Uummata Bara Baraa Malee Mootummaan Bara Baraa Hin Jiru!

Sadaasa 02, 2014 | Hariiroo Jorgoon Irraa
Uuummata barabaraa malee, mootummaan bara baraa hin jiru! Kutaa tokkoffaa keessatti Wayyaaneen akkamitti akka uummattoota walitti buusuun humna tokkummaa dhabsiisuun umrii bittaa fi saaminsaa dheereffachuuf yaaltu, akkasumas balaa saboota wal irratti kakaasuun kun qabu ilaalleerra. Kutaa kana keessatti immoo akkaataa wayyaanonni itti siyaasaafi dinagdee biyyattii monopoliin itti qabataniifi walumaa galatti adeemsi Wayyaanee kun dhumnisaa garamitti akka nugeessaa jiru ilaalla. Duruma jalqabarraa taayitaaf foolachuun chaartericha kan gatachiifte TPLF har’a biyyootiin irra jireessi kan itti fayyadaman sirna daldala bilisaa akkaataa faallessuun dameelee daldalaa hundaa to’annaa TPLF jala galchuun dinagdee biyyattii monopoliin qabattee jireenya qaalessuun uummaticha hiyyummaan gaaditee hiitee hidhamaa garaasaa-waa’ee garaasaa waan nyaatu malee waa’eesheefi waa’ee dhimma kaanii akka hin yaadne gochuun maayikiroo xixiqqaatii kaasee kamma industiriilee gurguddootti, teeleefi humna ibsaa dabalatee akka fedhetti kan irratti hogganu TPLF dha.

