*** TAA’EETUMAN YAADDA’A*** Walaloo Galaanaa Dheeressaa Irraa

Muddee 16, 2014 | Galaanaa Dheeressaa*
 *** TAA’EETUMAN YAADDA’A***
=========================================================================
Taa’eetuman yaadda’a
Karaa cufame banuuf
Ulaasaan barbaada ka’a
Garuu ...….
Waan sibiilarra cimuun
Yaanni natti ijaaramee
Yaaddoon hidhamee hafuu
Mataa kootti maramee
Jilba koo na gaadi’a
Dhukkuba bor ta’uu dhabuu
Kan sammuun du’u agabuu…
Yeroon yaadu nan na’a
Osoon beekuu wallaaluun
Ebichuma…Natti hadhaa’a
Osoon danda’uu daddhabuun
Akka ashaboo dhangaggaa’a
Dubbachuuf yeroon eega…,
Of keessatti ukkaamseen taa’a
*** taa’eetuman yaadda’a….. ***
========================================================================
* Galaanaa Dheeressaa Jootee, Adoolessa, 2014

No comments:

Post a Comment