*** QARSHIIDHAAF NAMA DHABE *** Walaloo Galaanaa Dheeressaa Irraa

Muddee 16, 2014 | Galaanaa Dheeressaa*
 =========================================================================
******** QARSHIIDHAAF NAMA DHABE **********
QARSHIIDHAAF NAMA DHABE
Isa ati iyyummaa koof
Nama miti” naan jette
Isan daaree rakkadheef
Madaallii gad na goote
Abaabee koo sin taajjabe
Yaadadheen aariin na qabe
Garuu si hin jibbine……
Garaa jaalalaan dadhabe
Iyyummaa qarshiirraa bahuuf
Deemsa dheeraan calqabe
Hojjadhee qarshiin sooromeen
Si argachuuf sardameen
Nan dhufe horii qabeen
Garuu si hin arganne….
Qarshiif duuteen si dhabe
Maalan siif godha deemtee
Fagaattee yaa Abaabee
Qarshiidhaan nama ta’een
         ******** Qarshiidhaaf nama dhabe *******
========================================================================
* Galaanaa Dheeressaa Jootee, Hagayya, 2014

No comments:

Post a Comment