Galaii achirraa argatu malees, TPLF bakka sana gad lakkisuu kan hin feeneefii icciitii dhaabbilee mormitootaafi namoota dhuunfaa ittiin to’achuuf akka ta’e garuu akka hin daganne hubachiisuu feena. Haa ta’uutii gama qoodiinsa taayitaatiinis yoo ta’e, yoo ilaalle bilchiinsota gandaa irraa jalqabee hamma muummicha ministeeraatti, Hayile Maariyaam Dassaaleeny isa fakkeessaaf taa’e dugda duubaan kan jiru golgaa Bi’aadeeniitiin dahaatee Tigirticha Barakati Simooniifii kaawwaanidha. Keessaafuu humni ittisa biyyaafi poolisiin jaallawwan wareegamtoota TPLF irraa kan dhaalle dhaala keenya! Jedhaniiti amanu Aangawoonni TPLF har’aan tana. Dameen tikaa ofiisaafuu mucucaatee kufaa jira malee akkuma beekamu bu’uura amantii TPLF dha.
Walumaa galatti TPLF mirga odeeffannoo argachuu uummataa ukkaamsuun keessaafuu uummata Oromoo, akkasumas maqaa investimentiin qotee bulaafi hiyyeessota seeraan ala lafa isaaniirraa buqqisuun gaaffii mirgaa kanneen gaafatan hundumaa rasaasaafi boonbiin gubaa bineensa uummata keenya waaddee nyaachaa jirtu erga taatee bubbulteetti. Hunduu nan hafiin kan jettu albaadhettiifii ufittoo kan taate TPLF kallattii isheen harkashee itti hin dhuubiin hinjiru! TPLF kaayyoo itti qabsoo jalqabdeef dagachuun meeshaa har’a hidhattee jirtu abdattee saboota kaan koloneeffattee saamaa akkasumas dhiibbaa mirga dhala namaa kan uumama ilma namaa keessa hin jirre raawwachuun xuuxuu badii dhaloota irraa dhalootatti darbu uummata Tigreefii uummattoota kaawwan jidduu kaayaa jirti. Addatti immoo dabni isheen ilmaan Oromoo irratti gaggeessaa jirtu kan diinni kamuu taanaan diina mataa isaa irratti hin raawwanne gochaa suukaneessaa sammuu ilmaan namaa kamittuu ulfaatu TPLF tiif kan akka bashannanaatti ilaalamu ta’eera. Hunda caalaatti immoo dameeleen tikaa TPLF hidhamtoota to’annaa isaanii jalatti argaman irratti cubbuu isaan hojjetaa turaniifi itti jiran kan hammeenya wayyaanee daangaafi safara hinqabne ta’uu agarsiisanidha. Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti reebichaa akka maleen kan lubbuun isaanii dabran, morma hudhuun, summiin faaluun, dhoksaan otoo mana murtiitti hin geessamiin rasaasaan reebamanii ajjeesamanfi kkf malee halkan leeylii gara gaara Inxooxxootti geessuun miilasaa lamaan konkolaataa gara-garaa lamatti hidhuun konkolaatonni sun gara kallattii gara-garaa lamatti akka adeeman gochuun baqaqsanii yerootti irbaata waraabessaa godhan argameera.
TPLF cubbuu kana hundaa kan raawwachaa jirtu, humna diinaa biyya ishee Tigiraayiin weerare irratti otoo hin taane dachee Waaqxi irratti isaan uume dachee biyya isaanii dachee Oromiyaarra lamiilee nagaa jiraattota irrattidha. Har’a garuu TPLF tiif dhugaa tokko dabarsuufii barbaanna. Sibiilaan nama bituun jaarraa 21ffaa kana keessa akka nama hin baasne beekanii dammaquun bala’ama boru dhufuuf jiraatu irraa akka baraaramuutti lakkaa’ama. TPLF dhaabbattee maaliif qabsoo akka eegalte kaayyoo ykn akeeka dhaabashee otoo gulaalte isheef wayya. Dhugaadha! uummata Tigiraayiin bilisoomsuuf malee warra kaan irratti saaphana gabrummaashee diriirsuuf hin turre. Hata’u malee TPLF uf tuulummaatiin akkuma feete gochaa taayitaa irra turuushee malee boru maaltu akka ishee mudatu herregasaa waan wal madaalchifte hin fakkaattu. Hamma ammaatti TPLF biyyittii kanaafii uummata kana irratti akka argite irratti dhiichisaafi irratti geeraraa tuffiin jiraatteetti. Amma garuu yeroo itti kan facaafatte haammattu irra ga’uushee TPLF tiif misiraachoo himuufii jaalanna. Hammam illee ministeera ittisaa keessatti TPLF bakkoota aangoo hunda qabattullee naannawa isheetti marsanii kan jiran uummanni isaaniifi maatiin isaanii rasaasaafi qaala’ina jireenyaa wayyaaneen fiddeen kan jalaa dararamaa jiran waraana ilmaan sabaafi sablamootaati.
Qawween TPLF yeroo ibidda tufu kan isaanii bishaan kan tufu miti! Hunda daran haqa lafa jiru yeroo ilaallu gaachanaafi abdii, amanamaafi aantee uummata Oromoo kan ta’e ABO’n yeroo itti biyya keessaafi alaan ijaaramee jabaatee uummata keessa seenee diina fuula dura dhaabbatee jirudha, yeroon kun. Kanaafuu, ammaa booda, TPLF rakkoo wal xaxaa ufumashee fiddeen akka suphee caccabdee akka hurrooftu, akka qoraaniitti gubattee akka daaraa taatu beekuu qabdi! TPLF dhaabbata du’ashee ijasheetiin arguuf dhihaatte ta’uushee hubachuutu malaaf! Yeroon kun yeroo itti TPLF waan nyaataa turte deebistee itti tuftu yeroo warqee uummata cuqurfamooti! Dhiiga ilmaan Oromoon kan gabbatte TPLF dachee Oromiyaa irratti owwaalamtee garamittillee karaa itti baafattu hin qabaattu! Oromiyaan bakkee owwaalchaa TPLF ni taati! Uummanni Oromoo ammaa booda gatiittii ykn qolee ittiin gabrummaa baatu gonkuma hin qabu! Dhumarratti yoomillee ta’u, TPLF kan dagachuu hin qabne akka isheen xinxaltu kan barbaannu hojiin manaa tokko jira. Kunis uummanni Oromoo daangaa uummata Tigiraay waliin isa daangessus akka qabu TPLF yoomuu taanaan dagachuu yoo baatte gaariidha.
Har’a lafaafi uummata keenya humnaan nurraa fudhatte Raayyaan ilma Oromoo qulqulluu ilma Walloo ta’uun xiinxalamuufi hubatamuu qaba. Jaalatames jibbames yeroon dhufu kun bor yeroo bilisummaa Oromooti! Gaafas immoo Oromoon Afrikaa Baha irratti humna waraanaa jira jedhame olaanaafi jabaa ijaarrachuunsaa wal nama hin gaafachiisu! Uummata bara baraa malee mootummaan bara baraa hin jiru! 

No comments:

Post a Comment