******** MUU JALDEESSA ******** -Walaloo Galaanaa Dheeressaa Irraa

Amajjii 09, 2015

MUU JALDEESSA
***************************
Kuunnoo gama sanaa
ga’eee jira makarri
Ati hojii dheensitaa,
Asumaa raammoo guuri

Ormi obbolaa kee hacuuceet
Kan fedhe keessaa qabata
Of wallaalchisee ka’eet
Bara itti dabarfata
Ati hanga inni deemutti eegdeet
Waan siif dhiise funaanta

Fakkaattiin kee ari’ee qabeet
Qalee, diimina muree nyaata
At’ teessoo kee garagalchiteet
Icciitiisaa gad diigdeet
Lubbuu jala jiru ofitti dhudhaata

Of baqataa halbaadhessa
Sin tuffadhe yaa dabeessa
***** Of hattittii muu jaldeessa *****
Galaanaa Dheeressaa Jootee, 2014 G.C
************************ 

No comments:

Post a Comment