"Dhuguma Diinagdeen keenya Dijiitii lamaan guddatee????"

Amajjii 25, 2015 | Obbo Nageessaa Oddoo Irraa


Imaammanni diinagdee Itoophiyaa bara 1991 kaasee ADLI (Agricultural Development Led Industrialisation) akka ta'e ni beekkama. Akka imaammata kanaatti "misooma qonnaa babaldhisuudhaan oomisha qonnaa guddisuu-achiin duuba oomisha san export gochuudhaan mallaqa isarraa argataniin suuta suutaan gara industry babaldhisuu " kan jedhu ture. Tarsiimoon guddinnaa kun biyyoota biraatti milkaa'us nu biratti garuu hin milkoofne.

Guddinni dijitii lamaa eessarraa argame?
Dhugaadhaa oomishni woliigalaa baroota 1992 booda kan duraarra dabaleera. Fakkeenyaaf Oomishni dur kuntaala miliyoona 10 ture woggaa saddeet keessatti kuntaala miliyoona 11 ta'e yokaan miliyoona 15 yo ta'e kanarraa kaatee parsantii 10% yokaan 50n guddate jechuun dogongira. Maaliif jennaan oomisha guddate san jirjiirama ykn baayyinna uummataf qooduu qabda. 
 ▲production÷▲population ta'uu qaba. 

Kan Itoophiyaa woggaa kudhanitti baayyinni uummataa miliyoona 54 irraa gara miliyoona 75 ti guddateera. Oomishni dabalataan argame wolirraa hirdhatee uummata dabalameef hiramuu qaba ture. Mootummaan ADWUI garuu dabala uummataa osoo keessa hin galchin ykn osoo baayyinna uummataaf hin hirin parsantii 11n guddanne jedhee booqqee banaa ture. Ammalle faaggaa baniisa jira.........
 
Dhugaan jirtu garuu baroota 1984-1992ALI keessatti:

  1. Laakkofsi qonnaan bultoota lafa hektaara tokkoo gadi qotatanuu kuma 382 (382,000) irraa gara Miliyoon tokkoo kuma 193 (1,193,000.00) ti olguddate. 
  2. Lakkoofsi qonnaan-bultoota lafa wolakkaa hektaaraa gad qabanii ammoo miliyoona 2 irraa gara miliyoona 4, fi kuma 360 ti ol guddate.
Kana jechuun lafti qonnaan bulaa tokkoo tokkoo baayyee xixiqqaa (fragmented) ta'uurraa kan ka'e oomshni namni tokko oomishu basyyee gad bu'aa ta'uu hubanna.Yeruma kana keessa oomishni hektaara tokkorraa argamu 10% parsantii kudhaniin akka gad bu'e ibsameera. Galiin qonnaan bulaan tokko tokko matatti argatulle 5% parsantii shaniin kan gad bu'e ta'uun ibsameera. Kana jechuun oomishni akka woliigalaatti haa guddatu malee baayyinna uummataa fi yo hiramu oomishni namni tokko oomishu kan duriirraa 5% gad bu'a jechuu dha.


Worra EPRDF kan guddachuu oomishaa osoo baayyinna uummataaf hin hirre nutta kijibuun kana kijiba keessan nurraa dhaabaa haa jennuun!!!!!
Woriyaa beenta dhaaf!!!!!!!!!

(NB: Maddi odeeffannoo kiyyaa (daataa kanaa) gabaasa Ejensii Istaastiksii Biyyoolessa Itoophiyaa ti.)

Horaa Bulaa Deebanaa!!!
Kaayoo Qanna!!!

No comments:

Post a Comment