Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneen Murtii Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Dawaa 21 Irratti Dabarse Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Sadaasa 05, 2014 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mootummaan Wayyaanee afaan qawweedhaan erga aangootti olbahee kaasee hidhaa, ajjeechaa, biyya irraa arii’uu fi darara dhala namaaf hin malle barattoota Oromoo irratti gaggeessaa as gahe. Barattootni Oromoo dhiibbaa mirga namummaa fi Dimokiraasii Uummata Oromoo irratti gahaa ture dura dhaabbachuun wareegama qaalii kaffalaa turan. Mootummaa wayyaanee abbaa irreef murtiin dabaa hidhaa fi ajjeechaan QBO duuba kan deebisu itti fakkaachuudhaan itti fufinsaan daba daangaa hin qabne gaggeessaa as gahe.


Gaaffii abbaa biyyummaa barattootni Oromoo gaafatan dura murtii hidhaa fi ajjeechaa dabaan dhaabbachuun kan beekamtu wayyaaneen barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee keessaa mana hidhaatti guurte irratti murtii dabarsite. Sabboontota Barattoota Oromoo 21 kan Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessaa baratan irratti himannaa dharaa kan bane abbaan irree Wayyaaneen mana murtii sadarkaa 1ffaatti murtii hidhaaf dabarsuun murtii dabaa itti murteessite. Barattootni kunneen ji’a jaha guutuuf mana hidhaa mootummaa Wayyaanee gidduu galeessaa Maa’ikelaawwii fi Dirree Dawaa gidduu naannessuudhaan rukkuttaa hamaa irraan kan geessu yoo tahu ammas murtii hidhaa waggaa fi qarshii 500 eegalee hanga waggaa shanii fi qarshii 500tti itti murteessitee jirti. Barattootni kunneen

  1. Barattuu Daraartuu Abdataa Araarsoo
  2. Barataa Mootii Baanjuu Ayyaana
  3. Barataa Dheeressaa Simee Qumbii
  4. Barataa Dassaaleny Beeksisaa Imaanaa
  5. Barataa Abdii Birraa Baqqalaa
  6. Barataa Gadaa Baanetaa Gannaalee
  7. Barataa Leencoo Teediroos Dheeressaa
  8. Barataa Darajjee Tasfaayee Mokonnin
  9. Barataa Ifaa Geetachoo Obsaa
  10. Barataa Amaanu’eel Ittafaa Sirneessaa
  11. Barataa Baacaaa Bazzuu Baaldaa
  12. Barataa Dassaaleny Korsaa Saaphinee
  13. Barataa Taagel Gulummaa Olqabaa
  14. Barataa Milkeessoo Qaaqoo Galaalchaa
  15. Barataa Musaa Umar Tusaa
  16. Barataa Yeroosan Shallamoo Qabataa
  17. Barataa Miliyoon Olqabaa Gootaraa
  18. Barataa Gaaddisaa Asfaaw Rattaa
  19. Barataa Taaddalaa Baqqalaa Tolosaa
  20. Barataa Oliyaad Bulbulaa Sambatuu
  21. Barataa Abdusalaam Huseen Gannaa
Murtii dabaa mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo irratti dabarse Jaarmayaan Qeerroo
Bilisummaa haala olaanaadhaan ni balaaleffata. Murtiin hidhaa fi ajjeechaa waayyaaneen darbu hanga bilisumaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti kan itti fufu tahuu uummatni Oromoo beekuu qaba.


Kanaafis Uummatni Oromoo waanjoo garbummaa bara baraan jabaachaa dhufe kana of irraa buusuuf bakka jiruu Fincila Diddaa Garbummaa gaggeessuu akka qabus Qeerroon Bilisummaa waamicha dabarsa. Addatti ji’i Sadaasaa ji’a FDG tahuu hubachuudhaan Uummatni Oromoo bakka jiruutti FDG wal irraa hin citnee fi mootummaa wayyaaneetti xumura godhu gaggeessuuf duuba akka hin deebine quba qabaachisna.


Injifannoo Uummata Oromoof!!


Gadaan Gadaa Bilisummaati!!


Qeerroo Bilisummaa


Sadaasa 5, 2014


Finfinnee

No comments:

Post a Comment