa Wayyaanee waxalaa bilisummaan Oromoo kan hin hafne tahuu ifatti mirkaneessee jira. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta'uu lubbuu isaanii bakka bu'aa hin qabne wareeguun mirkaneessan kanneen ammoo yaadatuu dirqama lammummaa lammii Oromoo hundaa ti.

Sadaasa 9 Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2014, Oromiyaa keessaattii fi biyyoota alaa bakka Oromoonni argaman maratti haala o'aa fi addaan ilmaan Oromoo qaalii fi muratoo lubbuu isaanii wareegan faarsuun yaadachuutti dabalee qabsoo rarraga bilisummaan gahan kanatti xumura itti gochuuf waadaa keenya haaromsuu qabna. Kanaanis imimmaan haawwan Oromoo ilmaan isaanii kaayyoo haqaa fi kabajamaa kana irratti dhaban qorsuuf caalaatti qabsaa’uuf muratnoon ka’uun nurraa eegama. Qeerroo fi Dargaggoo Oromoo, barattootaa fi sabboontota bilisummaa Saba isaaniif FDG keessatti lubbuu isaanii aarsaa godhan yaadatuun dirqama Oromummaa tahuu hubachuun guyyaa kana bakka jirru maratti haa yaadannu. Wareegamtoota keenya oggaa yaadannu lammiiwwan keenya hidhaa gabroomfataa keessatti hiraarfamaa jiranis dagatuu hin qabnu. Karaa danda’ame hunda bira dhaabbatuun dirqama dabalataa Oromoon hundi ofitti fudhatuu qabu dha.

Mootummaan gabroomfataa Wayyaanee ummata Oromoof kan naasuu hin qabne dhabama isaatiin jiraatuu karoorfatee kan hojjatu tahuu waggootni 23 bittaa Wayyaanee haala hin mamsiisneen agarsiisan. Oromoo dhabamsiisuu irraa kan of hin qusanne tahuu gaddaan alatti lafa akaakilee isaa irraa buqqaasuun ofii fi shariikota isaa waliin qooddatuu, Oromoon dinagdeen akka hin jabaanne shira adda addaan deegsuu, ilmaan Oromoo wallaalummaa keessatti ittisuuf jumulaan manneen barnootaa keessaa ari’uu, hidhaa keessatti hiraarsuu fi ajjeechaa gara jabinaa raawwataa jiru kanaaf ragaa tahan.

Gama kaaniin Fincilli Diddaa Gabrummaa alagootni isa hawwatanis tahan firoomfatuu barbaadan hundi bilisummaa fi mirgi dimokraasii isaa kabajamee akka Oromootti biyya isaa irratti ajajaa tahee akka jiraatu kan hin barbaanne tahuu mirkaneesse. Wayta ilmaan Oromoo kaa’iman osoo hin hafiin guyyaa saafaa rasaasa diinaan tumaman, kumoota kudhanootaan hidhaatti guuraman, seeraan alatti badii malee waytaa hidhaan waggoota dheeraa itti jigfamu dirmatuufii hanqatuun calleessaan bira dabruun maaliif akka akka isa barbaadan ibsa. Kaleessas tahe har’a, fuula durattis taanaan QBO tumsaa fi deggersa alagaan osoo hin taane kaayyoo of irratti hirkannoon gaggeeffamuun kan xumura argatu tahuun amantaa ABO ti. Kanaaf, ummatni Oromoo addatti ammoo dhalootni haaraa gootummaan diina hidhate dura harka qullaa hiriiruun falmaa geggeessaa jiru kan bilisummaa isa gonfachiisu qabsoo isaa qofa tahuu gadi faginaan hubatuun Fincila isaa finiinsee xumrua akka itti godhu ABOn hiree kanaan dhaamsa isaa dabarsa. Ummatni Oromoo keessaa fi ala jirus akkuma amma itti jiru tokkummaa isaa cimsatee gurmuu isaa jabeeffatuun FDG finiinsuu keessatti hirmaatnaa isaa akka guddisu ABOn kabajaan yaadachiisa. Humna taanee hidda gabroomfataa buqqaasuun of irraa gatuuf tokkummaa keenya haa jabeeffannu.

Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee bittaa isaa itti fufuuf ammas filmaata kijibaa aangoo irra isa tursu adeemsisuuf qophii irratti argama. ABOn filmaatni baatii Waxabajjiif Waxabajjiif baallamame kun filannoo kanaan dura adeemsifaman irraa adda taha jedhee hin amanu. Waltajjii filannoo kan qopheessu, kan geggeessuu fi irratti nama filamu qopheessu Wayyaanee fi Wayyaanee qofa. Kana irraa ammoo ummatni Oromoo faaydaa argatee hin beeku fayida argatus hin qabu. Waan taheef, ummatni Oromoo olola kijibaa diinaan bara baraan osoo hin dagamne filannoo isa hin ilaallatne irratti yeroo isaa qisaasuu lagatuun diddaa isaa akka itti fufu ABO dhaama. Cidha alagaaf hamaamota tahuun raawwatuu qaba. 

Dhuma irratti muyxannoo fi jabina akkasumas injifannoolee Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoon argaman kuufachaa, qabsoo roga maraa kan bilisummaa nu gonfachiisu finiinsuuf irree tokkoomee fi gamtoomeen haa qabsoofnu! Akeeka jaallanii fi ilmaan Oromoo qaqqaalii lubbuu kitimaa godhaniif bakkaan gahuuf mudhii hidhannee murannoon haa warraaqnu. Ilmaan Oromoo, Sabboontotnii fi Qabsaawotni Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegaman yaadataa, Kaayyoo fi Akeeka Gootowwan Oromoo Irratti Wareegaman bakkaan gahuun dirqamaa fi gaafatama nurra jiru tahuu hubannee xumura itti gochuuf haa kaanu! 

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa, 2014

No comments:

Post a Comment